Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhii Yohaannisii 4 - KITAABA WAAQA

1 Eegi waan kana anini millad'e, balbala gubba ta banamte arge. Qonqooni aka magalata jirtu, ta qara isiini naani dubbattu d'agaye waan jette, Arma gubba kooti, waan eegi tana taha sii agarsiisa.

2 Maro tokotu Lubbuuni Waaqa na seente, olmillannaani barch'uma guddinna toko ka nami ira tau gubbati arge.

3 Fuuli isaa akuma d'akha daalachafi diima ifse; ammalle d'awatu barch'uma suni ule Waaqa, ta aka waan dotaatu fakaatuti jira.

4 D'awatu barch'uma suni barch'uma diddami afuri d'ibiti jira, ammalle barch'uma suni gubba jaarole diddami afuri, ta woya adi uyifatte sure hayyuma maratteti jira.

5 Barch'uma guddinna suni keesaa hangaasufi iyanafi mandiisuuni baate. Ammalle barch'uma durale ifse torba ta ibidati bobaa; tunini lubbu Waaqa torba.

6 Barch'uma suni durale waan aka galaana dawiti ka bibiliqaati jira. Ammalle d'awatu barch'uma suni, gama ch'ufa waan lubbu qaba afuriti jira ka ila duraafi duubale qabdu.

7 Wonti suni ka qara nyeench'a fakaatti; ka lameeso yabiye looni fakaatti; ka sadeeso fuula aka fuula nama jiru qabdi; ka afreeso risa, barisu fakaatti.

8 Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.

9 Yo wonti Lubbu qaba afraani sirba guddinnatiifi ka ulfinnatiifi ka galata nama barch'uma guddinna gubba tau, ka haga hegeri tau sirbitu,

10 jaaroleeni diddami afuri taani nama barch'uma guddinna gubba tau kaani durati jidde isa guddifti. Sure hayyuma taani isa durati jissani waan jed'ani:

11 Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan