Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Qaabacha Seera 13 - KITAABA WAAQA

1 Yo raagafi yokhaani nami waan oobju himu d'ufe akheekhafi waan mama tolche,

2 ammalle akheekhafi wonti mama ka inni himu yo guutamte, ammalle yo inni, waaqa d'ibi ka isani imbeenne gula nu yaasa inhojanna jed'e,

3 isani dubbi raaga sunitifi, ka nama waan oobju himu suni, inch'aqasina. AABBO Waaqi keesani nama akasi suniini isani laalata, aka isani AABBO Waaqa garaa tokofi onne tokooni jaalattani argu fed'a.

4 AABBO Waaqa sodaad'a, gula deema, dubbi isaa ch'aqasa, seera isaa guuta; isa hojad'a, biraa indeemina.

5 Ammo raagafi nama waan oobju himu ka akasi suni ijeesa; wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti taatani keesaa isani baase, iraa gora jed'e isani barsiisa. Nami akasi suni hama, kara AABBO Waaqi keesani keesati bulla isaniini jed'e iraa isani gorsu fed'a. Tanaafi isaa ijeesuu maltani, aka waan hamtu akasi ufi keesaa baaftani.

6 Hegeri oboleesafi ilmaafi intalafi niiti atini jaalatufi jaali kanke jabaani si sobe, koota waaqa d'ibi kad'anna (ka isanifi ababooti teesani imbeenne) sini jed'a.

7 Worra suni keesa nami toko waaqa worra d'aatu teesani jiru, yokhaani ka sira fago jiru, sosobe sii kad'achiisa.

8 Ammo insobamini, yokhaani inch'aqasinile, isaa naate d'ossite illakisini.

9 Ijeesi firfirsi d'akhaani d'ai, duuba nami d'ibileeni ha d'akhaani d'auti.

10 D'akhaani d'ai, ijeesi! Wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa kanke, ka lafa Misiri, fulla isani tisse iti taatani, keesaa isaani baase, iraa si gorsu fed'a.

11 Duuba worri Israeli ch'ufti waan tahe d'agaye sodaate, nami tokoleeni deebie waan hamtu akana kana intolchu.

12 Hojja dira AABBO Waaqi keesani isani kennu keesa teetani,

13 aka nami keesani ka gari, seseegi woma keesa injirre, worra dira suni sobe waaqa isani taka inkad'atiini kad'achiisu hegeri d'ageetani.

14 Yo waan akasi fa d'ageetani, aka dansaa dubbi suni jabeesa qorqorad'a; yo d'uguma wonti hamtuni akasi sunini taate,

15 nama dira suni keesa jirufi looni worrale hobaasa, woma illakisina. Dira worrale ch'ufa balleesa.

16 Waan nami dira suni qabu ch'ufa woltiguura, jiddu dira, fulla nami iti wolwoldauti, tuula. Duuba dirafi waan keesa jira ch'ufa guba, akuma sorio gubani AABBO Waaqa keesani baaftani. Diri sunini ha haguma jiru akasuma tahuti, deebitani injaarina.

17 Waan balleesu malani oli inkeyaatina, aka AABBO Waaqi dallansu ufii hamtu taani galfate isanii nahu. Inni isanii nahe isani daraarsa, akuma inni ababoota teesaniti kakhate,

18 hojja isani qonqo isaa d'ageetani, seera anini arra isanii kenne guutani, waan isaa durati qajeeltu tolchitani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan