Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mudhii Yohaannisii 15 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani anini akheekha waan mama d'ibi gubbati arge: malaika torba ta gaargala torba harkaa qabdu. Tunini gaargala eegeeti, tanaani dalansuuni Waaqa hobaati.

2 Jennaani anini waan galaana dawiti fakaata arge; ka ibidaani wolkeesa jiru Anini ammalle worra bineensafi akheekha isaatiifi nama maqaani isa lamba fakaatu dabsate arge. Worri fulla galaana dawiti fakaatu ejaanje kiraari Waaqi worra kenne harka qabata.

3 Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!

4 Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.

5 Eegi waan kana anini gubba millannaani Mana Waaqa ka Waarooni d'uga ke jirtu, Ka banisa qabu arge.

6 Malaikaani torbaani ta gaargala torba harkaa qabdu keesaa yaate, woya boofta adi uyifatani, woya worqi qomati maratani.

7 Jennaani waan lubbu qaba afraani kaani keesa toko qori torba ta worqi ta dalansu Waaqa ammafi hegerile jirutiini guutani, toko toko malaika torbaanti kenne.

8 Aari guddinnaafi jabeenna Waaqa keesaa yau Mana Waaqa guute. Nami tokoleeni Mana Waaqa seenu dad'abe, haga gaargali torbaani ka malaikaani torbaani d'ufteeni hobauti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan