Mudhii Yohaannisii 7 - KITAABA WAAQA1 Eegi waan kana anini malaika afuri ta qota lafa afraani ejitu arge, ta bubbe afraani lafa ira d'owartu, aka bubbeeni tokoleeni lafafi galaana yokhaani mukhati imbubimne. 2 Anini malaika d'ibi ta gara ilaboruti d'uftu, ta beesisa Waaqa jiru harkaa qabdu arge. Isiini qonqo guddooni malaika afraani ta Waaqi jabeenna lafafi galaana balleesitu kenneefi taani yaamte. 3 Malaikaani waan jetteeni, Haga nu hojattu Waaqa keenna beesisa adda gubba keennuti, lafafi galaanafi mukha intuqiini. 4 Jennaani henna nama beesisa Waaqa adda gubba qabu nati himani: gosa Israeli ch'ufa keesa nama kunki d'iba tokofi afurtami afuri. 5 Gochiti Yuda kunki kud'ani lamaati, nami beesisa qabu; gochiti Reubeni kunki kud'ani lamaati; gochiti Gadi kunki kud'ani lamaati; 6 gochiti Asheri kunki kud'ani lamaati; gochiti Naftali kunki kud'ani lamaati; gochiti Manase kunki kud'ani lamaati; 7 gochiti Simeoni kunki kud'ani lamaati; gochiti Lawi kunki kud'ani lamaati; gochiti Isakari kunki kud'ani lamaati; 8 gochiti Zabuloni kunki kud'ani lamaati; gochiti Yusufu kunki kud'ani lamaati, gochiti Benjamini kunki kud'ani lamaati. Gumi guddo nama 9 Eegi waan kana anini millad'e gumi namaa guddo arge nami tokoleeni dandae nama suni ch'ufa inhedu! Gumiini suni lafa ch'ufa, gosa ch'ufa, afaani ch'ufa keesa baate, barch'uma guddafi Ilme Hoola dura ejaanjate woya adaadi keyate, dame qoone harkati qabate. 10 Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Baafami gara Waaqa keenna, ka barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoolati. 11 Malaikaani ch'ufti barch'uma guddinnatiifi jaarolefi waan lubbu qaba afraani kaani marsite, barch'uma guddinna durati jidde Waaqa guddifte, waan jette, 12 Amini! Faarufi guddinnaafi qaroomafi galatafi ulfinnafi jabeennaafi humniti ta Waaqa keennati, ammafi hegerile! Amini! 13 Jaarsi toko waan na gaafate, worri woya adaadi qabu suni eennu? Worri eesaa d'ufe? jed'e. 14 Anini waan jed'eeni, Anini imbeekhu, siti beekha. Inni waan naani jed'e, Kunini worra nagayaani gaargala jala bahe. Worri woya miich'ate d'iiga Hoolatiini adefate. 15 Maro waan kanatifi halkani guyya barch'uma Waaqa dura ejaanjani Mana Waaqa keesati isaa hojatani. Nama barch'uma gubba tau suniti worra woliini tae worra qorqorata. 16 Iti deebiani ind'eebotani yokhaani imbeelaani; adufi wonti owa tokoleeni worra ingubdu; 17 wonti akanatiifi Ilmeeni Hoola ta jiddu barch'uma guddinna jirtu worraa tissite, gara bisaani jireenna geesiti; duuba Waaqi imimaani ch'ufa ila worra iraa haaqa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya