Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Matayo 14 - KITAABA WAAQA

1 Hayyu Herode, bara suni, waan Yeso d'agaye, waan tissele ufitiini jed'e,

2 Nami kunini Yohana nama batisu; inni ya duisa keesaa kae; maro waan kanatifi waan mama kana tolcha.

3 Wonti akanatiifi Herodeni duri Yohana qabe hid'aansa keesa kaye, maro Herodia, niiti Filipo, oboleesa isaa.

4 Yohanani waan Herodeni jed'e, Aki atini niiti oboleesa keti barattu fullaaniti.

5 Herodeni Yohana ijeesu fed'e, ammo biyya sodaate, waan biyyiti Yohana raaga seetefi.

6 Ammo guyyaani qaabacha d'aloota Herode geennaani, intalti Herodia biyya durati sirbite Herode gammachiifte.

7 Tanaafi Herodeni kakhate, Waan atini feetu ch'ufa sii kenna jed'eeni.

8 Haati mala d'oofteefi, isiini d'at'e waan jette, Mata Yohana nama batisu qori gubba kayi naa kenni jetteeni.

9 Herodeni lalefate, ammo maro kakhu isaatiifi ammalle maro keessuma isaatiifi, Kennaafi jed'e.

10 Jennaani nama mana hid'aansati erge, Mata Yohana iraa kuta jed'e.

11 Mata isaa qori gubba kayani intalati kennani, isiini gara haad'a geesite.

12 Jari Yohana d'ufe reefa fuud'e awaale, d'aqe Yesoti hime.


Yesoni nama kunki shani nyaachisa
( Mariko 6.30-44 ; Luka 9.10-17 ; Yohana 6.1-14 )

13 Yesoni waan kana d'ageennaani achi kae hobolo keesa seene fulla nami injirre d'aqe. Ammo biyyiti gara inni jiru d'ageennaani dira keesa miilaani isa hordofte.

14 Inni alati baanaani nama heddu arge, naheefi nama fayyad'abe fayyise.

15 Lafti galgaloomnaani jari Yeso gara isaa d'ufe waan jed'eeni, Fullaani tunini lafa alooti, aduuni ya d'iite, biyya galchi, ha yaani ollowaani keesa deemani sagale bitatani.

16 Yesoni waan jed'eeni, Worri yau himmalle; isanumaani waan worri nyaatu kennaafi.

17 Worri, Nu qit'a shanifi qurt'umi lama ch'alla arma qamna jed'eeni.

18 Jennaani inni waan jed'eeni, Arma natiini koota.

19 Duuba, Buuyo ira tataa biyyaani jed'e, qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, Waaqa galata deebise, duuba ch'ach'abse, qit'a kaani jara ufiti kenne; worri biyya qoode.

20 Worri ch'ufti nyaate quufe. Duuba hamba dadu kud'ani lama wolti guurani.

21 Nad'eeni ijoolle male, nami nyaate haga kunki shaniti.


Yesoni bisaani gubbaa deema
( Mariko 6.45-52 ; Yohana 6.15-21 )

22 Jennaani Yesoni jara ufitiini, Hobolo keesa duuda galaana taaka jed'eeni, ufi isati biyya galche.

23 Eegi biyya galche, koba ufi gaara kore aka Waaqa kad'atu. Lafti galgaloomnaanile kobuma ufi tae;

24 ammo hojja suni hobolooni yayu jiddu galaana geete, d'awaani oli gadi hobolo dadarbite, bubbeeni duddaduuba d'iibde.

25 Baraaqa Yesoni bisaani gubba deeme fulla worraa d'ufe.

26 Ammo jari isaa Yeso galaana gubba deemu arginaani rifate, Ekhera jed'ani sodaatani iyani.

27 Ammo hojuma suni Yesoni worrati dubbate waan jed'eeni, Garaa jabaad'a, ana insodaatiina.

28 Jennaani Petroni waan jed'eeni, Aabbo, yo d'uguma si taate, Bisaani gubba deemi kooti naani jed'i.

29 Yesoni, Kooti jed'eeni. Duuba Petroni hobolo keesaa bahe, bisaani gubba gara Yeso d'aqe.

30 Ammo bubbe arginaani sodaate, ka diquma bisaani keesa illit'iini iye, Aabbo, na qabi jed'e.

31 Hojuma suni Yesoni harka diriirfate isa qabe waan jed'eeni, D'ugefachaani tante diqo! Maafi sodaatte?

32 Worri lachu hobolo keesa seennaani bubbeeni ch'allifte.

33 Jari hobolo keesa jiru isa guddise waan jed'e, D'uguma atini Ilma Waaqaati.


Aka Yesoni nama Genesareti keesa fayyise
( Mariko 6.53-56 )

34 Galaana taakinaani lafa Genesareti d'ufani.

35 Worri lafa suni Yeso hubannaani reera suniti d'aamsa ergani nama d'ukuba qabu ch'ufaa isatiini d'ufani.

36 Aka handaara woya isaa tuqani isa kad'atani; jennaani nami tuqe ch'ufti fayye.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan