Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Mariko 1 - KITAABA WAAQA


Barsiisa Yohana nama batisu
( Matayo 3.1-12 ; Luka 3.1-18 ; Yohana 1.19-28 )

1 Oduuni Dansaani ta Yeso Kristo Ilma Waaqa tana.

2 Isiini akuma raagi Isayani duri t'aafe jirti: Kuno, anini ergattu tiyya si dura erga, aka kara sii mid'aasitu.

3 Qonqooni nama lafa alooti iyu waan jettu: Kara Aabbo kurfeesa, daandi isaa qajeelcha!

4 Yohanani lafa gamooji d'ufe, aada batiso jed'ani biyya kenne waan jed'e, Daba iraa deebia, aada batiso fud'ad'a, aka Waaqi daba keesani isanii araaramu.

5 Nami Yudeatiifi ka Yerusalemu keesa jiruleeni ch'ufti d'aqe Yohana ch'aqase. Daba ufi himatani jennaani inni galaana Yordani keesati worraa batiso kenne.

6 Woyaani Yohana rifeensa galati, gurda hid'aanati hid'ate, awaanisafi damma nyaate.

7 Inni odeese waan jed'e, Eegi tiyya, ka nara jiruti d'ufa, ka seemsa kobe isaa anini gajed'e hiikhu himmalini.

8 Anini bisaaniini isani batisa, ammo inni Lubbu Qulqullooni isani batisa.


Batisofi ilaalacha Yeso
( Matayo 3.13—4.11 ; Luka 3.21-22 ; 4.1-13 )

9 Bara suni Yesoni Nazareti ta lafa Galilaya jirtu bahe, Yordani d'aqe, aka Yohanani isa batisu.

10 Akuma Yesoni bisaani keesaa baheeni, inni gubba banamte, Lubbu bifa sabaliisa qabdu, ta isa gubba buutu, arge.

11 Qonqooni gubba baate waan jette, Atini Ilma kiyya tokocha, ka guddo na gammachiisu.

12 Jennaani Lubbuuni diidati isa baafte.

13 Inni bulti afurtama diida keesa tae, Sheet'ani isa ilaalate. Inni bineensa ala jiddu tae, malaikaani d'ufte isa qorqoratte.


Yesoni jara ufi ka qara yaama
( Matayo 4.12-22 ; Luka 4.14-15 ; 5.1-11 )

14 Eegi Yohana qabani, Yesoni Galilaya d'aqe, Odu Dansa ta gara Waaqaati d'ufte odeese,

15 waan jed'e, Hojjaani yayu geete, Finni Waaqa la d'iaate, daba iraa deebia, Odu Dansa d'ugefad'a jed'e.

16 Ato inni d'aatu galaana Galilaya deemu, Simonifi oboleesa isaa Andarea, ka t'urura qurt'umi galaana keesa buusani, arge; worri guurtu qurt'umiiti.

17 Yesoni waan worraani jed'e, Na gula koota, anini guurtu nama isani tolcha.

18 T'urura ufi achumati lakisani hurrisani isa gula yaani.

19 Diqo deemnaani, inni Yakobo ilma Zebedayotiifi Yohana oboleesa isaa arge. Worri hobolo keesati t'urura qurt'umi mid'aafachu jira.

20 Inni akuma argeeni yaame, duuba abbaafi hojattu isaani hobolo keesati lakisani isa gula yaani.


Yesoni nama jinni qabu fayyisa
( Luka 4.31-37 )

21 Yesofi jari isaa dira Kapernaumu d'umnaani, guyya Sabato Yesoni Mana Waaqa iti kad'atani seene biyya barsiise.

22 Biyyiti waan inni barsiise guddo maadefatte, waan inni aka jara Seera beekhu imbarsiimne, ammo aka nama humna qabu barsiiseefi.

23 Hojja suni nami toko ka jinni qabu Mana Waaqa suni keesa seene

24 iye waan jed'e, Atini maani nura qabda, Yeso Nazareti? Nu balleesu d'ufte? Anini si beekha, atini Qulqullo Waaqaati.

25 Yesoni jinni d'owe, Ch'allisi, isa keesaa bahi jed'eeni.

26 Jinniini taani isa hargufte, lalabde, iyite baate.

27 Biyyiti ch'ufti guddo maadefatte waan woliini jette, Taka agartani d'ageetani? Barsiisaani hareetiini tuni maal? Nami kunini guddo jabeenna qaba. Yo inni dubbatu jinnileeni insarmitifi.


Fayyisa nama heddu
( Matayo 8.14-17 ; Luka 4.38-41 )

28 Maro tokotu gurri isaa arda lafa Galilaya ch'ufa gahe.

29 Mana Waaqa keesaa bahani, jennaani Yakobofi Yohana woliini, mana Simonifi Andarea d'aqani.

30 Jaartiini soda Petro, qanno fuute ch'iifti, akuma Yesoni achiini baheeni iti himani.

31 Inni gara isi d'aqe, harka qabe olkaase. Qannooni isi iraa galte, isiini worra gololchite.

32 Lafti galgaloomnaani, nama fayya inqamneefi ka jinni qabu ch'ufa isatiini d'ufani.

33 Nami dira ch'ufti balbala durati wolti bahe.

34 Inni nama d'ukuba gosa ch'ufa qabu fayyise, jinni heddule nama keesaa baase, isi dubbachu d'owe, waan isiini isa beetuufi.


Kad'achaafi odeesa Yeso
( Luka 4.42-44 )

35 Boriyya, afaani bari, Yesoni kae, fulla nami injirre d'aqe Waaqa kad'ate.

36 Ammo Simonifi waheli isaa Yeso barbaadani;

37 isa arginaani waan jed'aniini, Nami ch'uftumaani si barbaaduu jira.

38 Inni waan jed'eeni, Koota, dira iti aanu yaana, aka achileti hasau; anini waan kanaafi d'ufe.

39 Jennaani inni lafa Galilaya ch'ufa keesa dedeeme, maneeni Waaqa iti kad'atani keesati hasae, jinni nama keesaa yaase.


Yesoni qomaat'a fayyisa
( Matayo 8.1-4 ; Luka 5.12-16 )

40 Nami toko ka qomaat'a qabu isati d'ufe, miilati jige waan jed'eeni, Yo sila atini na fayyisu feete, indandeeta jed'e.

41 Yesoni naheefi, harka d'eerefate, isa qabate waan jed'e, Imfed'a, fayyi.

42 Maro tokotu qomaat'aani isa iraa bade, inni fayye.

43 Jennaani Yesoni aka jaba isa gorse, ufi biraa deemsise,

44 waan jed'eeni, Eegad'u, nama tokoleti inhimini. Ammo deemi, qaallicha gudda ufi agarsiisi, sorio Musa iraa d'ufte qali, aka nami fayya te argu.

45 Ammo namichi kaani achi deemnaani akuma arge fulluma ch'ufati hasae. Waan kanaafi Yesoni d'ossa male dira tokole seenu dad'abe, ammo ala tae biyyiti fulluma ch'ufa isati d'ufte.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan