Kolosai 4 - KITAABA WAAQA1 Abbooti, tissele teesani waan dansa tolcha. Aka isanileeni Abba gubba qabdani qaabad'a. Waan kad'achaafi hasaa 2 Hojja ch'ufa kad'ad'a, indad'abiina, ilaafiina, Waaqaa galata deebisa. 3 Nule Waaqa kad'ad'a, aka inni balbala nu bane nu dubbi isaa odeesine waan d'ossa Kristo himnu. Maro waan sunitiifi anini hid'aansa keesa jira. 4 Waaqa kad'ad'a, aka anini kara qajeelaani odeese nami hubatu. 5 Qalbefad'a, worra d'ugefacha inqamne dura adabaani yaa, qoomni argattani ch'ufa imballeesina, woiini tolcha. 6 Yo hasooftani dubbi dansa miooftu hasaa. Ammalle nama woi isani gaafate qajeelcha deebisaafi. D'aamsa nagaya 7 Oboleesi keenna Tikikoni, ka aka dansa ufi baase huji Aabbo na woliini hojate odu tiyya ch'ufa isaniti odeesa. 8 Maro waan kanatifi anini isa gara keesani erga, aka inni waan nu keesa jirru isaniti hime isani gammachiisu. 9 Onesimoni, oboleesa keenna ka d'uga ka gumi teesani keesa jiru, wahela isaati. Waan nu keesa jirru ch'ufa worrati isaniti odeesa. 10 Aristarkoni, ka hid'aansa keesa na woliini jiruufi Marikoni, dubriini Barnaba, nagaya isanii d'aamani. Isani ya qara d'aamsa waan isaa d'ageetani, aka yo inni d'ufu isa bulchitani. 11 Yesoni ka Yusto jed'anileeni nagaya d'aama. Worri Yahudi ka d'ugefate, ka Finna Waaqati jed'e nu woliini hojatu jara kana ch'alla; worri guddo na qarqaare. 12 Epafraleeni ka gumi teesani, ka hojattu Kristo Yeso, nagaya d'aama. Inni hojja ch'ufa guddo Waaqa isanii kad'ata, aka isani jabaattani guddattani aka dansa d'ugefattani fed'i Waaqa ch'aqaftani. 13 Anini waan huji inni isanii hojate isaniti himu indandaa, ta gumi Laodikiafi Hierapolile. 14 Luka ch'ireesa keennatiifi Demani nagaya isani d'aamani. 15 Oboleyaani Laodikia keesa jirtu nagaya nu fuud'a, ammalle Nimfafi gumi mana isii keesati wolwoldeetule. 16 Eegi tatabe tana soomtani, qorqorad'a aka gumi Laodikialeti soomani. Tatabe gumiini Laodikia isanii t'aaftule sooma. 17 Arkiponi, Huji Aabbo ta harka keetiti kennani hojad'u guuti jed'iini. 18 Anini waan kana harka kiyyaani t'aafa: Pauloni nagaya isani fuud'a. Haada naani hid'ani inded'ina. Eebiti Waaqa isani woliini jiraatiinna. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya