Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhii Yohaannisii 5 - KITAABA WAAQA

1 Anini harka nama barch'uma guddinna gubba tau kaani keesati woraqata toko ka duraafi duubale t'aafani, ka beesisa torbaani ch'ufani arge.

2 Malaika guddo toko ta qonqo guddooni, Eentu beesisa ch'abse woraqata kana banu male? jettu d'agaye.

3 Ammo gubbafi lafafi lafa jala keesaleti nama woraqata suni bane keesa ilaalu d'abani.

4 Anini guddo bohe, waan nama woraqata suni bane keesa ilaalu d'abaniifi.

5 Jennaani jaarsi toko waan naani jed'e, Imbohiini, ilaali! Nyeench'i gosa Yuda, ka d'aloota Daudi, ya dabsate, inni beesisa torbaani ch'abse woraqata banu indandaa.

6 Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.

7 Ilmeeni Hoola taani d'at'e woraqata harka mirga nama barch'uma guddinna gubba tau keesaa fuute.

8 Isiini akasi tolchinaani wonti lubbu qaba afraani kaanifi, jaaroleeni diddami afuri taani Ilme Hoola durati jidde. Worri ch'ufti kiraarifi qori hit'aana ta kad'acha gumi Waaqa harka qaba.

9 Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.

10 Atini ya hayyootafi qaalole worra tolchite, aka Waaqa kenna hojatani lafa fidani.

11 Ammalle anini millannaani malaika kunki heddu d'agaye, ta aka kunki kunki! Barch'uma guddinnatiifi waan Lubbu qaba afraanifi jaarole marsite,

12 qonqo guddooni sirbite waan jette: Ilmeeni Hoola ta ijeesani, jabeennaafi duroomafi qaroomafi irreefi ulfinnafi guddinnaafi faaru argachu malte!

13 Jennaani anini waan gubba jiratiifi, ka lafa jiratiifi ka lafa jala jiratiifi, ka bisaani keesa jirale waan lafa tana keesa jira ch'ufa, ka sirba d'agaye; gara nama barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoola. Faarufi guddinnaafi ulfinnafi jabeenni ha tahu. Haga hegeri! jed'ani.

14 Wonti Lubbu qaba afraani kaani, Amini! jette, jaaroleeni lafati jidde Waaqa kad'atte.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan