Luqaas 21 - KITAABA WAAQA1 Yesoni olmillate jennaani dureeyi ta hori Waaqa baaftu arge, 2 ammalle niiti hiyyeeti d'iirsa inqamne toko ta dururu lama achi keesa buuftu arge. 3 Inni waan jed'e, D'uguma waan anini isaaniini jed'u, Niitiini hiyyeetiini tuni nama ch'ufa ira wo baafte. 4 Wonti akanatiifi jari kaani ch'ufti hori ufi gudda keesaa baase; ammo isiini hiyyuma ufi keesa hori qabdu ch'ufa baafte. Yesoni muumme Mana Waaqa hima ( Matayo 24.1-2 ; Mariko 13.1-2 ) 5 Ato nami gari waan Mana Waaqa hasau, aka d'akhaye dansaafi waan Waaqaa baasaniini bareesani, Yesoni waan jed'eeni, 6 Waan kana ka isani argitani, guyyaani d'akhaani tokoleeni woli irati inhamne ind'ufa; ch'ufa gargari jissani. Yesoni gaargala d'ufu hima ( Matayo 24.3-14 ; Mariko 13.3-13 ) 7 Worri isa gaafate waan jed'eeni, Aabbo, wonti kuni yoomi taati? Akheekha kamiti mullata hojja wonti kuni d'iaattu? 8 Inni waan jed'eeni, Eegad'a, aka isani insobamne. Wonti akanatiifi hedduti maqa kiyyaani d'ufe waan jed'u, Anini isa, ammalle, Hojjaani, ya d'iaatte. Worra akana kana gula indeemina. 9 Lolafi had'iisa, yo d'ageetani, insodaatiina; wonti kuni qara d'ufu malte, ammo muummeeni diqo ingeenne. 10 Jennaani inni waan worraani jed'e, Gochiti gosaani wolhaati, lafti lafaani wolhaati; 11 lafti guddo chochoti, fulla heddu beelafi d'ukubati d'ufa; waan nama mudamsisatifi akheekha guddati gubba mullata. 12 Ammo waan kana ch'ufa durati isani qabani gaargalchani, maneeni Waaqa iti kad'atani duraani isani d'ufani, mana hid'aansa keesa isani buusani; maro tiyyaafi hayyootafi jaallaba dura isani geesani. 13 Yoi kuni yo isani Odu Dansa odeesitani. 14 Tanaafi garaa kutad'a, aka durati waan deebiftani ind'ind'insine; 15 anati afaanifi qalbi isanii kenna, ta nyaapi keesani tokoleeni dandae morkeeni intufanne. 16 Abbaafi haad'afi oboleyaanifi gosafi jaalaani teesanileeni isani gurguratti; nama gari isani keesa inijeesani. 17 Nami ch'ufti isani jibba, maro tiyyaafi. 18 Ammo rifeensi mata keesani tokoleeni imbadu. 19 Obsa akasi ch'allaani lubbu teesani baaftani. Yesoni badii Yerusalemu hima ( Matayo 24.15-21 ; Mariko 13.14-19 ) 20 Ammo hojja duula Yerusalemu marsu argitani, aka badiini isii d'iaate beekha. 21 Hojja suni nami lafa Yahudi keesa jiru ha gareeniti baqatuti; nami dira keesa jiruleeni ha keesaa bahu; nami ala jiruleeni dira inseeniini. 22 Wonti akanatiifi kunini guyya haalo baafatani, ka waan t'aafani ch'ufa guutani. 23 Gaargala nad'eeni gaafasi garaacha qabdu, yokhaani ta hoosiftu. Gaargali guddaani lafa tana d'ufe dalansuuni Waaqa gosa tana balleesiti. 24 Worra gari sheeftini fit'ani, ka hafele boojiani lafa d'ibi geesani. Gochiti d'ibiini d'ufte Yerusalemu ira ejaanjatti haga guyyaani isii hobauti. Waan guyya muumme ( Matayo 24.29-31 ; Mariko 13.24-27 ) 25 Akheekhati mullata adufi jiafi urji keesa. Lafa keesaleti gochiti ch'ufti ufi jibbaatti, maro gohannaafi d'awa galaana sodaataniifi waan tahani wollaalaani. 26 Nami naasuuni gagaba, yo waan lafati d'ufu heregu; wonti akanatiifi wonti gubba jira ch'ufti kara ufi iraa gorti. 27 Gaafasi Ilmi Nama, ka jabeennaafi guddinnaani dumansa keesa d'ufu argani. 28 Hojja wonti kuni qara taatu, mata olfud'ad'a, olmillad'a, baafami keesani ya d'iaate. Mammaasa oda ( Matayo 24.32-35 ; Mariko 13.28-31 ) 29 Jennaani Yesoni mammaasa kana worrati hime waan jed'e, Odafi mukha ch'ufa ilaala. 30 Hojja baala baase, imbeetani aka ch'aamsaani d'iaate. 31 Akasuma, hojja waan kana ka tahu argitani, aka Finni Waaqa d'iaate beetani. 32 D'uguma waan anini isaniini jed'u, D'aloota kuni indabru, haga wonti kuni ch'ufti guutamtuuti. 33 Gubbafi lafti indabarti, ammo dubbini tiyya indabartu. Yesoni, Kurfo eega jed'a 34 Ammo eegad'a, aka garaani keesani waan quuftaniifi waan, machitiifi d'ipu lafa tana inqulqulle, aka guyyaani suni aka t'urura tassa isani ira imbuune. 35 Wonti akanatiifi guyyaani suni nama ch'ufati d'ufa ka lafa ch'ufa keesa tau. 36 Hojja ch'ufa eegad'a, kad'ad'a, aka waan d'ufa kana ch'ufa jalaa baatani, Ilma Nama dura ejaanjattani. 37 Guyya ch'ufa Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiise, ammalle lafti halkani geennaani inni d'aqe Gaara Ejersa jed'ani gubbaa bule. 38 Ganama nami ch'ufti kae Mana Waaqa d'aqe aka isa ch'aqasu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya