Qaabacha Seera 12 - KITAABA WAAQA1 Tunini aadaafi seera, ta isani haga lafa AABBO Waaqi ababoota teesaniini isanii kennu keesa teetani, guutu maltani. Seera kana ch'aqasa! 2 Lafa isani fud'attani suni keesati, fulla worri lafa suni waaqa worraa iti kad'atu ch'ufa, gaara d'ed'eerafi kubile gubba taanaani, mukeeni dodoti jala taanaani, balleesa. 3 Fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu, aka worri old'ad'aabe ch'ufa, ch'ach'absa. Akheekha waaqa worra ka Ashera jed'ani gubaa waan worri boch'e aka waaqa kad'atu gargari ch'ira, aka deebiani fulla suniti inkad'anne. 4 Kara worri waaqa ufiitini kad'atu, isani AABBO Waaqa keesani inkad'atiina. 5 Lafa gosa teesani ch'ufa keesaa, AABBO Waaqi fulla toko, ta gumiini isa dura d'ufte isa kad'atu, fohata. 6 Achiti isani sorio teesani ta gubanifi sorio d'ibile ammalle qooda Waaqaa baaftanifi waan d'ibi isaa baaftanile, waan isani kakhatani Waaqa baaftanifi waan fed'i gula waaqa baaftanile waan loonifi reeni teesani goroomuma d'altu Waaqaa baasa. 7 Achiti, AABBO Waaqa keesani ka isani eebise durati, isanifi worri keesani sagale nyaattani waan dansa isani hojattani iraa gammaddani. 8 Hojja guyyaani suni gahe, aka amma tolchitani kana tolchu himmalle. Haga ara isaniini ch'ufti waan feetani tolchitani; 9 wonti akanatiifi isani qara lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu ta isani nagayaani keesa teetani, ingeenne. 10 Hojja galaana Yordani taakitani AABBO Waaqi lafa suni isani kenne isani keesa teetani. Inni nyaapa keesani ch'ufa isani iraa d'owe, isani nagayaani teetani. 11 AABBO Waaqa fulla toko ch'alla ta iti kad'atani fohata, achiti waan anini kootani isaaniini jed'e, d'ufuuni maltani: sorio gubanifi sorio d'ibile, qooda Waaqa baasanifi waan d'ibi ka baasanile, ammalle waan isani Waaqa kennina jettani kakhatanile. 12 Achiti isa durati, isanifi ilmaani teesanifi hojattu teesanifi worri Lawi ka dira keesani keesa tauleeni gammada; qaabad'a aka worri Lawi qooda lafa inqamne. 13 Fulla feetaniti sorio teesani imbaasina. 14 Fulla AABBO Waaqi, lafa gosa teesani toko keesaa fohatu, ch'allati baasa. Arti ch'allati sorio teesani ta gubani baaftani waan d'ibi ch'ufa ka anini isaniini jed'e tolchitani. 15 Ammo fulla isani qubattani ch'ufati dandeetani hori keesani qalatani nyaattani. Hori haga AABBO Waaqi isanii kenne nyaad'a. Isaniini ch'ufti yo qulqullo taatanifi yo qulqullo intahinile dandeetani nyaatani akuma isani fooni hidditifi ka saala nyaattani. 16 Ammo d'iiga isaani insooratina aka bisaani lafati jissa. 17 Waan Waaqaa baaftani tokole fulla iti galtaniti inyaatina: qooda mid'aani taanaani, ka daad'i taanaani, ka d'ad'a taanaani, waan loonifi reeni teesani goroomuma d'alte taanaani, waan isani Waaqaa baamna jettani ka katanile taanaani, waan fed'iini baaftanile taanaani, yokhaani waan d'ibile, ka isani Waaqaa baaftani tokole insooratina. 18 Isanifi ilmaani teesanifi hojattu teesanifi worri Lawi ka dira keesani keesa tauleeni waan Waaqaa baasani kana AABBO Waaqa keesani ch'alla durati soorad'a fulla kad'acha ta AABBO Waaqi keesani fohate suni ch'alla keesati soorad'a. Ammalle waan tolchitani ch'ufa ira gammadu maltani. 19 Ammalle eegad'a aka haga lafa teesani keesa teetani worra Lawi indeene. 20 Hojja AABBO Waaqi keesani akuma inni kakhate lafa teesani iti isanii dare ballise, fooni hojja feetani ch'ufa inyaattani. 21 Yo fullaani AABBO Waaqi keesani fohate iti na kad'ad'a jed'e isani iraa guddo fago taate, hojja feetani dandeetani loonifi ree, ka AABBO Waaqi isanii kenne, qalattani worrati nyaatani, akuma anini isaniini jed'e kaani. 22 Nami ch'ufti, qulqulloofi ka qulqullo intahinile dandae fooni suni nyaata, akuma inni fooni hidditifi ka saala nyaatu. 23 Eegad'a, d'iiga ch'alla insooratina; wonti akanatiifi jireenni d'iiga keesa jira, tanaafi jireenna sunifi fooni ka woliini jira insooratina. 24 D'iiga insooratina, ammo aka bisaani lafati jissa. 25 Yo isani seera kana guutani, AABBO Waaqi gammade, wonti ch'ufti isanifi ilmaani teesani tolti. 26 Ammo waan qulqullo ka baasu maltanifi waan isani, Imbaamna jettani kakhatani fuud'a, fulla AABBO Waaqi fohate geesa, 27 fulla sorio AABBO Waaqaa irati baasaniti sorio gubani baasa. Ammalle d'iiga sorio fulla sorio irati baasani suniti jissa, ammo fooni isii nyaad'a. 28 Dubbi anini isaniti hime tana ch'ufa jabeesa, aka wonti ch'ufti isanifi ilmaani teesani toltu haga jiru jireenna, yo akasi taatani isani waan dansa, ka d'uga fuula AABBO Waaqa keesani durati tolchitani. Akasiini isa gammachiiftani. Aka waan harkani boch'ani kad'atani iraa nama seerani 29 Hojja AABBO Waaqi keesani gosa isani lafa iraa fud'attani, isaani duraa balleese isanileeni lafa ira fud'attani keesa teetani, 30 ufi eegad'a aka finna worra gula yaatani t'urura keesa inseenne. Ammalle gochiti tunini akami waaqa worraa kad'ati? — nuleeni sila akasi kad'achu feena injed'ina. 31 Aka worri waaqa worraa kad'atu AABBO Waaqa keesani inkad'atiina: Wonti akanatiifi worri hojja waaqa worra kad'atu, waan hamtu ch'ufa ka AABBO Waaqi jibbu tolcha. Worri hojja sorio waaqa worrati baasu ilmaani isaanile gube baasa. 32 Waan anini isaniini tolcha jed'e ch'ufa tolcha: Waan tokole iti indarina, yokhaani inhanqisiina. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya