Mudhii Yohaannisii 10 - KITAABA WAAQA1 Jennaani anini malaika guddo d'ibi, ta gubbaa gadi buutu arge. Isiini dumansa aka woya keyatte, ule Waaqa matati mamaratte; fuuli isii aka adu jira, miili isii aka utubaa ibida jira. 2 Woraqata diqa banisa qabu toko harkaa qabdi. Miila isii mirgicha galaana gubba keyatte, bitaacha lafa goddu gubba keyatte, 3 qonqo guddooni lalabde ta aka itansu nyeench'aa. Eegi isiini lalabde, mandiisuuni torbaani qonqo guddooni dubbatte. 4 Akuma worri dubbateeni, anini t'aafu fed'e. Ammo anini qonqo gubba baate ta, Waan mandiisuuni torbaani jette d'ossi, int'aafiini jettu d'agaye. 5 Jennaani malaikaani anini galaanafi lafa goddu gubba ejitu arge taani harka mirga olfud'atte, 6 maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu. 7 Yo malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, Waaqi herega ufi ka d'ossani inguuta, akuma inni hojattu ufi raagootati odeese. 8 Jennaani qonqooni anini gubbaa d'agaye ammalle naani dubbate waan jette, Beeni d'aqi, woraqata banisa qabu, ka harka malaika galaanafi lafa gubba ejitu keesa jiru iraa fuud'i. 9 Anini gara malaika taani d'aqe, Woraqata diqa kaani naa kenni jed'eeni. Isiini waan naani jette, Fud'ad'u, nyaad'u; garaa ke keesati inhad'oofti, ammo afaani keesati aka damma mioofti. 10 Anini woraqata diqa kaani iraa fuud'e nyaad'e, afaani kiyya keesati aka damma miae ammo eegi anini liqimse garaa keesati nati had'ae. 11 Jennaani waan naani jed'ani, Ammalle d'aamsa Waaqaa ka gosa heddutiifi lafa heddutiifi afaani heddutiifi hayyoota ch'ufa odeesu malte. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya