Luqaas 4 - KITAABA WAAQA1 Yesoni, Lubbu Qulqullooni guutamnaani galaana Yordaniti deebie; Lubbuuni suni lafa alo isa geesite. 2 Haga bulti afurtama Sheet'ani isa ilaalate, inni haga suni ch'ufa sagale male tae. Duuba guyyaani hobaanaani guddo beelae. 3 Sheet'ani waan isaani jed'e, Yo atini Ilma Waaqaa taate, d'akha kanaani, Qit'a tahi jed'i. 4 Yesoni waan jed'eeni, T'aafiini waan jettu, Nami qit'a ch'allaani injiraatu. 5 Jennaani Sheet'ani Yeso gaara d'eera korsiise maro tokotu guddinna lafa tana ch'ufa agarsiise. 6 Duuba waan jed'eeni jabeenna lafa tana ch'ufaafi hori isiile ch'ufa sii kenna, wonti akanatiifi yayu harka kiyyati kennani aka anini nama fed'u kennu. 7 Duuba yo ati na guddifte wonti kuni ch'ufti kanke taati. 8 Yesoni waan jed'eeni, T'aafiini waan jettu Aabbo Waaqa kanke ch'alla guddisi, isa male nama d'ibi inhojatiini. 9 Jennaani Sheet'ani Yerusalemu isa geese, fiit'e Mana Waaqa ira d'aabe waan jed'eeni, Yo atini d'uguma Ilma Waaqa taate, arma iraa ufi gadi lakisi. 10 Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi malaika ufiti hima, aka si tissitu. 11 Ammalle, worri Harka ufitiini si qaba aka miili kanke d'akhati ingufanne. 12 Yesoni waan jed'eeni, Waan jed'ani, Aabbo Waaqa kanke inilaalatiini. 13 Sheet'ani ilaalacha ufi ch'ufa hobaamnaani haga hojja d'ibi isa biraa deeme. Yeso tuffatani didani Nazareti keesa ( Matayo 4.12-17 ; 13.53-58 ; Mariko 1.14-15 ; 6.1-6 ) 14 Jennaani Yesoni jabeenna Lubbu Qulqullotiini kae Galilayati gale; gurri isaa arda suni ch'ufaa gahe. 15 Inni achiti maneeni Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise; nami ch'ufti isa guddise. 16 Jennaani inni Nazareti fulla inni iti guddate d'ufe, guyya Sabato Mana Waaqa iti kad'atani d'aqe akuma aada isaa, olejate dubbi Waaqaa soome. 17 Kitaaba raaga Isaya iti kennani, saannaani fulla dubbi tana iti t'aafani arge: 18 Lubbuuni Aabbo na gubba teeti. Inni ya na muude aka anini odu dansa hiyyeeyiti odeesu. Inni ya na erge aka worra hid'ani waan hiikhaansa himu, aka ballaleeni lafa argu, aka nama gaargalchani gaargala keesaa baasani, 19 aka bara Waaqi gumi ufi baasu odeesu. 20 Yesoni kitaaba ch'umnaani nama eeguti kenne tae. Nami ch'ufti ka Mana Waaqa kaani keesa jiru ila isati qabe isa ilaale. 21 Inni dubbi fuud'e waan jed'e, Dubbini tuni ya arra ila teesani durati guutamte. 22 Nami ch'ufti ka isa ch'aqase mame, maro dubbi dansa ta afaani isaa keesaa baateefi maadefate, waan jed'ani, Kunini ilma Yusufutiniti? 23 Inni waan worraani jed'e, Isani sila mammaasa kana naani jettani, Ch'ireesa, qara ufi fayyisi. Ammalle, waan atini dira Kapernaumuti tolchite ta nu d'ageenne, armaleti tolchi, lafa tante keesati. 24 Ammalle inni waan jed'eeni, D'uguma waan anini isaniini jed'u, Raagi lafa ufi keesati d'ugefatani injiru. 25 Ammo d'uguma waan anini isaniini jed'u, Nad'eeni d'iirsi iraa due hedduti lafa Israeli keesa jira bara Eliya, ka bokeeni ganna sadifi jia jaa oole, beelti guddooni lafa ch'ufa d'ufte. 26 Ammo Eliya nama d'ibiti inergine, niiti d'iirsa inqamne toko ta olla Sarepta lafa Sidoni male. 27 Ammalle bara raaga Elisha nama hedduti jira ka qomaat'a qabu lafa Israeli keesa; ammo tokoleeni infayimne Naamani namicha lafa Shamu male. 28 Nami ch'ufti ka mana Waaqa keesa jiru dubbi suni d'ageennaani guddo dalane. 29 Kakaani dira keesaa isa gussani, gara gaara dira isaani gubba jaarani isa geesani, aka sila fiit'e gaara iraa isa darbatani. 30 Ammo inni jiddu worraati bahe kae iti d'aabate. Yesoni nama jinni qabu fayyisa ( Mariko 1.21-28 ) 31 Jennaani Yesoni dira Kapernaumuti gadi bue, diri suni lafa Galilaya ke jira; guyya Sabato, ato inni worra barsiisuu jiru, 32 waan inni barsiise suni guddo mamani, wonti akanatiifi dubbini isaa jabeenna qabdi. 33 Mana Waaqa iti kad'atani suni keesa nama tokoti jira ka jinni hamtu qabu; inni qonqo olfud'ate iye waan jed'e, 34 Eya, atini maani nura qabda Yeso Nazareti? Nu balleesu d'ufte? Anini si beekha; atini Qulqullo Waaqaati. 35 Ammo Yesoni dubbachu isa d'owe waan jed'eeni, Ch'allisi, isa keesaa bahi. Jennaani jinniini jiddu biyyati namicha kaani lafaani d'oofte, laanatu, ka isa ind'ukubsiinu, isa keesaa baate. 36 Biyyiti ch'ufti maadefate waan woliini jette, Dubbini tuni maani? Inni humnafi jabeennaani jinni seera, duuba isiini nama keesaa baate. 37 Gurri isaa arda suni ch'ufa keesa fulla ch'ufa gahe. Fayyisa nama heddu ( Matayo 8.14-17 ; Mariko 1.29-34 ) 38 Jennaani Yesoni Mana Waaqa keesaa bahe mana Simoni seene. Haati niiti Simoni qanno qabdi, waan isii Yesoti himani. 39 Yesoni isi bira eje, Qanno iraa gali jennaani, qannooni taani iraa galte; jennaani hojuma suni kaate worra gololchite. 40 Galgala suni eegi aduuni d'iite, nama fayyad'abe ch'ufa isaatiini d'ufani. Inni nama ch'ufa harka ira kaye fayyise. 41 Jinnileeni nama heddu keesaa yaate, qonqo guddooni lalabde waan jette, Atini Ilma Waaqaati. Yesoni isi dubbachu d'owe, maro isiini aka inni Kristo beetuufi. Barsiisa Yeso Yudea keesa ( Mariko 1.35-39 ) 42 Lafti bariinaani inni kae lafa moga d'aqe. Biyyiti isa barbaadde, arginaani sila isa d'owarti, aka inni worra biraa indeemne. 43 Ammo inni waan worraani jed'e, Anini Odu Dansa ta Finna Waaqa dira d'ibileti odeesu male; wonti akanatiifi waan kanaafi na ergani. 44 Duuba inni d'aqe maneeni Waaqa iti kad'atani ta Yudea keesati nama barsiise. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya