Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhii Yohaannisii 18 - KITAABA WAAQA

1 Eegi waan kana anini malaika d'ibi ta gubba gadi buutu arge. Isiini jabeenna gudda qabdi, lafti ch'ufti mid'aaguma isitiini ifsite.

2 Isiini qonqo guddooni lalabde waan jette, Isiini ya jidde! Babilonini guddooni ya jidde! Isiini yayu teesuma Sheet'anafi ta jinni hamtu taate. Simpirreeni hamtuuni ta jibbani ch'ufti isii ke galti.

3 Isiini daad'i ufi gosa ch'ufa obaafte, daad'i jabdu ta d'araani isii hamtu. Hayyooti lafaa isi woliini rafte, daldaltuuni lafaa d'araa isi hamtuuni duroomte.

4 Jennaani anini qonqo d'ibi ta gubba baate akani jettu d'agaye: Koota, nama kiyya! Isi biraa koota! Ch'ubbu isii keesa inseeniina, gaargala isii inqoodatiina!

5 Wonti akanatiifi daba isii haga gubba gahuti wolti tuulani. Waaqi kara isii hama inqaabata.

6 Akuma isiini isani tolchite isanileeni isii tolcha, maro lama waan isiini baafte baasaafi. Farso isiini isani obaafte ta maro lama ira jabdu mudunu isiti naqa.

7 Akuma isiini guddinnaafi gammada ufii kennite isanileeni gaargalafi lalefacha kennaafi. Isiini waan ufiini jettu: Anini aka hayyiti taa! Anini niiti d'iirsi iraa dueniti; anini lalefad'e imbohu!

8 Maro waan kanatifi gaargali isii ch'ufti guyya toko isii d'aa: D'ukubafi lalefachafi beeltileeni; ibidaani isi gubani. Wonti akanatiifi Aabbo Waaqi ka isi qoru guddo jaba.

9 Hayyooti lafa tana isi woliini rafte, hameenna tolchite, aara gubacha isii keesa yau argite booti.

10 Worri maro gaargala isii sodaatufi fago ejaanje waan jed'u Waan dabaati! Waan hamtu! Dira Babiloni gudda kana! Saatuma toko keesati ya si gaargalchani!

11 Daldaltuuni lafaa isii lalefatte booti, waan nami iti deebie miha worraa imbitannefi;

12 worqifi qarsifi d'akha dadansafi dooqafi booftafi woya didiimtufi woya mid'aadufi shiida; mukha dadansafi miha gosa ch'ufa ka ilka arbatiifi ka mukha gati guddotiifi ka saldaqatiifi ka sibiilatiifi ka ch'abbi mid'aasaniini.

13 Ammalle fit'ofi qund'ifi, hit'anafi qumbiifi qayya; daad'iifi d'ad'a, dargaye daakhanifi mid'aani dargaye, loonifi ree, faardofi gaari, Tiselefi lubbu namale.

14 Daldaltuuni waan isiini jettu: Wonti dansaani atini argachu feete kaani ch'ufti ya badde, duroomafi shoobi kanke ch'ufti yayu bade, iti deebite ingartu.

15 Daldaltuuni dira suni keesati daldalani duroomte waan gaargala isaa sodaatufi fago ira ejaanjite boote iyite, waan jette.

16 Waan daba! Gaargala dira guddati! Duri woya booftatiifi diimtufi shiida uyifatte, fayya worqitiifi faya ch'uch'uluqa dooqa naqatte!

17 Amma saa toko keesati ya durooma ufi ch'ufa d'abde! Jara gugurda hobolotiifi worra hobolo yaabatufi ka hobolo keesa hojatufi ka galaana keesaa liqimsa argatu ch'ufti fago iraa ejaanjani, aara gubacha isii argani

18 bohani waan jed'ani, Diri aka dira gudda kana tokoleeni lafaa wa jira?

19 Awaara mata gubbati guuratani, bohani iyani waan jed'ani, Waan dabaati! Gaargala dira guddati! Worri hobolo bisaani keesa deemtu qabu ch'ufti isa keesati duroome. Ammo saatuma toko keesati ya waan ch'ufa d'abe.

20 Gammada, maro badi isaatiifi, Ee Gubba! Gammada, worra Waaqatiifi ergattufi raagoota! Waaqi ya maro waan inni isani tolcheefi isa qore!

21 Jennaani malaikaani guddooni toko d'akha haga d'akha daakhu fuute, galaana keesa buufte waan jette, Dira gudda Babiloni akanuma fuud'ani galaana keesa buusani, aka nami deebie ingarre.

22 Sirba worra kiraari d'aatufi ka sirbu, ka fuludo d'aufi ka magalata d'au iti deebiani si keesati ind'agayani! Ogeeyi tokole deebiani si keesati inargani; qonqo d'akha daakhu si keesati deebiani ind'agayani!

23 Ifse deebiani si keesati inargani; qonqo intala fuud'atifi gurba fuud'a deebiani si keesati ind'agayani. Daldaltuuni tante duri daldaltu lafa ch'ufa ira jirti, hamaatte atini falfala d'araatiini nama lafa ch'ufa sobde jed'ani.

24 Wonti Babiloni gaargalchaniifi, waan d'iiga raagootatiifi worra Waaqaa isa keesati arganiifi; ee, d'iiga nama lafa keesati ijeesani ch'ufa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan