Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Lawi 20 - KITAABA WAAQA


Waan nama ch'ubbu tolchu tolchani

1 AABBO Waaqi waan Musani jed'e,

2 Waan atini worra Israelitini jettu: Isanifi worra gosa d'ibi, ka isani keesa godaanule, yo nami toko ilmaani ufi waaqa Moleki jed'ani sorio baase nama suni ha gumiini ch'ufti d'akhaachani d'aanite ijeeftu.

3 Hojja nami tokoleeni ilmaani isaa Moleki suni kenne Waaro Woyyuma t'ureese maqa kiyyale ch'eerse, anini nama suniti garagale, deebie gumi tiyyati isa inheregu.

4 Ammo hojja gumiini isa lakifte d'akhaani ijeesu didde,

5 anumati nama sunifi worra isaatiifi nama isa gula bahe na lakise Moleki kad'ate ch'ufa iti garagale balleesa. Anini deebie gumi tiyyati worra inheregu.

6 Hojja nami worra ekhera wogaafatu gorsa iraa fud'achu d'aqu, anini nama suniti garagale deebie nama suni gumi tiyyati inheregu.

7 Tanaafi ufi qulqulleesa, qulqullo taha. Wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa keesani.

8 Seera kiyya guuta, gula deema; wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa isani qulqulleesu.

9 Nama abbaafi haad'a ufi arabsu ha ijeesani d'iiga isaa gubbuma isaati.

10 Hojja nami niiti nama d'ibi barate, isaafi sunile ha ijeesani.

11 Nami nad'eeni abba isaa bira rafe ya abba ufi ch'eerse, isaafi niiti sunile ha ijeesani. D'iigi worraa gubbuma worraati.

12 Hojja nami niiti ilma isaatini rafe isaafi niiti sunile ha ijeesani, worri ya waan male tahe, d'iigi worraa gubbuma worraati.

13 Hojja nami d'iira akuma nama uwatiin rafu woliini rafe worri ya waan hamtu tolche, worra lachu ha ijeesani. D'iigi worraa gubbuna worrati.

14 Hojja nami haad'afi ilme wolti fuud'e, nami sunini ya waan daba tahe. Worra sadeenu ha gubanu ijeesani, aka dabi akasi sunini deebie isani keesa inteenne.

15 Hojja nami horiti jallate, nama sunifi hori sunite ha ijeesana.

16 Hojja nad'eenileeni horini wolti jallatani isiifi hori sule ha ijeesani. D'iigi worraa gubbuma worrati.

17 Hojja nami oboleeti isaa ta woliini d'alate taanaani, yokhaani ta haati d'ibiini d'alte taanaani fuud'e, isaafi isiile ha gumi durati ch'eersani gumi keesaa baasani waan inni ch'eera d'abe oboleeti isaatini rafefi inni gaargala suni argachu male.

18 Hojja nami nad'eeni aada uwa qabdu bira rafe, worra lachu gumi keesaa baasu malani, wonti akanatiifi worri yayu aada qulqulluma ch'abse.

19 Hojja nami adada yokhaani arera ufi bira rafe, worra lachu wollaali gubba worraati, waan worri waan ch'eera woltolcheefi.

20 Hojja nami niiti abbuya isaa yokhaani nad'eeni oboleyaani abbaa isaatini rafe inni ya nama suni ch'eerse, isaafi niitiini sunileeni gati ufi argatani, deebiani ijoolle ind'alani.

21 Yo nami niiti oboleesa isaa fuud'e, worri ijoolle ind'alu. Inni yayu waan qulqullo intahini tolche oboleesa isaa ch'eerse.

22 Seera kiyyafi aada tiyya ch'ufa jabeesa guuta, aka lafti Kanaani ta anini iti isani geesu, isani diddeufira isani ingussine.

23 Aada gosa anini lafa suni keesa isani duraa gussu gula yaatani keesati infidamina. Waan worri waan hamtu akana kana ch'ufa taheefi anini worra jibbe.

24 Ammo anini, lafa aananifi dammi aka lolaa yau tana fud'ad'a, d'aala isaniini jed'e. Anini AABBO Waaqa keesani, ka gosa ch'ufa keesaa koba isani baase.

25 Tanaafi isani bineensafi simpirre qulqulloofi ta qulqullo intahini, aka dansa gargari baasu maltani. Bineensafi simpirre qulqullo intahini inyaatina. Anini, wonti sunini qulqullooniti ya jed'e, tanaafi yo nyaattani qulqullooma d'abdani.

26 Isani qulqullooftani nama kiyya tahu maltani, wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa qulqullo. Ammalle anini gosa d'ibi keesaa koba isani baase, aka isani nama kiyya taatani.

27 Nama ekhera wogaafatu, d'iira taanaani yokhaani uwa taanaan, ha d'akhaani ijeesani. D'iigi nama waan akana kana tolehu ch'ufti gubbuma isaati.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan