Mudhii Yohaannisii 6 - KITAABA WAAQA1 Jennaani anini ilme hoola ta beesisa torbaani woraqatani ch'ufani keesaa ka qara ch'absitu arge. Jennaani waan lubbu qaba kaani toko qonqo aka mandiisutiini kooti jettu d'agaye. 2 Anini millannaani farda borora arge. Nami isa yaabatu guube harkaa qaba, sure hayyuma kennaniifi. Inni aka nama nama dabsatu dabsachu d'aqe. 3 Ilmeeni Hoola ammalle beesisa lameeso ch'absite. anini waan lubbu qaba kaani ka lameeso kooti naani jettu d'agaye. 4 Fardi d'ibiini diimaani d'ufe. Nama isa yaabatu jabeenna inni lola lafatiini d'ufu kennaniifi, aka nami wolijeesu; ammalle sheefti guddo toko kennaniifi. 5 Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa sadeeso ch'absite. Ammalle waan lubbu qaba kaani ka afreeso, ka kooti naani jettu d'agaye. Anini millannaani farda guraacha toko arge. Nami isa yaabatu waan woiini biimani harka qaba. 6 Jennaani qonqo gara waan lubbu qaba afurrani d'uftu ta akana jettu d'agaye; T'aasa dargaye huji guyya tokoti baasani, t'aasa sadi ka garbu huji guyya tokoti baasani. Ammo d'ad'afi daad'i iyakina! jed'ani. 7 Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa afreeso ch'absite; waan lubbu qaba ka afreeso ka kooti naani jettu d'agaye. 8 Anini millannaani farda borora toko arge. Nama isa yaabatu maqaani isa Duisa, Fullaani ekheraani teetuleeni isa gula deemte. Jabeenna qooda afreeso ka lafa kennaniifi, aka sheeftifi beelafi d'ukubafi bineensa alaatiini nama fit'ani. 9 Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa shaneeso ch'absite waan sorio irati qalani jalati, anini lubbu worra maro dubbi Waaqa dubbatte isa d'ugeeseefi, ijeesani arge. 10 Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Waaqa Gudda, qulqullofi ka d'uga! Atini yoomi worra lafaa wollaala iti murte, maro worri nu ijeeseefi worra gaargalchita? 11 Nama ch'ufa woya adi kennaniifi, Diqo toko boqod'a jed'aniini, haga henni oboleyaani teesaniifi nama isani woliini hojatu, ka aka isani ijeesani sila ijeesani guutamuuti. 12 Jennaani anini Ilme Hoola ta beesisa jaeeso ch'absitu arge. Lafti guddo chochoote, aduuni aka hagogo guratofte, jii aka d'iiga diimate; 13 urjiini ch'ufti gubba lafati jidde, aka mid'aani oda, yo bubbeeni d'ooftu, lafati jigani. 14 Gubbaani aka woraqata dachaasani badde, gaarafi lafti jiddu bisaani keesa jirtu ch'ufti fulla ufiiti deemte. 15 Jennaani hayyoota lafatiifi jara lafa fidufi askarti gugurdofi dureeyifi worra gugurdafi nami ch'ufti, tisseefi balchaleeni, goda gaara jalati d'eete. 16 Gaareenifi d'akhaye yaamani waan jed'ani, Nurati jiga, ila nama barch'uma hayyuma gubba taufi dalansu Ilme Hoola dura nu d'ossa! 17 Wonti akanatiifi guyyaani guddaani worrati dalanani ya d'ufe. Eentu dandae dura eja? jed'ani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya