Matayo 15 - KITAABA WAAQA1 Jennaani Farisayoofi jari Seera beekhu Yerusalemu bahani gara Yeso d'ufani waan jed'aniini, 2 Jari kanke maafi aada jaarole ch'absa? Hojja sagale nyaatu harka ind'iqatu. 3 Yesoni waan worraani jed'e, Isani maafi aada teesani gula yaatani akasiini seera Waaqa ch'absitani? 4 Waaqi waan jed'e, Abbaafi haad'a tanteti saalfad'u; nama abbaafi haad'a ufi arabsu ha ijeesani. 5 Ammo isani waan jettani, Yo nami abbaafi haad'a ufitiini, waan sila nara argattani yayu Waaqaa kennani jed'e, 6 inni waan abba ufi saalfatuufi inqabu jettani. Tanaafi maro aada teesanitiifi yayu seera Waaqa ch'absitani. 7 Isani kiyyibdoole! Isayani d'uga dubbate, gaafa waan keesani fage! 8 Biyyiti tunini afaanumaani na guddifti, ammo garaani worra nara fago jira. 9 Ufuma na yaamatani, wonti akanatiifi barsiisa ufi keesa seera nama aka seera Waaqa barsiisani jed'e. Waan nama t'ureesa ( Mariko 7.14-23 ) 10 Jennaani Yesoni biyya ufiti yaame waan jed'eeni, Ch'aqasa, hubad'a. 11 Wonti afaani nama keesa seene nama int'ureesitu, ammo waan afaani nama keesaa bahati nama t'ureesa. 12 Jari Yeso gara isaa d'ufe waan jed'eeni, Farisayooni waan kana d'ageennaani ya dalante, beeta? 13 Inni waan jed'e, Mukha Abbaani kiyya ka gubba inobriini ch'ufa imbuqisani. 14 Lakisa, worri balla. Yo nami ballaani balla d'ibiini deemu, worri lachu boola keesa bua. 15 Jennaani Petroni, Mammaasa kana nu diigi jed'eeni. 16 Yesoni waan jed'eeni, Isanileeni ammalle hubacha inarganne? 17 Aka wonti afaani seene garaati dabarte gadi baatu imbeetani? 18 Ammo wonti afaani keesa baha, herega garaa keesaa d'ufti Duuba suniti nama t'ureesa. 19 Garaa keesaa herega hamafi ijeechafi wolbarachaafi ch'abanumafi hannafi d'arafi arabati baha. 20 Waan kanati nama t'ureesa. Ammo harka t'uritiini nyaachaani nama int'ureesitu. D'ugefacha niiti toko ( Mariko 7.24-30 ) 21 Yesoni achi kae lafa Tirotiifi Sidoni d'aqe. 22 Niitiini gosa Kanaani toko iyaa d'ufte waan jetteeni, Ee Aabbo, Ilma Daudi, naa nahi, intala tiyya yayu jinniini aka hama qabatte. 23 Ammo Yesoni woma deebisufi dide. Jari isa d'ufe waan jed'eeni, Niiti tana arma deemsisi, nu gula deemte nuti iyiti. 24 Ammo Yesoni waan jed'eeni, Gara hooliye badde ta mana Israeli ch'allati na ergani. 25 Ammo niitiini taani d'ufte isa durati jilbifatte waan jetteeni, Aabbo, na qarqaari. 26 Yesoni waan jed'eeni, Sagale ijoolle duraa fuud'ani sare duraa buusitiini fullaaniti. 27 Niitiini taani waan jetteeni, Sunini d'uga, Aabbo; ammo sareleeni hamba abba iraa jijiddu inyaatti. 28 Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Haato, d'ugefachaani tante waan guddo. Wonti atini feetu ha sii taatu. Duuba intalti isii hojuma suni fayyite. Fayyisa nama heddu 29 Yesoni achi deeme d'aatu galaana Galilaya dabre, gaara kore achi tae. 30 Nami hedduuni isati d'ufe, naafafi ballafi farrafi duudafi nama d'ukuba gosa heddu Yesotiini d'ufani, jennaani inni worra fayyise. 31 Tanaafi biyyiti duuda dubbatufi farra fayyufi naafa deemuufi balla lafa argu arginaani maadefatte, Waaqa Israeli guddifte. Yesoni nama kunki afuri nyaachisa ( Mariko 8.1-10 ) 32 Jennaani Yesoni jara ufi yaame waan jed'eeni, Anini biyya tanaa naha, waan isiini guyya sadi na woliini teete waan nyaatani d'abdeefi. Anini akanumati worra gadi d'iisu imfed'u, hegeri beelaani karaati gagabani. 33 Jari isaa waan isaani jed'e, Sagale worra geetu lafa aloo tana keesa eesa argina? 34 Yesoni waan worraani jed'e, Qit'a hagami qabdani? Worri, Nu qit'a torbaafi qurt'umi didiqo toko qamna jed'eeni. 35 Yesoni biyyaani, Lafa tataa jed'e, 36 qit'a torbaanifi qurt'umi guure, eegi galata deebise ch'ach'abse, jara isati kenne. Jari biyya dura naqe. 37 Nami ch'ufti nyaate quufe, hamba dadu torba miju guurani. 38 Nad'eeni ijoolle male, nami nyaate haga kunki afuriti. 39 Duuba Yesoni biyyaani, Nagayati jed'e, hobolo keesa seene, gara lafa Magadani d'aqe. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya