Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Qaabacha Seera 14 - KITAABA WAAQA

1 Isani ilmaani AABBO Waaqa keesaniti; tanaafi hojja nama due bootani, ufi imurina, yokhaani mata dura inhaadatina.

2 Isani worra qulqullo ka AABBO Waaqa keesani; inni ya gosa ch'ufa ta lafa gubba jirtu keesaa isani fohate, gumi ufii isani tolfate.


Bineensa qulqulloofi ka qulqullo intahini
( Lawi 11.1-47 )

3 Waan AABBO Waaqi infeene tokole inyaatina.

4 Bineensi isani nyaachu maltani kana: looni hoolafi laleesa,

5 hiddi, saala, gadamsa, gugufto, bushaa ch'ufa —

6 bineensa qeench'i kaarru qabuufi ka alala deefatu.

7 Ammo bineensa tokole inyaatina, ka qeench'i kaarru qabuufi ka alala deefatu male. Gaala, hillensafi bineensa d'ibi aka isaale inyaatina. Bineensa akasi suni aka waan qulqullo intahiniti herega; wonti akanatiifi bineensi kunini alala deefata, ammo qeench'i isaani kaarru inqabu.

8 Booyye inyaatina, isiile aka waan qulqullo intahiniti herega; wonti akanatiifi qeench'i isii kaarru qaba, ammo alala indeefatu. Bineensa akana kana tokole inyaatina, yokhaani reefa isaanile intuqina.

9 Qurt'umi gosa ch'ufa ta bisaani keesa galtu nyaad'a.

10 Ammo waan bisaani keesa gala, ka qurt'umi intahini, inyaatina. Aka waan qulqullo intahiniti herega.

11 Simpirre qulqullo ch'ufa nyaad'a.

12-18 Wonti koola qaba ka isani nyaachu himmaliini tana: risafa, urungufa, qorefa, rumichafa, akko abeerafa, haranqeesafa, rand'ufa, guchifa, simpirre bisaani ch'ufa, baabo alloonafa ammalle raarefa inyaatina.

19 Bineensi didiqani koola qabu ch'ufti qulqullooniti inyaatina.

20 Ammo bineensi didiqani d'ibiini qulqullo, nyaad'a.

21 Bineensa tokole ka ufiini due inyaatina, nama gosa d'ibi ka isani keesa godaanu kenna, ha nyaatuti, yokhaani nama d'ibi alalle iti gurgura. Ammo isani ka AABBO Waaqa keesaniti; gumi isaati. Ilmoole haad'a hootu na ind'aabiina.


Waan qooda Waaqaa baasani

22 Ganna ch'ufa waan oobruuni teesani baaftu kud'ani keesa toko naa baasa.

23 Duuba fulla AABBO Waaqi keesani fohate isa iti kad'attani d'aqa, achiti isa duraa mid'aani, daad'i, d'ad'a, waan horiini goroomuma d'ale, ka loonitifi ka reele, kud'ani keesa toko nyaad'a. Waan kana tolcha, aka hojja ch'ufa AABBO Waaqa keesani sodaatani.

24 Hojja karaani d'eerate, fullaani sunini isaani ira fago taate, qooda waan AABBO Waaqi isanii kenne sunini d'ufu dad'abdani, waan kana tolcha:

25 Qooda suni gurgura, beeseti deebisa, beese suni fud'ad'a, fulla AABBO Waaqi keesani fohate taani d'aqa,

26 waan feetanini bitad'a — looni taanaani, ree taanaani, daad'ifi farsole taanaani — achiti AABBO Waaqa keesani dura, worra keesani woliini, nyaad'a quufa gammada.

27 Worra gosa Lawi ka dira keesani keesa tau inded'ina; wonti akanatiifi worri qooda lafa tokole inqabu.

28 Yo ganni sadi hobae ch'ufa qooda mid'aani keesani ch'ufa gabaasa, dira keesani keesati olnaqa.

29 Sagaleeni tunini ta worra gosa Lawiti wonti akanatiifi worri qooda lafa inqabu: ammalle sagaleeni suni ta keessumatifi ta hiyyeeyitifi ta nad'eeni d'iirsi ira due ta dira keesaani keesa teetuti. Worri ha d'ufe nyaate quufuti. Waan kana tolcha, duuba AABBO Waaqi keesani waan isani tolchitani ch'ufa keesa isani eebisa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan