Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mariko 15 - KITAABA WAAQA

1 Lafti bariinaani, qaalole gugurdofi jaarolefi jara Seera beekhufi jaaroleeni kora ch'ufti koratte, Yeso sibiilaani hid'ani, geesani harka Pilatoti kennani.

2 Pilatoni isa gaafate waan jed'e, Atini hayyu Yahuditi? Inni waan jed'eeni, Atu ya jette.

3 Qaaloleeni gugurdooni waan hedduuni isa himatte.

4 Pilatoni ammalle isa gaafate waan jed'e, Atini woma indeebiftu? Me, waan heddu ka siini himatani kana ilaali!

5 Yesoni ammalle woma indeebimne, tanaafi Pilatoni guddo mame.


Yeso duisati murani
( Matayo 27.15-26 ; Luka 23.13-25 ; Yohana 18.39—19.16 )

6 Jila keesa aadaani isaa nama toko ka hid'aansa keesa jiru hiiti.

7 Bara suni namicha toko ka Baraba jed'ani, jara lafa garagalchu fed'e nama ijeese woliini hid'ani.

8 Gumiini Pilatoti d'ufte, aka inni aada ufi guutu kad'atte.

9 Inni waan worraani jed'e, Aka anini hayyu Yahudi isanii hiikhu feetani? jed'eeni.

10 Inni aka qaaloleeni gugurdooni d'iibifi Yeso harka isati kennite imbeekha.

11 Ammo qaaloleeni gugurdooni gumi gorsite aka inni fulla Yeso Baraba hiikhu.

12 Pilatoni ammalle waan worraani jed'e, Nama hayyu Yahudi jettaniini, kana maani tolcha re?

13 Worri ammalle gohe waan jed'e, Isa fannisi jed'ani.

14 Pilatoni waan worraani jed'e, Maafi akana jettani? Inni hameenna maani tolche? Ammo worri guddise gohe waan jed'e, Isa fannisi.

15 Tanaafi Pilatoni, maro inni gumi gammachiisu fed'eefi, Baraba hiikhe, Yeso lichooni d'aane, Fud'ad'a, fannisa jed'eeni.


Askartiini Yeso goyeesiti
( Matayo 27.27-31 ; Yohana 19.2-3 )

16 Askartiini mana hayyu, ka Praitoria jed'ani, keesa isa seensifte, duuba askarti ch'ufa wolti yaamani.

17 Woya diimtu iti uyisani, qoraati aka sure tolchani, mata isaa ira kayani.

18 Duuba iti d'iaannaani, Hayyu Yahudi, lubbuuni tante ha d'eeratuuti jed'aniini.

19 Jennaani mata isaa harch'umeeni d'aanani, hanch'ufa iti tufani, durati jilbifatani, aka waan isa guddisani.

20 Goyeesinaani, woya diimtu iraa baasani, woya isaa uyisaniifi. Ammalle isa fannisitifi alati geesani.


Yeso maskaliti fannisani
( Matayo 27.32-44 ; Luka 23.26-43 ; Yohana 19.17-27 )

21 Duuba nama toko ka lafa oobruti bahe dabru jiru qabani, mukha maskali Yeso baachisani. Inni Simoni Kirene jed'ani, abba Iskandafi Rufo.

22 Fulla toko ta Golgotha jed'ani d'ufaniini. (Golgotha jechaani Buqe Mata jecha.)

23 Daad'iifi qumbi wolti naqani iti kennu fed'ani, ammo inni d'ugu dide.

24 Jennaani maskali irati isa fannisani, woya isaa qoodatani, hit'a buufatani, waan namu argatu ilaalani.

25 Hojja isa fannisani suni saa sadi.

26 Hayyu Yahudi jed'ani, waan isaani himatani t'aafani.

27 Isa bira shifta lama fannisani, toko gama mirga, kaani gama bita. [

28 Kara kanaani t'aafiini guutamte ta, Nama hamama isa woliini heregani jettu.]

29 Nami d'aatu isaa yau isa arabse, mata iti irbe waan jed'ani, Lee! Atini ka sila Mana Waaqa ch'ach'absite, guyya sadi keesati jaartu,

30 ufi baasi, maskali iraa bui!

31 Akasuma qaalole gugurdofi jara Seera beekhuleeni isa goyeesani waan woliini jed'ani, Inni ka nama d'ibi baase, dandae ufi imbaasu.

32 Kristoni, hayyuuni Israeli, ha amma maskali ira gadi buu, aka nu argine d'ugefannu. Jari isa woliini fannisanileeni isa arabse.


Duisa Yeso
( Matayo 27.45-56 ; Luka 23.44-49 ; Yohana 19.28-30 )

33 Saa jaa geennaani, lafti ch'ufti dukanoofte haga saa sagali.

34 Ammalle saa sagali geennaani, Yesoni qonqo guddooni iye waan jed'e, Eli, Eli, lama sabakthani? Akasi jechaani, Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maafi na lakifta?

35 Jari gari ka bira ejaanju akasi d'ageennaani waan jed'e, Me ilaala, inni Eliya yaamu jira.

36 Namichi toko utaale, bututu laaftu toko daad'i keesa kaye, hokoti fannise. Jennaani aka inni d'ugu iti kenne waan jed'e, Eega! Aka Eliyaani d'ufe maskali ira isa buusu laala.

37 Yesoni qonqo guddooni lalabe, hafuura baafate ch'iche.

38 Golli Mana Waaqa fulla lamati gubbaa gadi tarsae.

39 Guddaani askarti ka isa dura eju, aka inni akasi hafuura baafatu arginaani waan jed'e, D'uguma nami kunini Ilma Waaqaati.

40 Nad'eeni garileeni waan kana fagoo ilaalte. Worra keesa, Mariamu Magdalenefi Mariamu haad'a Yakobo maand'ichafi Yose, ammalle Salometi jira.

41 Isiini gaafa Yesoni Galilaya jiru isa gula yaate hojateefi. Ammalle nad'eeni heddu d'ibiti, ta isa woliini Yerusalemu olqabatte achi jira.


Awaala Yeso
( Matayo 27.57-61 ; Luka 23.50-56 ; Yohana 19.38-42 )

42 Lafti galgaloomnaani Yusufuni, ka dira Arimathaya d'ufe.

43 Inni nama gurra qabu, kora Yahudi keesa, ka d'ufiisa Finna Waaqa eegu. Guyyaani suni guyya Kurfefacha (akasi jechaani guyya Sabato dura jecha); tanaafi Yusufuni garaa jabaate, gara Pilato d'aqe, reefa Yeso kad'ate.

44 Pilatoni, aka Yesoni yoosu due mame, gudda askarti yaame, aka Yesoni yoosu due gaafate.

45 Gudda askarti ira d'ageennaani, inni reefa Yusufuti kenne.

46 Yusufuni woya boofta bite, isa gadi buuse, woya taaniini mamare, goda d'akha keesaa boch'ani keesati awaale, d'akha toko afaanti gangalche.

47 Mariamu Magdalenefi Mariamu haad'a Yose, fulla Yeso iti awaalani argani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan