Mudhii Yohaannisii 17 - KITAABA WAAQA1 Jennaani malaika torbaani, qori torbaani harkaa qabdu keesa toko, gara kiyya d'ufte waan naani jette, Kooti aka sharmut'iti guddo gaargalchani sii garsiisa, isiini dira gudda kaani, ka afaani galaana hedduti jaarani. 2 Hayyooti lafa sharmut'iti tana woliini hameenna tolchite, nami lafaa ch'ufa farso hameenna isii kaani d'uge machae. 3 Lubbuuni na fuute, malaikaani lafa gamooji naa geesite. Achiti anini niiti toko, ta bineensa diima maqa hamama irati t'aafani gubba teetu, arge; bineensi suni mata torbaafi gaafa kud'ani qaba. 4 Niitiini woya diimtufi daalati uyifatte, miha worqitiifi d'akha mimid'aagafi dooqa naqatte. Mudunu worqi ta waan t'uri qaba qabduufi ta t'uri algalooma isii qabdu harkaa qabdi. 5 Adda isi gubba maqa waan d'ossa irati t'aafani: Babiloni Guddo, haad'a sharmut'afi t'uri lafa keesa jirtu ch'ufa jed'ani. 6 Anini aka niitiini d'iiga worra Waaqatiifi ka worra Yeso d'ugefate ka fit'aniini machoofte arge. Isi arginaani anini guddo maadefad'e. 7 Malaikaani Waan naani jette, Maafi maadefatte? Anini waan d'ossa ka niititiifi waan bineensa isii baatu, ka mata torbaafi gaafa kud'ani qabu siti hima. 8 Bineensi atini argate suni duri injira, ammo amma injiru; diquma boola keesaa imbahiini, aka balleesani. Nami lafa keesa jiru, ka maqa worraa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna keesati int'aafiini, yo bineensa suni ilaalani imaadefatani. Wonti akanatiifi inni duri injira ammo amma injiru, hegeri imullata. 9 Wonti kunini qalbifi hubacha feeti. Mataani torbaani gaareeni torbaani ka niitiini gubba teetu. Ammalle mataani suni hayyoota torba: 10 shani yayu hayyuma d'abde, toko ammalle mohu jira, toko ind'umne; yo d'ufe diqo toko ch'alla tau male. 11 Bineensi duri jiru, ka amma injirre, hayyu saddeeteesooti, ka torbaani kaani ke jiru, ammo kae deemu, aka balleesani. 12 Gaafi kud'ani, ka atini agarte, hayyoota kud'ani, ta ammalle imohatiini, ammo ta jabeenna mohatuuni, bineensa woliini, haga saa toko iti kennani. 13 Worri kunini ch'ufti herega takaa qaba, aka humnafi jabeenna ufi ch'ufa bineensa suni kennani. 14 Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi. 15 Malaikaani ammalle waan naani jette, Bisaani atini garte, ka niitiini gubba teetu, gosafi gumifi lafafi afaani heddu. 16 Gaafa kud'annaani atini garteefi bineensileeni sharmut'iti taani injiba; waan isiini qabdu ch'ufa fud'atani, qulla isii lakisani; fooni isii nyaatani, ibidaani isii gubani. 17 Waaqati fed'i inni fed'u aka tolchani garaa worraa ke kaye, aka worri waan takaa tahe, jabeenna mohatuuni bineensaa kennu haga dubbini Waaqa guutamtuuti. 18 Niitiini atini garte sunini dira gudda ka hayyoota lafa mohatu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya