Qaabacha Seera 19 - KITAABA WAAQA1 Eegi AABBO Waaqi keesani worra isaani lafa isani iraa fud'attani balleese, ka isani dirafi mana worraa ira fud'attani keesa teetani, 2-3 lafa suni fulla saditi gargari baasa ka kamu dira ufi qabu. Duuba nami nama ijeesu dandae dira suni tokoti baqata, aka lubbu ufii baasu. 4 Yo nami nama nyaapa isaa intahini, danu ijeese, inni dandae dira kana tokoti baqate lubbu ufii baasa. 5 Fakeenna, yo nami lama woliini badda seene mukha mure ato nami toko mukha muru d'agaraani isaa sukka keesaa bahe, nama wahela isaa kaani ijeese, inni dandae dira suni sadeeni tokoti baaqate lubbu ufii baasa. 6 Yo diri suni toko ch'alla taate, takachi suni nama ira fagaata duuba fiit'aani nama ijeesani suni ka haalo baasufi, nama kaani ka woma keesa injirre hegeri d'aqabe ijeesa. Ka ufuftu nami sunini namuma nyaapa isaa intahini danu ijeese. 7 Tanaafi anini Dira sadi huji tana koba baasa isaniini jed'a. 8 Hojja Waaqi keesani, akuma inni ababoota teesaniti kakhate, lafa teesani ballise, lafa inni isanii kakhate ch'ufa isanii keenne, 9 dira kana saadeeniti dira d'ibi saadi dara. (Yo isani waan anini arra isaniini jed'e ch'ufa guutani AABBO Waaqa keesani jaalattani kara isaa gula yaatani inni lafa tana isanii kenna.) 10 Waan kana tolcha, aka nami woma keesa injirre indoone, isanileeni lafa AABBO Waaqi isanii kennu keesati worra suni ijeeftani wollaala inarganne. 11 Ammo yo nami nyaapa ufii gaade beekha ijeese dira suni tokoti baqate, 12 duuba jaaroleeni dira inni keesati d'alate suni ha nama ergite, isa qabani, harka fiit'a namicha inni ijeese suniti kennani; akanaani nami suni isa ijeese haalo baafatu. Nama akasi suni diqole 13 inahina nama nama ijeese kana Israeli keesaa balleesa, aka wonti ch'ufti isanii toltu. Daari duriti 14 Daari lafa nama d'ibi, ta qara duri jaaroleeni mid'aasite, lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu keesati, imballeesina. Nama d'uga namaa tahu 15 Nami toko ka nama woyake himu ingahu: yo nami lamafi; sadi himu male, wollaala nama suniti imurina. 16 Yo nami d'araani nama himate, Nami sunini ya woyake jed'e, 17 Worri sunini lachu ha AABBO Waaqa dura d'ufuti, aka qaaloleefi jaallabi, ka gaafasi huji harkaa qabu, dubbi worra ilaaltu. 18 Jaallabooti dubbi ha aka dansaa qorqoratte ilaaltuti, hojja nami nama himu kaani nama waan d'araatiini hime dubbini suni isa ira deebite, 19 Waan sila inni nama kaani tolchu fed'e ha isa tolchaniti. Akanaani waan hamtu akana kana ufi keesaa baaftani. 20 Duuba nami ch'ufti d'agaye sodaate deebie waan hamtu akana kana intolchu. 21 Nama akasi sunii inahina: ka lubbu ijeese, ijeesa, ka ila basse ila bassa, ka ilkaani buqise, ilkaani buqisa, ka harka kute, harka kuta, ka miila kute, miila kuta. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya