Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Nahumu 2 - KITAABA WAAQA

1 Ee Ninawi, la si had'ani! Irreeni si balleesitu ya d'ufte. Boota jaarad'a! Kara eega! Mart'ifad'a, kurfefad'a!

2 (AABBO Waaqi guddinna Israeliti deebisuu jira, aka gaafa duri nyaapi saame imballeesini kaaniti deebisu fed'a.)

3 Duuli nyaapaa wonte diimtuuni yae woya diimtu naqata. Worri had'iisa kurfefachuu jira! Gaariini worraa, ka fardi hirkisu, aka ibida bibiliqa! Fardi worraleeni imbuburaqa!

4 Gaariini dirati baafate dira keesa fulla ch'ufa orie, aka ifse ibidaa ifse, aka angaasu angaa.

5 Worra gugurda askarti yaamani; worri ato yau gufata. Nyaapi naabo dirati orie, nama isaani, ka balbala dira suni jigeesa mukhatiini ch'absu, wonte tahafi.

6 Balbalti fullo ta d'aatu galaana irreeni banamte, nami mana hayyuu keesa jiru ch'ufti babakhakhe mudama.

7 Hayyiti qabani jennaani hojaattuuni isii aka sabaliisa ch'aarte lalefatte mata qabatte booti.

8 Worri Ninawi aka haro farqate baafate baqata! Ejad'a, ejad'a! jed'ani iyyani, ammo nami tokoleeni garagale indeebiu.

9 Qarsi saama! Worqi saama! Diri kunini miha hedheddu ka muumme inqamne, ka gati guddooni bitani, qaba!

10 Ninawi yayu saamani balleesani ona tolchani! Lubbuuni nama d'ufte, onneeni namaa ch'ite, humniti namaa hollatte, fuulileeni namaa golgolaa.

11 Diri goda nyeench'a fakaatu kaani amma meeti? Fullaani kuble nyeench'a iti nyaachisani, ta kormafi d'alaani nyeench'aa iti gale kuble ufii qorqoratu, me?

12 Nyeench'i bineensa nyaate, d'alafi kuble isaati fooni ira tatarsaase; inni goda ufii fooni tatarsaaseeni guute.

13 AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini ya siti nyaape; amma gaari keesani ka fardi hirkisu inguba. Nama keesani ka duulaa lola keesati fit'ani; ammalle anini waan worri biyya ira saame ch'ufa iraa fuud'a. Waan irre teesani deebiani lafa keesati ind'agayani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan