Lawi 24 - KITAABA WAAQAAka ifse qorqoratani ( Bahisa 27.20-21 ) 1 AABBO Waaqi waan Musani jed'e, 2 Waan atini worra Israelitini jettu: D'ad'a qulqullo booru inqamne, ka ifseeti naqanini koota, aka ifseeni hojja ch'ufa bobeetu. 3 Galgala ch'ufa Harunini ha ifse suni bobeese, haga lafti bariituti d'aamu d'owuti, golla Waaro Woyyuma keesa jiruni ala, AABBO Waaqa durati. Aada tana haga jiru jireenna tolchu malani. 4 Harunini ha ifse suni waan ifseeni ira ejitu, ka worqi ch'allaani mid'aasani, irati qorqorate, aka isiini hojja ch'ufa AABBO Waaqa durati bobeetu ilaalu. Qit'a Waaqaa baasani 5 Mid'aani daakhani ka kilo kud'ani lama fuud'i, qit'a kud'ani lama d'aabi. 6 Duuba qit'a suni jajaani ch'ororsi, AABBO Waaqa durati mesa worqi ch'allaani mid'aasani ira naqi. 7 Qit'a ch'ororsani suni hit'aana irati aarsi, aka hit'aani suni AABBO Waaqa durati qaabacha waan gubani tahu. 8 Guyya Sabato ch'ufa, haga jiru jireenna, qit'a suni ha AABBO Waaqa dura kayani. Tunini huji worra Israeli, haga jiru jireennati. 9 Qit'aani suni ka Harunitifi ka ilmaani isaati, worri ha fulla qulqullooti nyaatu; wonti akanatiifi qit'aani kunini sagale qaalole keesa waan guddo qulqullo ta AABBO Waaqa durati gubani. Aka nama wollaala tolche d'akhaani d'aanani ijeesani 10-11 Namicha tokoti jira, ka abbaani isaa gosa Misiri, ammo haati gosa Israeli, haad'a isaa maqaani Shelomithi, isiini dubra Dibri, ka gosa Dani, worra Israeli keesa. Gaafa toko isaafi namichi gosa Israeli toko olla keesati woldidani. Woldida suni keesati namichi sunini Waaqa arabse, jennaani Musatiini d'ufani, 12 hid'aansa keesa kayani, haga waan AABBO Waaqi jed'u d'agayaniti. 13 AABBO Waaqi waan Musani jed'e, 14 Namichi Waaqa arabse suni olla keesaa baasi. Duuba nami araba inni Waaqa arabse d'agaye ha harka isaani mata nama suni ira keeyatu, duuba eege gumiini ch'ufti ha d'akhaani isaa haate ijeeftu. 15 Duuba waan atini worra Israelitini jettu: Nama Waaqa arabsu ch'ufa 16 armaa achi ha kara kanaani ijeesani. Nami Israeli, yokhaani nami gosa d'ibi ka worra keesa godaanuleeni, hojja inni maqa AABBO Waaqa arabsu, gumiini ch'ufti ha d'akhaani isa haate ijeeftu. 17 Nama nama ijeesu ha ijeesani, 18 ammalle nama hori nama d'ibi ijeese ha fulla kayufi. Akasi jeechaani lubbuuni lubbu biti. 19 Hojja nami nama woi tolche, isaale ha wotolchani. 20 Yo inni lafe nama ch'abse lafe isaale toko ha ch'absani; yo inni nama suni ila toko basse isaale ha ila toko bassani; yo inni ilkaani toko nama keesaa buuse isaale ha toko keesaa buusani. Waan inni nama tolche ch'ufa isaale ha tolchaniti. 21 Nami hori ijeese ha fulla kayuli, ammo nama nama ijeese isaale ha ijeesani. 22 Seerri kunini ka nama ch'ufati, worra Israelitiifi worra gosa d'ibi ka worra keesa godaanule; wonti akanatiifi anini AABBO, Waaqa keesani. 23 Musani waan kana worra Israeliti hime jennaani worri nama suni olla keesaa baase d'akhaani d'aane ijeese. Akanaani worri Israeli waan AABBO Waaqi Musani jed'e guute. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya