Lawi 17 - KITAABA WAAQAQulqullooma d'iiga 1 AABBO Waaqi waan Musafi jed'e, 2 Waan atini Harunifi ilmaani isaatiifi gumi Isreal ch'ufaani jettu: Wonti AABBO Waaqi jed'u tana. 3-4 Nami Israeli ka fulla balbala Waaro Woyyuma male looni yokhaani ree qale AABBO Waaqatini d'ufu, ya Seera ch'abse. Inni ya d'iiga buuse, tanaafi deebiani gumi Waaqati inheregani. 5 Wonti akasi jed'anifi, aka worri Israeli hori duri ballinati qalani AABBO Waaqatini d'ufu, worri amma tana qaallichatini d'ufe, fulla balbala Waaro Woyyumati qalu, aka akasiini isiini sorio wold'ageeti taatu. 6 Qaallichi duuba ha d'iiga suni d'aatu waan mesa fakaata suniti, fulla balbala Waaro Woyyumati jisse gabbinna gubuti, aka ch'inch'aani isaa AABBO Waaqa gammachiiftu. 7 Worri Israeli armaa achi deebie, AABBO Waaqa lakise hori ufi ballinna keesati qale laleesa jinni kad'achu himmalle. Worri Israeli haguma jiru jireenna aada tana ha jabeesu. 8 Nami Israeli yokhaani nami gosa d'ibi ka worra keesa godaanu, ka sorio gubanifu yokhaani sorio d'ibile 9 fulla balbala Waaro Woyyuma male fulla d'ibiti AABBO Waaqaa baasu, deebiani gumi Waaqati inheregani. 10 Hojja nami Israeli yokhaani nami gosa d'ibi, ka worra keesa godaanu, fooni d'iiga qaba nyaate, AABBO Waaqi nama suniti qaragale deebie nama suni gumi isaati inheregu. 11 Jireenni waan lubbu qaba ch'fti, d'iiga keesa jira, tanaafi AABBO Waaqi d'iiga ch'ufa d'aatu waan mesa fakaatati jissa, akasiini daba gumi iraa fuud'a jed'e. D'iigati, ka isa male nami dandae injiranne, daba nama iraa fuud'a. 12 Waan kanafi AABBO Waaqi waan worra Israelitini jed'e, Isanifi yokhaani nami gosa d'ibi, ka isani keesa godaanu, fooni d'iiga qaba inyaatina. 13 Hojja nama Israelitiifi yokhaani nami gosa d'ibi ka worra keesa godaanu, bineensa yokhaani simpirre qulqullo intahini adamse ijeese, inni ha d'iiga bineensafi simpirre suni lafati jisse biyye ira deebisu. 14 Jireenni waan lubbu qaba ch'ufti d'iiga keesa jira, tanaafi AABBO Waaqi waan worra Israelitini jed'e, fooni d'iiga qaba inyaatina, nama nyaatule deebiani gumi tiyyati inheregani. 15 Nami tokoleeni ka fooni bineensa ufiini duefi yokhaani ka bineensi d'ibiini ijeese nyaatu, Israeli taanaani, yokhaani nama gosa d'ibile taanaani ha woya miich'ate, nafa d'iqate, haga aduuni d'iituti tauti, duuba eege inqulqullaa. 16 Yo akaso tolchu baate wollaali kauma isaati. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya