Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Lawi 14 - KITAABA WAAQA


Aka eegi d'ukuba goga fayyani ufi qulqulleesani

1 AABBO Waaqi waan Musani jed'e

2 Aadaani nama d'ukuba goga fuud'e fayyeeni qulqulleesani tana. Guyya inni ya qulqullae jed'ani biyya beesisani, ha qaallichatini d'ufaniti;

3 duuba qaallichi ha gumi keesaa koba baase isa ilaaluti. Hojja inni ka fanye taate,

4 qaallichi ha simpirre qulqullo lamafi dame mukha hind'eesatifi museensa diima tokofi dame urgotiini kooti jed'uuni.

5 Jennaani qaallichi ha, simpirre toko okote faara ta bisaani madda qabdu gubati qala biyyaani jed'u.

6 Duuba inni ha simpirre taani fuud'e, dame hind'eesatifi museensa diimafi dame urgo taani fuud'e, d'iiga simpirre qalani taani keesa buusu.

7 Inni d'iiga ha maro torba namicha d'ukuba goga ira qulqulleesaniti fifit'e ya qulqullae jed'e simpirre jirtu taani diidati gad'iisu.

8 Duuba namichi sunileeni ha woya miich'ate, mata haadate, nafa d'iqate akasiini qulqullauti. Inni dandae olla seene keesa deema, ammo waaro isaa haga bulti torba inseeniini.

9 Guyya torbeeso inni ha matafi areedafi rifeensa gaara ilaatifi rifeensa nafa isaa ch'ufa haadate, woya miich'ate, nafa d'iqate akanaani qulqullau.

10 Guyya saddeeteeso inni ha elemiye lamafi hoola d'ala ganna toko, ka kamu aabo inqamneefi mid'aani daakhani ka kilo sadii, ka d'ad'ani wolti makhanifi d'ad'a dulo toko qaallichatini d'ufuti.

11 Qaallichi ha namichafi waan inni baasu kana ch'ufa fulla Waaro Woyyumatiini d'ufuti.

12 Jennaani qaallichi elemo tokofi d'ad'a dulo kaani fuud'e, waan gati sorio baasani baase, olqabe, aka AABBO Waaqa baasani garsiisuti.

13 Inni elemo suni ha fulla qulqullo, ta hori dabaani ufi iraa baasani yokhaani sorio gubani baasani iti qalaniti, qaluti. Wonti inni waan kana tolchufi wonti gati sorio baasani, akuma sorio dabaani ufi iraa baasani taani ta qaalluti, ammalle guddo qulqullo.

14 Qaallichi ha d'iiga elemo suni fuud'e, nyaaba gurra mirgichatifi quba agicho ka harka mirgatifi quba agicho ka miila mirga ka nama qulqulleesani sunitini qabu.

15 Qaallichi ha ammalle d'ad'a diqa toko fuud'e, harka isaa bitaachati naqe,

16 quba isaa toko ka harka mirga d'ad'a suni keesa kaye, maro torba d'ad'a suni AABBO Waaqa durati fift'u.

17 Duuba d'ad'a harka isaa keesa jiru kaani haga tokofi d'iiga elemole fuud'e nyaaba gurra mirgatifi quba agicho ka miila mirga ka namicha qulqulleesani kaani ha ibsu.

18 Ammalle d'ad'a harka isaa keesati hafe kaani ha mata namicha suni ibsu, akanaani inni aada namaani qulqulleesani guuta.

19 Jennaani qaallichi sorio dabaani ufi iraa baasani baase, aada namaani qulqulleesani guuta. Eegi suni inni hori sorio gubani kaani qale,

20 sorio sunifi mid'aani Waaqaa baasani waan mesa fakaata irati Waaqaa baasa. Akanaani qaallichi aada namaani qulqulleesani guute, namichi kaanileeni qulqullaa.

21 Yo namichi suni hiyyeesa taate waan baasu d'abe inni ha elemo toko ch'alla aka isa qulqulleesani gati sorio baasu, aka sorio suni olqabani, aka Waaqaa baasani garsiisani. Ammalle inni mid'aani daakhani d'ad'ani makhani ka kilo tokotifi d'ad'a dulo toko ha Waaqaa baasu.

22 Ammalle inni ha sabaliisa gugurda lamafi yokhaani didiqa lama, toko ka sorio dabaani ufi iraa baasani, kaani ka sorio gubani baasani, d'ufuuni.

23 Guyya saddeeteeso ka isa qulqulleesani, inni ha waan suni ch'ufa qaallichatini d'ufu, fulla balbala Waaro Woyyumati.

24 Duuba qaallichi ha elemofi d'ad'ale fuud'e, olqabe, aka AABBO Waaqaa baasani garsiisu.

25 Jennaani inni elemo suni qale, d'iiga isa haga toko fuud'e, nyaaba gurra mirgichatifi quba agicho ka harka mirgatifi quba agicho ka miila mirga ka namicha sunitini qabu.

26 Duuba qaallichi d'ad'a suni ka gari gana harka isaa bitaachati naqe;

27 quba isa toko ka harka mirgichatini maro torba AABBO Waaqa durati fifit'a.

28 D'ad'a garile ha fulla qara inni d'iiga ibse taani ibsuuti; nyaaba gurra mirgichatifi quba agicho ka harka mirgatifi quba agicho ka miila mirga ka nama sunile.

29 D'ad'a harka isaa keesati hafe kaani inni ha mata namicha suni ibsuuti, aka akanaani aada qulqulleesa guutu.

30 Jennani inni ha sabaliisa gudda yokhaani diqa toko

31 fuud'e, sorio dabaani ufi iraa baasani baasu, ammalle sabaliisa kaani ha sorio gubanifi mid'aani Waaqaa baasani woliini baasu. Akanaani qaallichi aada qulqulleesa guuta.

32 Tunini aada nama d'ukuba hama goga qabuuni, ka dandae waan baasu malai inqamneeni qulqulleesani.


Damansa mana keesa

33 AABBO Waaqi waan Musafi Harunini jed'e,

34 Hojja lafa kanaani ta anini isani kennuni baatani, anini mana lafa suni keesa jiru damansa iti buusa,

35 abbaani mana suni ha d'ufe, qaallichani mani kiyya ya damansae jed'uuti.

36 Duuba qaallichi ha namaani, waan mana suni keesa jira ch'ufa keesaa baasa jed'u, ato inni ufi qara ilaalu ind'anne; yo akasi intochini, waan mana suni keesa jira ch'ufa dandaani waan qulqullo intahiniti heregani. Eegi suni qaallichi ha mana d'aqe,

37 damansa suni ilaalu. Hojja damansi suni dottaate yokhaani diimate aka hama mana suni qabate

38 inni ha mana suni qulfe keesaa bahe haga bulti torba iraa tauti.

39 Guyya torbeeso ha deebie ilaaluti. Hojja damansi sunini haga qara kaani dabre fulla d'ibi qabate,

40 inni ha, d'akha damansai suni qabate keesaa baasa, dira alati fulla qulqullo intahiniti gata jed'u.

41 Eegi suni mana suni ch'ufa ha hooqani, waan iraa hooqani suni ch'ufa dira alati fulla qulqullo intahiniti jissani.

42 Duuba d'akha d'ibi ha fuud'ani fulla d'akha gatani kaani kayani, aka dansa d'oobaniti.

43 Hojja damansi mana d'akhaa keesaa fuud'ani hooqani d'oobani suniti deebie,

44 qaallichi ha deeme ilaaluti. Hojja damansi sunini guddate, mani sunini qulqullooniti,

45 ha ch'absani, d'akhaafi mukhaafi waan isani d'oobani ch'ufa ha dira keesaa baasani, fulla qulqullo intahiniti geesaniti.

46 Nami mana suni, ka qulfi qabu, seene ch'ufti, haga aduuni d'iituti, qulqullooniti.

47 Nami mana suni keesa ch'iise yokhaani ka sagate keesati nyaatuleeni ha woya miich'atuti.

48 Ammalle hojja eegi qaallichi d'ufe ilaale damansi imulatini eegi mana maro lameeso d'oobani, inni ha, Mani sunini qulqullo jed'e biyya beesisu, wonti akanatiifi damansa suni yayu balleesani.

49 Duuba inni ha simpirre lamafi dame hind'eesatifi museensa diimafi dame urgoo d'ufuuni, aka mana suni qululleesani.

50 Ammalle ha simpirre toko okote faara ta bisaani madda qabdu irati qale,

51 dame hind'eesatifi museensa diimafi urgoofi simpirre jirtu fuud'e, d'iiga simpirre qalani taanifi bisaani okote keesa jira kaani keesa buusu. Duuba eege keesaa fuud'e, mana suniti maro torba fifit'uti.

52 Kara kanaani inni mana suni d'iiga simpirreetifi bisaani maddootifi simpirre jirtuufi dame hind'eesatifi urgoofi museensa diimani qulqulleesu.

53 Duunia eege simpirre jirtu taani ha gadi d'iisu, aka isiini dira suni keesaa baate alati iti d'aabatu. Akanaani inni mana suni aada suni gula qulqulleese, mani qulqullo taha!

54 Aadaani d'ukuba hama gogaani nama bahuni qulqulleesani tana;

55-56 mada d'ulla, iita, ammalle damansa gaad'afi manaleeni bahu.

57 Aadaani tunini waan qulqulloofi waan qulqullo intahini gargari baafti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan