Mudhii Yohaannisii 14 - KITAABA WAAQA1 Jennaani anini millannaani Ilme Hoola ta garaa Sioni jed'ani gubba ejitu arge. Isa woliini nama kunki d'iba tokotiifi afurtami afuriti jira, ka maqa isaatiifi maqa Abba isaa adda gubba qabu. 2 Jennaani anini qonqo aka bisaani goodo ira gadi buani gubba d'agaye, ta aka mandiisu jirtu. Qonqooni anini d'agaye aka qonqo kiraari jirti. 3 Worri suni barch'uma guddinnatiifi waan lubbu qaba afraanifi jaaroleti fuula deefate sirba haraa sirbe, ka nami tokoleeni dandae imbeenne worra male. Nami lafa keesa jiru ka baasani worruma ch'alla. 4 Worri suni nama nad'eeniini ufi int'ureesiini, ka taka nad'eeni imfuud'iini. Fulla Ilmeeni Hoola deemtu ch'ufa gula deemani; ya nama lafa ch'ufa keesaa worra baasani, ammalle worri suni worra qara ka Waaqafi Ilme Hoolati baasani. 5 Worri taka inkiyyimne, wollaala inqabu. Malaika sadi 6 Jennaani anini malaika d'ibi ta gubba bariftu arge, ta Odu Dansa ta haga hegeri jirtu nama lafa ch'ufati himtu, gosa ch'ufati afaani ch'ufaani. 7 Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa! 8 Malaikaani d'ibiini ta qara taani gula deemte, qonqo guddooni waan jette, Ya jige, ya jige, Diri Babiloni guddaani! Inni daad'i ufi gosa ch'ufa obaase macheese — daad'i hamtu ta d'araa isaa. 9 Malaikaani d'ibiini, ta sadeeso, lamaani taani gula deemte waan jette, Yo nami tokoleeni bineensafi akheekha isaa ka boch'ani guddise, ammalle akheekha adda yokhaani harka ufi ira argate, 10 inni daad'i dalansu Waaqa d'uga, ta ato ilaafisiini mudunu dalansu isati naqani! Ammalle ibidafi qanqeeni fuula malaika qulqullofi Ilme Hoola durati isa gaargalchani. 11 Aari ibida worra gaargalchu haga hegeri oli deema. Nama bineensafi akheekha isaa kad'atuufi ka beesisa maqa isaa argate ufira qabuleeni boqota inargatu. 12 Jari qulqullooni ka seera Waaqa guute d'ugefacha Yeso jabeesu, waan kana obsu male. 13 Jennaani anini qonqo gubba baate ta, Waan kana t'aafi, Ayyaana isaa nama armaa achi huji Aabbo keesati duu jettu d'agaye! Lubbuuni waan jettu, D'uguma akasi. Worri suni huji jabdu iraa boqota, waan hujiini worraa worra gula deemtuufi. Muraansa lafa 14 Anini millannaani, dumansa adi, ka nami Ilma Nama fakaatu gubba tau arge. Inni sure worqi mataa qaba ammalle haamtu qara qabdu harkaa qaba. 15 Malaikaani d'ibiini Mana Waaqa keesaa baate, nama dumansa gubba tau qonqo guddooni yaamte waan jetteeni, Haamtu tante fud'ad'u haami. Hojjaani haamani yayu geete; mid'aani yayu bilchaatani muraansa gahani. 16 Jennaani nami dumansa gubba tau kaani haamtu ufi fud'ate haame, akanaani mid'aani lafa haamani. 17 Jennaani malaikaani d'ibiini Mana Waaqa ka gubba keesaa baate, isileeni haamtu qara qabdu harkaa qabdi. 18 Malaikaani d'ibiini ta ibida qorqorattu fulla waan sorio irati qalaniti ga d'ufte. Isiini qonqo guddooni malaika haamtu harkaa qabdu yaamte waan jette, hamtu tante lafa keyad'u. Wolti qabi mid'aani zabibu lafa guuri waan mid'aani isi bilchaataniifi. 19 Tanaafi malaikaani haamtu ufi fud'atte, mid'aani zabibu guurte, duuba fulla zabibu iti ch'ach'arasani ta dalansu Waaqa keesa buufte. 20 Fullaani zabibu iti ch'ach'arasani moga dira jirti. Achiti ira sirbani d'iigi fulla suni keesa yae, lafa ira d'eerinni isaa meeli d'ibba tokofi sagaltama, ammalle d'und'uma afuri gadi qile. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya