Mariko 6 - KITAABA WAAQA1 Yesoni achii kae, lafa ufiti gale; jari isaleeni isa gula yae. 2 Guyyaani Sabato geennaani, inni Mana Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise. Nami isa d'agaye hedduuni mame waan jed'e, Namichi kuni eesaa waan kana argate? Qaroomi isaa kennani kunini maani? Wonti mama ta inni tolchu tuni maani? 3 Kunini ogeesa mukhatiiniti, ilma Mariamu, oboleesa Yakobotiifi Yosafi Yudafi Simoniiniti? Oboleyaani isaa ta dubra arma nu woliini injirtu? jed'ani, isa didani. 4 Yesoni waan worraani jed'e, Raagi fulla ch'ufati guddinna qaba, lafa ufitiifi fiit'a ufitiifi worra ufi keesati male. 5 Achi keesati waan mama tolchu dad'abe, worra fayyad'abe harka ira kaye fayyise male. 6 Waan worri d'ugefacha d'abeefi guddo mame. Jennaani Yesoni olla ch'ufa keesa dedeeme barsiise. Yesoni jara kud'ani lama barsiisa erga ( Matayo 10.5-15 ; Luka 9.1-6 ) 7 Jara kud'ani lama wolti yaame, lama lamaani erge, humna jinni hamtuuni dabsatani iti kenne 8 waan jed'eeni, Imaltu teesani keesa, ule male, woma tokole infud'atiina: qit'afi subba beese iti kad'ataniifi beesele infud'atiina. 9 Kope salala keyad'a, ammo ubaara lamale inkeyatina jed'e. 10 Ammalle waan worraani jed'e, Hojja mana nama toko olduuddani, arti tataa, haga achi yaataniti. 11 Fulla isani ind'ieesine ch'ufa, yokhaani fulla nami iti isani ind'ageenne ch'ufati, awaara miila ira hat'aad'a aka himacha worraa taatu. 12 Tanaafi worri kae yae, Daba iraa deebia jed'e nama barsiise. 13 Jinni heddule ariani, nama fayyad'abe heddu d'ad'a dibani fayyisani. Duisa Yohana nama batisu ( Matayo 14.1-12 ; Luka 9.7-9 ) 14 Waan maqaani Yeso fulla ch'ufa gaheefi, hayyu Herodeni waan kana d'agaye. Nami gari waan jed'e, Yohanani ka nama batisu la duisa keesaa kae jed'ani, tanaafi inni waan mama kana tolcha. 15 Ammo nami gari waan jed'e, Inni Eliya. Nami gari waan jed'e, Inni raaga, akuma raaga duri jira. 16 Ammo Herodeni waan kana d'ageennaani waan jed'e, Isii Yohanani, ka anini mata iraa kute, ya kae? jed'e gaafate. 17 Herodeni duri nama erge, Yohana qabe hid'e, maro Herodia, niiti Filipo, oboleesa isaa, ta Herodeni fuud'eefi. 18 Maro waan kanatifi Yohanani, Aki atini niiti oboleesa keeti fuutu fullaaniti Herodeni jed'e. 19 Duuba Herodiani guddo Yohana jibbite ijeesu feete. Ammo indad'abde. 20 Wonti akanatiifi Herodeni Yohana sodaate, maro aka inni nama d'ugatiifi qulqullo beekhufi, tanaafi nagayaani isa lakise. Inni ato hojja dubbi Yohana d'agayu ch'ufa guddo rifatele sila guddo isa ch'aqasu fed'e. 21 Jennaani hojjaani dansaani Herodia mullatte. Gaafasi guyya qaabacha d'aloota Herodeti. Inni nama gugurdafi shumootafi jara jajaba ka Galilaya ch'ufa wolti yaame. 22 Intalti Herodia olseente, sirbite tabatte, Herodefi keessuma isaa guddo gammachiifte. Jennaani hayyuuni waan intalaani jed'e, Waan atini feetu ch'ufa himad'u, anini sii kenna. 23 Inni isiti kakhate waan jed'e, Waan atini na kad'attu ch'ufa, ato moga lafa ani fidu toko taatele, anini sii kenna jed'eeni. 24 Isiini d'at'e waan haad'aani jette, Anini maani himachu male? Isiini waan jetteeni, Mata Yohana nama batisu kad'ad'u jette. 25 Maro tokotu isiini hayyuti utaalte waan jette, Mata Yohana nama batisu qori guddo keesa naa kayi, maro tokotu naa kenni jetteeni. 26 Hayyuuni guddo lalefate, ammo maro kakhu ufitiifi ammalle maro keessumatiifi dubbi isii didu dad'abe. 27 Tanaafi hayyuuni askarti erge, Mata Yohana ira kuta, kootaani jed'e. Askartiini deemte, mana hid'aansa d'at'e, mata Yohana kute, 28 qori guddo keesa keete, intalati kennite, duuba intalti haad'a ufiti kennite. 29 Jari Yohana waan kana d'ageennaani deemani, reefa Yohana fuud'ani awaalani. Yesoni nama kunki shani nyaachisa ( Matayo 14.13-21 ; Luka 9.10-17 ; Yohana 6.1-4 ) 30 Ergattuuni Yesoti dachaate, waan tolchiteefi waan barsiifte ch'ufa isati odeesite. 31 Inni waan worraani jed'e, Lafa mogati nu yaasa koba teteenne diqo boqonna. Wonti akanatiifi nama hedduti oli gadi yaa tanaafi sagale nyaachu dad'abani. 32 Koba ufi hobolo keesa duudani, lafa moga d'aqani. 33 Nami hedduuni worra yau jiru arge worra hubate, dira ch'ufa keesaa miilaani oriani, worra durati achiini bahani. 34 Yesoni hobolo keesaa buunaani, gumi guddo arge naheefi, waan worri ree tissitu inqamne fakaatuufi. Inni waan heddu worra barsiise. 35 Lafti galgaloomnaani, jari isaa isati d'ufe waan jed'eeni, Lafti moga, aduleeni ya d'iite, 36 biyya gadi d'iisi, aka reerafi olla keesa yaani waan nyaatani bitatani. 37 Inni waan jed'eeni, Waan worri nyaatu isaniiyu kennaafi. Worri waan jed'eeni, Yaaneti qit'a shilingi d'ibba afuri binna re, aka worri nyaatu? 38 Inni waan worraani jed'e, Isani qit'a hagami qabdani? Me, beena, ilaala. Ilaallaani waan jed'ani, Qit'a shanifi qurt'umi lama qamna. 39 Jennaani Yesoni biyya gargari qoqoode, Buuyo dooti gubba tataa jed'eeni. 40 Jennaani biyyiti teteete, fulla gari d'ibbaani, fulla gari shantama shantamaani. 41 Inni qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, eebise, qit'a ch'ach'abse, jara isati kenne, aka biyya gololchani. Ammalle qurt'umi lamaanile biyya ch'ufaa qoode. 42 Nami ch'ufti nyaate quufe. 43 Worri hamba qit'atiifi qurt'umile ta dadu kud'ani lama miju guure. 44 Jari d'iira ka qit'a nyaate nama kunki shani. Yesoni bisaani gubbaa deema ( Matayo 14.22-33 ; Yohana 6.15-21 ) 45 Hojuma suni Yesoni ato gumi ufiraa galchu, waan Jara isaatiini jed'e beena hobolo duuda na dura gama galaana gara dira Bethsaida taaka. 46 Inni eegi nagayati biyyaani jed'e d'aqe gaara kore Waaqa kad'ate. 47 Lafti dukanoomnaani, ka hobolooni jiddu galaana deemtu, inni koba lafa godduti hafe. 48 Aka worri hobolo keesati maro d'awa bubbeetifi guddo gaargala qabu arge, baraaqa d'eera bisaani gubba deema d'ufe worraani bahe, ka diquma bira indabriini. 49 Ammo worri ekhera sehe iye. 50 Wonti akanatiifi worri ch'ufti isa arginaani babakhakhe. Jennaani Yesoni worrati dubbate waan jed'e, Garaa jabaad'a, naa, insodaatiina. 51 Inni hobolo worra seennaani, bubbeeni ch'allifte. Worri aka taka inargiini maadefate. 52 Wonti akanatiifi dubbini worraa ingalle, worri waan qit'ale inhubanne. Yesoni nama fayisa lafa Genesareti keesa ( Matayo 14.34-36 ) 53 Galaana taakinaani, lafa Genesaretiti d'ufani, hobolo lafa goddu afaani galaanati hid'ani. 54 Hobolo keesaa buunaani, biyyiti maro tokotu Yeso hubatte. 55 Lafa suni ch'ufa keesa oriani nama fayya inqamne itille ira kayani fulla isa iti d'agayani ch'ufati iti geesani. 56 Fulla inni seene ch'ufa, ollafi diraafi lafa oobru taanaanile, nama fayya inqamne geesani fulla gabaya kayani, aka handaara woya isaa tuqani isa kad'atani; duuba nami isa tuqe ch'ufti imfaye. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya