Matayo 25 - KITAABA WAAQA1 Guyya suni Finni gubba aka dubra kud'ani, ta ifse fud'atte, abba fuud'a argu d'at'e fakaata. 2 Shani qaro, taani gowoota. 3 Gowoleeni taani ifse fud'atte, ammo d'ad'a bobeesaniini lakifte; 4 qarooni taani waan d'ad'a iti naqani d'ad'a guute fud'atte. 5 Abbaani fuud'aa ture jennaani dubriti taani mudde rafte. 6 Halkani guddo qonqooni d'ufte, Abbaani fuud'a kana, koota isa arga jed'ani. 7 Dubriti kud'annaanu kaate ifse bobefatte. 8 Gowoleeni taani waan qaro taaniini jette, D'ad'a nu ch'obsa; ifseeni teenna d'aamu jirti. 9 Qarooni taani waan jetteeni, Hiyyo, wolti nu ingahu, beena bitad'a. 10 Gowoleeni taani d'ad'a d'ibi bitachu d'at'i, iti d'aabannaani, abbaani fuud'aa d'ufe. Dubriti kurfo taate taani jila fuud'a olduude, balbala ch'ufani. 11 Eegi suni dubriti gowaani shanaani taani dachaate, Aabbo, Aabbo, balbala nu bani jette. 12 Ammo abbaani fuud'a waan jed'e, Lakisa, anini fuula isani imbeekhu. 13 Eegad'a duuba, isani guyyafi hojja imbeetani. Mammaasa hojattu sadi ( Luka 19.11-27 ) 14 Gaafasi finna gubbaa aka nama imaltu deemu fed'u, ka hojattu ufi yaame, waan qabu ch'ufa harka worraati lakise jira. 15 Inni nama ch'ufa waan inni dandau iti kenne. Toko shilingi kunki shantama iti kenne, ka lameeso kunki diddama iti kenne, ka sadeeso kunki kud'ani iti kenne, kae iti d'aabate. 16 Namichi kunki shantama iti kennani kaani d'aqe daldaleeni, kunki shantama d'ibi argate. 17 Namichi kunki diddama iti kennanileeni akasuma kunki diddama d'ibi argate. 18 Ammo namichi kunki kud'ani iti kennani kaani d'aqe, boola qote, hori kaani achiti d'osse. 19 Abbaani hojattu taani guddo ture gadi deebie, henna suni ch'ufa worra woliini tolche. 20 Namichi kunki shantama iti kennani kaani d'ufe, kunki shantama d'ibi iti kenne waan jed'e, Atini kunki shantama nati kennite, ilaali, kunkiini shantama d'ibileeni tana. 21 Abbaani waan jed'eeni, Aka d'iiraa tolchite, atini aka dansaa daldalte, tanaafi anini waan guddo harka keetiti kenna. Kooti, woliini gammanna. 22 Namichi shilingi kunki diddama iti kennani kaani d'ufe waan jed'e, Atini kunki diddama nati kennite, ilaali, kunkiini diddama d'ibileeni tana. 23 Abbaani waan jed'eeni, Aka d'iiraa tolchite, atini aka dansaa daldalte, tanaafi anini waan guddo harka keetiti kenna. Kooti, woliini gammanna. 24 Jennaani namichi shilingi kunki kud'ani iti kennani kaani d'ufe waan jed'e, Aabbo, anini imbeekha aka atini nama hama, atini waan inobriini murte mid'aani imfach'aasiini khod'oti galchita. 25 Anini sodaad'e hori kanke boola keesati d'osse; ilaali, horiini kanke kana. 26 Abbaani waan jed'eeni, Atini hojattu hamtu, ammalle laafa; atini aka anini waan inobriini murad'e mid'aani imfach'aasiini khod'oti galchu imbeetayu? 27 Yoosi, hori kiyya oli naa kayu malte, aka anini hojja gale waan isiini d'alte woliini fud'ad'u. 28 Tanaafi hori suni isa iraa fuud'a, namicha kunki d'ibba toko qabuti kenna. 29 Wonti akanatiifi nama woi qabu iti darani, ammo ka woma inqamne waan inni qabule iraa fuud'ani. 30 Hojattu woma imbaane tana d'aqa, dukana keesa ala buusa; achiti bohe ilkaani qara. Waan qorsuma eege 31 Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae, 32 nami lafa tana ch'ufti isa durati wolwoldaa. Jennaani inni fulla lamati gargari worra foha, akuma tissituuni ree ufi, hooliyefi laleesa gargari footu: 33 hooliye harka mirga deebise, laleesa harka bitaacha deebisa. 34 Duuba Hayyuuni waan hooliye harka mirgatiini jed'u, Abbaani kiyya ya isani eebise, koota, guddinna haga lafa uumani isani mid'aasani seena. 35 Gaafa anini beela qabu beela naa baaftani, ana d'eebu qabu, d'eebu naa baaftani, ana keessuma na bulchitani, 36 ana daara qabu daara na baaftani, anini fayya d'amnaani na qorqorattani, na hid'ani jennaani d'uftani na ilaaltani. 37 Worri d'uga duuba waan jed'u, Aabbo, yoomi sii beela qabdu arginaani beela si baamne, sii d'eebote d'eebu si baamne? 38 Yoomi sii keessuma arginaani si bulchine, sii daara qabdu arginaani daara si baamne, 39 sii fayya d'abde yokhaani hid'aansa keesa jirtu si ilaale? 40 Hayyuuni waan jed'u, Waan anini isaniti himu, waan oboleyaani tiyya didiqo tanaa tolchitani yayu nale tolchitani. 41 Duuba waan worra harka bitatiini jed'u, Na biraa bada, isani abaarsa Waaqa qabdani; gara ibida ind'aamne bada, ka Sheet'anafi malaika isaati bobeesani! 42 Gaafa anini beela qabu beela na baasu diddani, ka anini d'eebod'e d'eebu na baasu diddani; 43 gaafa anini keessuma na bulchu diddani, ka anini daara qabu daara na baasu diddani; gaafa anini fayyad'abe hid'aansa keesa jiru na ilaalu diddani. 44 Worri waan jed'uuni, Aabbo, nu yoomi taka sii beela qabdu yokhaani sii d'eebu qabdu yokhaani sii keessuma yokhaani sii daara qabdu yokhaani sii fayyad'abde yokhaani sii hid'aansa keesa jirtu argine si qarqaaru dinne? 45 Inni waan jed'uuni, D'uguma, waan anini isaniini jed'u, yo isani worra didiqa kana qarqaaru diddani, yayu nale qarqaaru diddani. 46 Worra kana gara gaargala ind'umanne ergani, worra d'uga gara jireenna ind'umanne ergani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya