Matayo 28 - KITAABA WAAQA1 Eegi guyyaani Sabato dabre, guyya qara ka torbaani suni, lafti bariinaani Mariamu Magdalenefi Mariamuni taani awaala ilaalu d'aqani. 2 Jennaani maro tokotu lafti chochote, malaikaani Aabbo toko gubba gadi buute, d'akha gangalchite gubba teete. 3 Fuuli isii aka angaasu ifse, woyaani isii aka ch'aama adaatte. 4 Askartiini aka taka inargiini sodaatte, aka waan doote taate. 5 Malaikaani waan nad'eeni taaniini jette, Insodaatiina; anini imbeekha, isani Yeso maskaliti fannisani barbaaddani. 6 Inni arma injiru, yayu kaasani, akuma inni jed'e. Koota, fulla isa ch'iifsisani ilaala. 7 Hurrisa, deema jara isaati hima: Yayu duisa keesaa kaasani, amma ya Galilayati isani dura dabre; achiti isa argitani jed'a. D'aamsa kiyya kana inded'ina. 8 Jennaani hurrisani kaani, awaala kaani biraa yaani, guddo sodaatani, ammo gammada qabani, utaalani jara Yesoti himani. 9 Yesoni tassa worrati gadi bahe waan jed'eeni, Bultiini isani nagaya? Iti d'iaatani, miila isaa qabatani isa guddisani. 10 Yesoni waan jed'eeni, Insodaatiina, d'aqa oboleyaani tiyyaani, Galilaya d'aqa achiti na argani jed'a jed'e. Himisa askarti 11 Nad'eeni iti d'aabannaani, askartiini hagi gari ta awaala eeddu dira d'at'e, waan ch'ufa qaalole gugurdoti himte. 12 Qaalole gugurdofi jaaroleeni woliwoldeete mariatte, hori gudda askartiti kennite 13 waan jetteeni, Jara isati halkani, ato nu rafu jirru, d'ufe reefa isa hate jed'a. 14 Yo hayyuuni waan kana d'agaye, nuti iti hima, woma tokole insodaatiina jed'ani. 15 Askartiini taani hori fud'atte, waan tolcha jed'aniini tolchite. Yahudiini arrale dubbuma tana d'ageete d'ugefatti. D'aamsa Yesoni ergattu d'aama ( Mariko 16.14-18 ; Luka 24.36-49 ; Yohana 20.19-23 ; Huji Ergattu 1.6-8 ) 16 Jari kud'ani toko gara gaara lafa Galilaya keesa, ka Yesoni worrati hime d'aqe. 17 Isa arginaani guddisani, ato nami gari d'arefatele. 18 Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani. 19 Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna, 20 waan anini isani barsiise ch'ufa guuta worraani jed'a. Beekha, haga guyya muummele anini isani woliini jira. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya