Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 8 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi waan naani jed'e, Waan woi irati t'aaftu guddo fud'ad'i, dubbi tana aka nami ch'ufti aka dansaa argu irati t'aafi: Waan hurrisani saamani boojiani.

2 Nama d'ugaa qajeela lama naa barbaadi, qaallicha Uriafi Zekaria ilma Yeberekia, aka worri d'uga naa tahu.

3 Duuba eege niitiini tiyya garaachoofte ilma deete. Jennaani AABBO Waaqi waan naani jed'e, Maqa isaa waan hurrisani saamani boojiani baasiifi.

4 Ato gurbaani guddate aabboofi aayyo jechu imbaratini, waan worri Damaski horateefi waan Samaria keesa boojiani ch'ufa hayyichi Ashuru d'ufe fud'ata.


Hayyuuni Ashuru d'ufuu jira

5 AABBO Waaqi ammalle nani dubbate waan jed'e,

6 Waan worri kunini bisaani maddo Shiloa ka laana yaa dide, Resiniifi hayyu Peka durati holateefi,

7 anini, Aabbooni hayyu Ashurutifi duula isaa ch'ufa d'ufeeni, lafa Yuda haasisa. Worri aka bisaani galaana Efrati fach'ae, lafa ch'ufa qabate d'ufe,

8 lafa Yuda ch'ufa keesa yae waan ch'ufa hare, haga gurmu namaa olbahe waan ch'ufa d'ossa. Waaqi nu woliini jira! Inni koola ufii ballise akasiini lafa qorqorata.

9 Ee gosa ch'ufa, sodaa wolti baha! Ee lafa fago jirtu, ch'aqasa. Kurfaa had'a, ammo ufi eegad'a! Ee, kurfaa had'a ammo ufi eegad'a!

10 Mala d'aad'a! Ammo mali sunileeni woma imbahu, haga feetani dubbad'a, ammo dubbini sunini woma keesa injirtu, wonti akanatiifi Waaqi nu woliini jira.


Aka AABBO Waaqi raaga gorsa

11 AABBO Waaqi jabeenna isaatini na gorse waan jed'e, kara worri kunini gula yau gula indeemini.

12 Mala worraa keesa inseeniini, waan worri sodaatu insodaatini.

13 Qaabad'a, AABBO Waaqi guddaani anuma, anumati qulqullo, ka isani sodaachu maltani.

14 Waan qulqulluma tiyyafi na sodaatanifi anini d'akha nama gufachiisu fakaad'a; anini worra Yudatifi ka Israelitiifi ka Yerusalemule t'urura iti fakaad'e qaba.

15 Nami hedduuni gufate, jige ch'ach'abe t'ururaani qaqaba.


Aka worra ekhera yaamatu gorsani

16 Isani jari kiyya seera Waaqi nati kenne jabeesa qorqorad'a,

17 AABBO Waaqi yayu gumi ufii duraa d'okhate, ammo anini isa d'ugeefad'e isa abdad'a.

18 Anaafi ilmaani AABBO Waaqi naa kenne kunooti. AABBO Waaqi guddaani, ka gaara Sioni gubba tau, yayu nu erge, aka nu akheekhafi beesisa worra Israeliti taanu.

19 Ammo biyyiti waan isaniini jettu, Nama wo himu falfaltu, worra ekhera yaamatu, ka woch'e haasaani wo dubbatu, gaafad'a. Worri waan jed'u, silaaftu nami ergattu gara ekheraati d'ufte maro nama jiruti jed'e wo gaafata.

20 Waan isani jettaniini, waan AABBO Waaqi isaniini jed'u ch'aqasa, Worra ekhera yaamatu inch'aqasina — wonti worri isaniini jed'u woma isaani imbaatu.


Guyya gaargala

21 Biyyiti beelofte ufi jibbaate lafa marti. Beelafi dallansu keesa Waaqafi hayyu worraa abaarani. Worri gubba laale,

22 lafale millate, ammo gaargalaafi dukana nama mudamsiiftu, ta worra iti gussani male, woma inargu. Karaani worri gaargala kana dura baqate bahuuni injiru.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan