Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Kolosai 2 - KITAABA WAAQA

1 Eega me, aka anini isanifi worra Laodikia keesa jiru ch'ufaafi worra na imbeennele hojad'e isaniti hima.

2 Wonti anini waan kana tolchuufi aka garaani worraa jabaate, worri ch'ufti jaalalaani wolti mataqe, dubbi d'uga ta hubachaani d'uga d'uftuuni argatu. Kara kanaani waan Waaqi duri d'osse argatani, wonti sunileeni Kristo.

3 Isati qalibifi herega Waaqa ka d'ossani, namaa mullisa.

4 Tanaafi anini amma isaniti hima: nami tokoleeni hasaa d'aratiini isani insobini, ato akuma fed'u dansa fakaatele.

5 Wonti akanatiifi ato nafaani isani woliini injirrele lubbuuni woliini jirra; aka isani d'ugefachaani jabaattani Kristo keesa ejattani arginaani anini guddo gammada.


Jireenna qit'e Kristo keesa

6 Waan isani Kristo Yeso Aabbo keesani tolfattaniifi, isa keesa taa.

7 Hidda keesani isa keesati baasa, jireenna keesani isa gubbati jaarad'a, d'ugefacha teesani keesati jabaad'a, akuma duri isani barsiisani. Hojja ch'ufa galata deebisa.

8 Eegad'a, aka nami tokoleeni qalbi nama ta woma imbaaneeni isani insomne. Qalbiini suni waan nami wolbarsiisufi waan herega lafaa iraa d'ufti, Kristo ira ind'uftu.

9 Wonti akanatiifi qit'oomi Waaqa ch'ufti nafuma Kristo keesa jira,

10 isanileeni ya jireenna mijuu isa keesa argattani. Inni mohachafi jabeenna ch'ufa ira jira.

11 Isa keesa qabanqaba isani qabani, qabanqaba nami tolchuuniti ammo qabanqaba Kristoti, ta jabeenna nafa dabdicha kana jala nama baasu.

12 Wonti akanatiifi gaafa isani batisani, Kristo woliini isani awaalani, ammalle batiso teesani keesa Kristo woliini duisa keesaa isani kaasani, waan isani jabeenna Waaqaa, ka duisa keesaa isa kaase, d'ugefattaniifi.

13 Duri isani maro daba keesanitiifi, ammalle waan gosa d'ibi ta Seera qabanqaba jala injirre taataniifi dootani. Ammo amma Waaqi ya kristo woliini isani ijeese! Waaqi ya daba keenna ch'ufa nu araarame.

14 Inni ya gati hamtu nu qamnu balleese, seera isii ch'ufale balleese, mukha maskali gubbati fannise.

15 Maskali gubbati Kristoni jabeenna mohachafi irre gubba balleese, waan suni ch'ufa aka waan duuli boojie galche diidati nama agarsiise.

16 Tanaafi nami tokoleeni d'ufe waan nyaattani d'uddanifi, jila teesaniifi, yokhaani jila teesani ta baatitifi ta Sabatole, keesa seera isaniti intolchiini.

17 Wonti suni ch'ufti gandidu waan hegeriiti; wonti d'uga Kristo.

18 Nami tokoleeni waan daayya arguufi waan isani ira jiru ufi sehe waan keesani isani inhanqisiini, yokhaani kara d'aratiini, Ufi diqeesa, malaika kad'ad'a isaniini injed'iini. Nami akana kunini kiyyiba, waan qalbi qabu ufi sehe ammo waan ufi saaduufi inqabu;

19 ammalle Kristo, ka mataa isaatu ya jabeesu lakise. Qorqorti Kristo jalati nafi ch'ufti inquufa, mitafi maach'eerati wolti qaba, akuma Waaqi fed'u guddata.


Duisafi jireenna Kristo woliini

20 Isani ya Kristo woliini dootani, herega lafa la jalaa baatani. Eesaa aka nama lafa jirtani re? Isani maafi seera,

21 Waan kana intuqiina, yokhaani Waan suni inuuniina, yokhaani Waan kaani inqabatina jed'u gula yaatani?

22 Wonti kunini ch'ufti barsiisafi seera nami tolche; yo gula deemanile ufuma baddi.

23 Seeri kunini d'uguma waan qalbi qabu fakaata, yoyu irreeni malaika kad'ad'a, ufi diqeesa, nafa keesani garagalcha jed'u, Ammo dandae d'araa nafa nama ind'owu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan