Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhii Yohaannisii 21 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani anini gubba haraafi lafa hareeti arge. Lafa qaratiifi gubbaani qara badde, galaanileeni bade.

2 Ammalle anini Dira Qulqullo, Yerusalemu hareeti, ta gubba gara Waaqaati lafati d'uftu arge, ta mid'aasani kurfo teetu, akuma intala fuud'a ta woya mid'aadu keyatte d'iirsa eeddu.

3 Anini qonqo guddo toko ta gubba dubbatte akana jettu d'agaye: Amma mani Waaqa nama woliini jira! Inni worra woliini tae, worrileeni gumi isaa taha. Waaqileeni worra woliini taa, innileeni Waaqa worraa taha.

4 Inni imimaani ch'ufa ila worraa iraa haaqa. Iti deebie nami induu, lalefachafi boafi d'ukubsachaani injirtu. Wonti duri ya badde.

5 Jennaani nami barch'uma guddinna gubba tau waan jed'e, Amma anini waan ch'ufa haraa tolcha. Ammalle inni waan jed'e, Waan kana t'aafi, wonti kunini waan d'ugaati, nami dandae ind'ugefata.

6 Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.

7 Nami dabsatu waan kana nara argata: Anati Waaqa isaa tahe, inni ilma kiyya taha.

8 Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


Yerusalemu haraa

9 Malaika torbaani, ta qori torba ta gaargala torba qabdu keesaa toko, gara kiyya d'ufte waan naani jette, Kooti, anini intala fuud'a sii garsiisa, niiti Ilme Hoola.

10 Lubbuuni na fuute, fiit'e gaara d'eera toko na garsiifte. Yerusalemu, Dira Qulqullo, ka gubba, fulla Waaqati gadi d'ufu,

11 ka guddinna Waaqatiini bibiliqu na agarsiifti diri aka d'akha ch'ululuqe bisaani qullo ch'ulkicha fakaata.

12 Diri kunini naabo d'akhaa jaarani d'eertu qaba, ta fullo kud'ani lama qabdu, Ammalle malaikaani kud'ani lama fullo suni tissite. Fullo gubbati maqa gosa kud'ani lama ta gosa Israeli t'aafani.

13 Mogaani ch'ufti fullo sadi qabdi, sadi moga mirgati, sadi bita, sadi, oli sadi gara jalo.

14 Naabo d'akha ka dira d'akhaye kud'ani lama irati ijaarani, d'akha suni gubbati maqa ergattu Ilme Hoola kud'ani lamaani t'aafani.

15 Malaikaani naani dubbate ule worqi ta d'eerinna diratiifi fullo isaatiifi naabooni biimani harkaa qabdi.

16 Mogaani dira ch'ufti qit'e, d'eerinnafi ballinileeni. Malaikaani ule ufitiini dira biimite, meeli kunki tokotiifi d'iba shani lafa ira d'eerate, old'eerinafi ballinileeni hagasuma.

17 Malaikaani ammalle naabo biimite, d'und'uma d'ibba tokotiifi afurtami afuri taate, biimiti namaa gula, ta malaikaani gula biimite.

18 Naabo suni d'akha ch'ulkichaani ijaarani, ammo dira worqi qulqullooni ijaarani ta guddo bibilit'u.

19 Yayaba naabo dira d'akhaa mimid'aaga bifa gosa ch'ufatiini ch'okhani d'akhaani qara ch'ulkicha ka lameeso dulo dooqa, ka sadeeso hamaa, ka afreeso doti.

20 ka shaneeso bule, ka jaeeso diima fakaata, ka torbeeso daalacha, ka saddeeteeso doti fakaata, ka sagaleeso baricha, ka kud'anneeso haama fakaata, ka kud'ani tokeeso bule had'icha, ka kud'ani lameeso had'o fakaata.

21 Fullooni kud'ani lamaani dooqa kud'ani lamaati fullo ch'ufa dooqa tokooni mid'aasani karaani dira worqi ch'alla, guddo bibiliqa.

22 Anini Mana Waaqa dira suni keesati ingarre, wonti akasitiifi Mani Waaqa suni Aabbo Waaqa Guddafi Ilme Hoola.

23 Diri ifse adutiifi jia imfed'u, waan guddinni Waaqa iti ifse, Ilmeeni Hoolaleeni ifsa taatuufi.

24 Nami lafa ch'ufti ifsa isaatiini deema, hayyooti lafa ch'ufti durooma ufi dira sunitiini d'ufti.

25 Fullooni dira guyya ch'ufa banisa qabdi haga jirani inch'ufani maro halkani injireefi.

26 Guddinnaafi durooma dira ch'ufaa dira kanaani d'ufani.

27 Ammo wonti t'uri qaba tokoleeni keesa inseentu, yokhaani nami waan ch'eera tolchuufi ka d'ara dubbatuleeni. Worra maqa isaani kitaaba jireenna ka Ilme Hoola keesati t'aafani ch'allati seena.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan