Matayo 4 - KITAABA WAAQA1 Jennaani Lubbuuni Yeso lafa aloo geesite, aka Sheet'ani ilaalatu. 2 Guyya afurtamatifi halkani afurtama sagale male tae, jennaani beelae. 3 Sheet'ani d'ufe waan jed'eeni, Yo atini Ilma Waaqa taate, d'akha kanaani, Qit'a tahi jed'i. 4 Ammo Yesoni waan jed'eeni, T'aafiini waan jettu, Nami qit'a ch'allaani injiraatu, ammo dubbi afaani Waaqa keesaa baate ch'ufaani jiraata. 5 Jennaani Sheet'ani Dira Qulqullo isa geese, fiit'e Mana Waaqa gubba isa kaye, 6 waan jed'eeni, Yo atini Ilma Waaqa taate, arma ufi gadi d'iisi, wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Inni malaika ufi sii baasa, isiini harka isitiini oli si qabdi, aka d'akhaani miila kanke ind'oomne. 7 Yesoni waan jed'eeni, Ammalle t'aafiini waan jettu, Aabbo Waaqa kanke inilaalatiini. 8 Ammalle Sheet'ani gaara gudda toko isa korsiise, guddinna lafa ch'ufaafi dansooma isii agarsiise. 9 Duuba waan jed'eeni, Waan kana ch'ufa anini sii kenna, yo atini gadi jette na guddifte. 10 Jennaani Yesoni waan jed'eeni, na biraa deemi, Sheet'ana t'aafiini waan jettu Aabbo Waaqa kanke ch'alla guddisi isuma ch'alla hojad'u! 11 Jennaani Sheet'ani isa lakise, malaikaani d'ufte isa qarqaarte. Teesuma Yeso Galilaya keesa ( Mariko 1.14-15 ; Luka 4.14-15 ) 12 Aka Yohana qabani d'ageennaani Yesoni Galilayati deebie. 13 Nazareti bahe d'aqe Kapernaumu tae, d'aatu galaana, lafa Zabulonifi Naftali keesa, 14 aka wonti raagi Isayani jed'e guutamtu ta, 15 Lafa Zabulonifi lafa Naftali, gara galaana, moga Yordani, Galilaya ta gosa d'ibi! 16 Nami dukana keesa tau yayu ifsa gudda arge worra ardaafi gandidu duisa keesa tatau ifsaani yayu iti mullate jettu. 17 Haga guyya suniti Yesoni odu dansa odeese waan jed'e, Daba iraa deebia, Finni gubba ya d'iaate. Yaamicha jara Yeso ka qara ( Mariko 1.16-20 ; Luka 5.1-11 ) 18 Ato Yesoni d'aatu galaana Galilaya deemu, oboleyaani lama, Simoni ka Petro jed'aniifi Andarea oboleesa isaa, ka t'urura qurt'umi galaana keesa darbani arge; worri guurtu qurt'umiiti. 19 Inni waan worraani jed'e, Na gula koota, anini guurtu nama isani tolcha. 20 Hojuma suni t'urura lakisani isa gula yaani. 21 Yesoni arti deemnaani oboleyaani lama, Yakobofi Yohana ilmaani Zebedayo, hobolo keesa abba isaani Zebedayo woliini tataani arge, yaame; 22 jennaani worri hojuma suni hoboloofi abba ufi lakise isa gula yae. Huji Yeso Galilaya keesa ( Luka 6.17-19 ) 23 Yesoni Galilaya ch'ufa keesa dedeeme Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise, Odu Dansa ta Finna odeese, d'ukubafi miid'ama gosa ch'ufa nama fayyise. 24 Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise. 25 Gumiini guddooni ta Galilayatiifi ta dira kud'ani, ta Yerusalemutiifi lafa Yahuditiifi ta d'aatu Yordani keesa ch'ufti isa gula yaate. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya