Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Lawi 8 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi waan Musani jed'e,

2 Harunifi ilmaani isaa fulla balbala Waaro Woyyuma geesi, woya qaallutifi d'ad'a namaani muudanifi jibicha korma ka qalani dabaani nama iraa baasanifi elemiye lamafi ammalle dadu qit'a bukho inqamne kootiini.

3 Duuba gumi ch'ufa achiti wolti yaami.

4 Musani akuma AABBO Waaqi tolchi jed'eeni tolche, gumiini wolti d'ufte jennaani,

5 inni waan worraani jed'e, Wonti anini amma tolchu kunini waan AABBO Waaqi, Tolchi nani jed'e.

6 Musani Harunifi ilmaani isaa gumi durati gayaame bisaani d'iqachiise.

7 Inni ubaara iti kaye, gurdale hid'eefi ubaara d'eerafi woya aka korbo hid'atanile iti kaye, gurda hid'aana ka aka dansa d'aani kaaniini hid'eefi.

8 Duuba ukha qoma iti kaye, Urimufi Thumimu keesa kaye.

9 Surele matati marefi, sure suni dura faaya worqi ka qulqullooma garsiisu iti naqe, akuma AABBO Waaqi Musani jed'e kaani.

10 Jennaani Musani d'ad'a muuda suni fuud'e, Waaro Woyyumatiifi waan kana ch'ufa AABBO durati eebise.

11 Duuba inni d'ad'a kaani haga toko fuud'e, waan mesa fakaata kaani miha isaa ch'ufafi, qorifi waan isiini ira ejitule ch'ufati fifit'e, aka akasiini Waaqa durati eebise qulqulleesu.

12 Inni d'ad'a suni Harunileeni muude eebisefi.

13 Ammalle ilmaani Harunile duraani d'ufe ubaara iti naqe, gurda hid'eefi, kofia iti naqe, akuma AABBO Waaqi jed'eeni kaani.

14 Jennaani inni jibicha korma ka dabaani nama iraa baasani gadi fuud'e, Harunifi ilmaani isaa harka mata ira keeyate harirate.

15 Duuba Musani korma suni qale d'iiga isaa fuud'e, qubaani gaafa afraani waan mesa fakaata kaani ibse; aka akasiini eebisu. Duuba d'iiga hafe kaani d'ibi waan mesa fakaata kaani jalati jisse, akanaani eebise qulqulleese.

16 Inni gabbinna miha garaa ch'ufafi arabicho tirutifi kaleefi moora isiile ch'ufa fuud'e waan mesa fakaata irati gube.

17 Ammo waan jibicha suni ka hafe ch'ufa fooni, goga, miha garaa ch'ufa fuud'e, alati baase fageese gube, akuma AABBO Waaqi jed'eeni kaani.

18 Jennaani inni elemo sorio d'ufaniini fuud'e Harunifi ilmaani isaa harka mata ira keeyate harirate.

19 Duuba Musani elemo suni qale, d'iiga isaa waan mesa fakaata gama afraaniti jijisse.

20-21 Inni fooni elemo suni gargari ch'ich'ire, miha garaa ch'ufafi miila isaa ka lukha lamaani d'iqe, matafi gabbinnafi waan elemo suni ch'ufa waan mesa fakaata irati gube, akuma AABBO Waaqi isaani jed'e. Sorioni gubani baasani tunini waan Waaqaa baasani, ka ch'inch'aani isii isa gammachiiftu.

22 Jennaani inni Elemo lameeso ka qaaloleeni eebisani d'ufeeni Harunifi, ilmaani isaa harka mata ira keeyate harirate.

23 Musani gorae, d'iiga fuud'e Haruni nyaaba gurra mirgatifi quba agicho ka harka mirgatifi quba agicho ka miila mirgale qabeeni.

24 Jennaani inni ilmaani Haruni duraani gad'ufe, d'iiga fuud'e, nyaaba gurra mirgatifi quba agicho ka harka mirgatifi quba agicho ka miila mirgale qabeeni. Duuba d'iiga hafe kaani gama afraani waan mesa fakaata kaaniti jijisse.

25 Inni gabbinnafi dubafi, gabbinna miha garaa ch'ufafi arabicho tirutifi kaleefi moora isiitiifi ammalle miila lukha ka mirga fuud'e.

26 Jennaani inni qit'a toko dadu qit'a bukho inqamne ka AABBO Waaqaa baasani keesaa fuud'e, ammalle qit'a toko ka d'ad'ani d'aabanifi waan aka buddeena tokole fuud'e, gabbinnafi miila lukha mirgicha kaani gubba kaye.

27 Inni waan kana ch'ufa harka Harunitifi ilmaani isaati kenne worri AABBO Waaqa durati olqabe, aka AABBO Waaqaa baasani garsiise.

28 Jennaani Musani waan suni worra iraa fuud'e, waan mesa fakaata irati sorio gubani gubba kaye woliini gube, akuma sorio namaani eebisani. Tunini sorio gubani ta ch'inch'aani isii AABBO Waaqa gammachiiftu.

29 Jennaani Musani handaraafa fuud'e olqabe, aka AABBO Waaqaa baasani garsiise. Handaraafi suni waan Musani guyya qaalole eebisani suni sorio baasu. Waan kana ch'ufa Musani akuma AABBO Waaqi jed'eeni tolche.

30 Jennaani Musani d'ad'a muudatiifi d'iiga waan mesa fakaata gubba jiru fuud'e, Harunifi ilmaani isaatiifi woya worraleeti fifit'e, kara kanaani inni worraafi woya worrale AABBO Waaqa durati eebise.

31 Musani waan Harunifi ilmaani isaatini jed'e, Fooni fuud'a, fulla balbala Waaro Woyyumati d'aaba, artumati qit'a dadu waan Waaqaa baasani ka qaaloleeni eebisani iti naqani keesaa fud'ad'a fooniini woliini nyaad'a, akuma AABBO Waaqi jed'e.

32 Ammalle foonifi qit'a ka isani iraa hafe guba.

33 Waaro Woyyuma haga bulti torba keesaa imbahina, haga torbaani jila isaniini eebisani kunini dabraniti.

34 Waan nu arra tolchine kana AABBO Waaqati tolcha nani jed'e, aka daba keesani isani iraa fuud'ani.

35 Isani fulla balbala Waaro Woyyuma haga bulti torba teetani, waan AABBO Waaqi, Tolcha jed'e tolchu maltani. Yo akasi tolchu baatani indootani wonti AABBO Waaqi nati hime suni.

36 Jennaani Harunifi ilmaani isaa waan AABBO Waaqi Musani worrati himi jed'e tolchani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan