Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhii Yohaannisii 20 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani anini malaika d'ibi ta gubbaa gadi buutu arge; isiini fura boola guddotiifi haada sibiila gudda harkaa qabdi.

2 Isiini jawe guddo, bofa dullacha kaani, ka Ibiliisi yokhaani Sheet'ana jed'ani qabde, haga ganna kunki toko hiite.

3 Malaikaani boola keesa isa buufte, ch'ufte, beesisa ira keyatte, aka inni haga ganni kunki toko hobauti nama tokole insomne. Eegi suni diqo toko isa hiikhu malani.

4 Jennaani anini barch'uma guddinnatiifi worra ira tatau arge. Jabeenna worri woiini qoru kennaniifi. Ammalle anini lubbu nama, maro worri d'uga Yesoni mulliseefi dubbi Waaqa odeese ijeesani arge. Worri bineensa inguddimne yokhaani akheekha isale, yokhaani beesisa isaa harkafi adda ira inqabu. Worri aka hayyoota tahe, Kristo woliini ganna kunki toko lafa fide.

5 (Nami qara due kaani haga ganna kunki toko duisa keesaa inkaane.) Kunini kaisa qara ka nama dueeti.

6 Ayyaanafi gammada worra kaisa qara kana keesa qooda qabuuti. Doti lameeso dandeete worra indabsattu, worri qaalole Waaqatiifi ta Kristo tahe, isa woliini haga ganna kunki tokoti lafa fida.


Sheet'ana dabsatani

7 Eegi ganni kunki toko hobae, Sheet'ana hid'aansa keesaa gadi lakisani, inni

8 d'aqeti gosa lafa ch'ufa keesa firfirfamte, akasi jechaani Gogifi Magogi jechu, soba. Sheet'ani had'iisafi worra ch'ufa wolti yaama, akuma maansa afaani galaana.

9 Worri lafa ch'ufa keesa yae, gumi Waaqatiifi dira inni jaalatu marse. Ammo ibidi gubba gadi bue worra hobaase.

10 Jennaani Sheet'ana, ka worra sobe, galaana ibida keesa buusani, fulla bineensafi raaga d'ara qara buusani, halkani guyya haga hegeri worra gaargalchani.


Qorsuma eege

11 Jennaani anini barch'uma guddinna adi guddafi nama ira taule arge. Lafafi gubbaleeni isa dura baqatte, fulla d'abde.

12 Ammalle anini nama due, diqaafi guddale, ka barch'uma guddinna dura tatau arge. Kitaaba heddu banani ammalle toko d'ibile banani, kitaaba worra jiru. Worra qara due waan worri tolche gula qorani, akuma kitaaba keesati t'aafani.

13 Jennaani galaani nama keesati due ch'ufa gadi yaase. Duisafi fullaani ekheraani teetuleeni nama isi keesati due ch'ufa gayaafte. Nama ch'ufa waan inni tolche gula qorani.

14 Duisafi fulla Ekheraani teetu galaana ibida keesa buusani. Galaani ibida kunini duisa lameesooti.

15 Nama maqa isaa kitaaba worra jiru keesati int'aafiini ch'ufa galaana ibida keesa buusani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan