Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Kolosai 3 - KITAABA WAAQA

1 Kristo woliini ya duisa keesaa isani kaasani. Tanaafi waan gubba jira barbaada, fulla Kristoni barch'uma ufi gubba tau, harka Waaqa ka mirga.

2 Qalbi teesani waan lafa ira inkeyatiina, ammo waan gubba ira keyad'a.

3 Wonti akanatiifi isani qara ya dootani, jireenna keesani Kristo woliini ya Waaqa keesati d'ossani.

4 Jireenni keesani ka d'ugaa Kristo, gaafa inni mullatu, isanileeni isa woliini mullattani guddinna isaa qoodattani!


Jireenna duritiifi jireenna haraa

5 Yaada lafa, ka isani keesa jiru ka aka sharmut'oma fa t'urifa, d'araafa, fed'i hamtufi sabdooma, awaalu maltani. (Sabdoomi aka waan harkaani boch'ani kad'atani jira.)

6 Maro waan kanatifi dalansuuni Waaqa worra isa inch'aqamneti d'ufti.

7 Isani duri waan akana kana keesa teetani, gaafa d'araa tana gula deemtani.

8 Ammo amma waan kana ch'ufa lakisu maltani: dalansufi d'araafi woljibiti. Arabaafi murach'aani tokoleeni afaani keesani keesaa imbahiini.

9 Wolinsobiina, waan isani finna dullachafi adaba isaa ka duri lakiftani

10 hareesa fud'attaniifi. Finni hareesi kunini waan Waaqi, aka isa uume fakeenna ufi gula haraa tolchu aka akasiini ufi isani beesisu.

11 Maro waan kanatifi Yahudiini yokhaani gochiti d'ibiini injirtu, nama qabanqaba qabatefi ka inqabatini injiru, nyaapafi nami aada imbeenneleeni injiru, tisseefi balchaani injiru, ammo Kristo ch'allati jira, ammalle waan ch'ufa isumati keesa jira!

12 Isani gumi Waaqaati; inni isani jaalate, isani fohate. Tanaafi naasufi arjoomafi ufi diqeesitifi laana deemtifi obsa qabaachu maltani.

13 Woli qarqaara, wolii araarama, yo nami wold'abe ch'ufa. Akuma Aabbooni isani araarame, isanileeni wolii araarama.

14 Waan kana ch'ufa jaalalati darad'a, ta wold'aqisaani isanii d'uftu.

15 Nagayi Kristoni namaa kennu ha garaa keesani qoruti; wonti akanatiifi Waaqi garaa tokooni nagaya kanati isani ch'ufa yaame. Ammalle galata isa deebisa.

16 Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.

17 Waan isani jettaniifi waan tolchitani ch'ufa keesa maqa Aabbo Yesotiini tolcha, ammalle maqa isaatiini Waaqa Abba galata deebisa.


Jireenna worra keesa

18 Nad'eeni ha d'iirsole ufiti ch'eertu, wonti suni waan aada Kristiana keesa tolchu malani.

19 D'iirsole, nad'eeni teesani jaalad'a, gaargalchitani imitisiina.

20 Ijoolle, waan ch'ufa keesa worra keesani saalfad'a; wonti akanatiifi Aabbooni akana fed'a.

21 Abbooti, ijoolle teesani imufachisiina, hegeri garaa hamaatti.

22 Tissele, aka abbooti teesani gammachiiftani, hojja worri isani ilaalu ch'alla inch'aqasiina, ammo hojja ch'ufa ga ga garaa dansa ka Waaqa sodaatuni ch'aqasa.

23 Waan tolchitani ch'ufa keesa garaa tokooni tolcha, aka waan nama inhojanne ammo Aabbo hojattani.

24 Qaabad'a, Aabbooni galata isanii deebisa; waan inni gumi ufiti olkaye inargattani. Wonti akanatiifi Abbaani isani hojattaniifi Kristo.

25 Nama waan hamtu tolchu, abba ufi taanaanile waan hamtu isa tolchani, Waaqi nama ch'ufa aka tokotu herega.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan