Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhii Yohaannisii 9 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani malaikaani shaneeso magalata ufi d'oofte. Anini urji gubbaa lafati gadi buute arge; fura boola qile iti kennani.

2 Urjiini taani boola qile taani bante, aari aka aara boola ibida gudda keesa yae. Maro aara sunitiifi adufi qilleensi dukanae.

3 Awaanisi aara kaani keesaa lafati baafate, jabeenna aka qanjibu kennaniifi.

4 Buuyofi mukhafi waan dotaata tokole intuqiina, ammo nama beesisa Waaqa adda inqamne balleesa jed'aniini.

5 Awaanisaani, Nama inijeesiina, ammo haga jia shani ch'ufa nama gaargalcha jed'aniini. Awaanisi kaani aka yo qanjibuuni nama ch'iniintu nama d'ukubsitu nama d'ukubsa.

6 Jia shanaani suni jari sunini dua barbaada, ammo inargatani; duu fed'ani, ammo doti worra baqatti.

7 Awaanisi aka fardo lola kurfoofte jira; mata ira waan aka sure hayyuma ta worqi qaba. Fuuli worra aka fuula nama jira.

8 Rifeensi worra aka rifeensa nad'eeni jira, ilkaani worra aka ilkaani nyeench'a jirani.

9 Qomti worra waan aka wonte sibiila qabdi, iyanti koola worraa aka iyana fardo lola yaatu jirti.

10 Inni eege aka qanjibu ta namaani ch'iniinu qaba, inni eege tanaani jabeenna haga jia shani ch'ufa namaani gaargalchani qaba.

11 Hayyu worra mohatu qabani; inni malaika boola qile suni qorqorattu. Maqaani isaa afaani Ebraniatiini Abadoni, afaani Grikitiini Apolioni, akasi jechaani, ka wa balleesu jechu.

12 Gaargali qara ya hobae; eegi waan kana gaargala lama d'ibiti hafe.

13 Jennaani malaikaani jaeeso magalata ufi d'oofte. Anini qonqo toko d'agaye; isiini fulla waan sorio irati qalani ta worqi ta Waaqa dura ejitu d'ufte.

14 Qonqooni taani waan malaika jaeeso ta magalata harkaa qabduuni jette, Malaika afraani fulla galaana Efrati jed'aniti hid'ani gadi lakisi!

15 Duuba malaika afraani taani gadi lakisani; maro hojja tanaafi guyya kanaafi, jia kanaafi ganna kana isii kurfeesani aka qooda sadeeso ka nama lafaa fit'u.

16 Henna nama duula ka fardaani yau nati himnaani; milioni d'ibba lamaati.

17 Oobju keesa anini fardoolefi nama isi ira tatau arge: Worri wonte aka ibida bobeetu qaba, ta aka dooqa bulle, ta ammalle daalatooftu. Mataani fardoole aka mata nyeench'a jira, afaani worraa keesaa ibidafi aarafi qanqeeni yaate.

18 Qooda sadeeso ka nama lafaa gaargali kunini sadeenu balleese: ibidafi aarafi qanqeeni afaani fardoole keesaa yaatu.

19 Jabeenni fardoole afaanifi eege isii keesa jira. Eegeeni worra aka bofa jirti, mata qabdi, eege tanaani nama lafaa balleesani.

20 Nami lafati hafe kaani, ka gaargali kunini inijeesiini, waan harka ufitiini mid'aafatani kaani iraa indeebine, jinniifi waan harkaani boch'ani ka worqifi qarsifi saldaqafi d'akhafi mukhaani mid'aasani, ka dandae lafa ingarre, ka woma indandeenne, ka dandae indeemne, kad'achu illakimne.

21 Ijeechafi falfalafi algaloomafi hanna tolchani, tokole iraa indeebine.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan