Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 59 - KITAABA WAAQA

1 Waan harki AABBO Waaqa laafe nama baasu indandeenne insehina, yokhaani waan inni gurra d'abe kad'acha teesani ind'ageenne insehina!

2 Inni maro ch'ubbu teesanitifi isani d'agayu dida. Ch'ubbu teesaniti Waaqaani gargari isani baasa, hojja isani kad'attani.

3 Isani worra harka d'iigaati, ka afaani isaani d'ara dubbatani, ka harki isaani woma inhanqanne.

4 Isani gaadisa koraa d'at'ani, dubbi d'araatiini nama himatani. Isani d'ara gula yaatani kara sunini d'uga barbaadani. Hameenna hereddani waan hamtu nama tolchitani.

5-6 Mali isani d'aatani, aka okhokaani bofa had'aa qabu, nama ijeesa. Yo okhokaani suni ch'absani bofati gabaha! Ammo mali keesani woma isani imbahu, akuma woya sapupaani mid'aasani jira, ta woma keesaa injirre.

7 Isani hojja ch'ufa hameenna malattani waan suni harifatani tolchu feetani. Isani nama woma iyyakini d'iiga jissitani, fulla yaatani ch'ufati nama gaargalchitani balleesitani.

8 Fulla isani baatani tokole lafti nagaya inqabdu. Wonti isani tolchitani tokoleeni d'uga inqabdu. Kara qajeela intahini gula yaatani, nami kara suni gula yau tokoleeni nagaya inqabu.


Aka gumiini ch'ubbu ufi himatu

9 Gumiini waan jettu, d'ugaani nuti ind'iaatu, nuraa fago jirti; nu ifsa barbaanna ammo dukana ch'alla argina.

10 Aka balla jinjimanne guyya guddaani aka waan lafti halkani gugufanne, aka waan fulla Ekhera ta dukana jirru taana.

11 Nuni ch'ufti aka goorjama d'anga d'oomne aka sabalisa boonna. Nu d'uga barbaanne d'amne, nami nu baasu nura fago jira.

12 AABBO Waaqa, wollaali nu siti wollaale gudda; ch'ubbuuni teennaleeni nu himatti. Dabaafi ch'ubbuuni teenna guyya ch'ufa nu woliini jirti, dandeenne imormanu.

13 Nu siini morkine si dinne, dudda siti gale. Nu nama dabsine, sile iraa gorre. Heregi keenna d'articha, dubbini teenna d'uga inqabdu.

14 Akanaani qajeelumti badde d'ugaani fagaatte. D'ugaani gugufatte balchoomi fulla seenu d'abe.

15 D'ugaani lafa keesa injirtu, tanaafi nama ch'ubbu lagatu gaargalchani balleesani. AABBO Waaqi waan kana arginaani, aka d'ugaani injirre hubate iraa laalefate.


Aka AABBO Waaqi gumi ufi baasiti kurfefate

16 Inni aka nami nama dabsani qarqaaru injirre arge mame laalefate. Tanaafi inni harka ufitini worra suni baase dabsachiisa.

17 Inni d'uga aka ubaara qomati keeyatte, baafama aka kofia sibiila matati keeyata. Inni herega waan hamtuuni balleesani aka woya uyifate. Nama nami dabse gaargalchale haalo baasa.

18 Inni nyaapa isaatiifi worra lafa fago taule waan worri tolche gula gaargalcha.

19 Ila borutiifi ila adule ch'ufa nami isa sodaate, nami ch'ufti maqa isaatiifi jabeenna isaale d'eeta. Inni akuma laga yau, ka qilleensi AABBO Waaqa yaasu, d'ufa.

20 AABBO Waaqi waan gumi isatini jed'u, Anini Yerusalemu d'ufe, isanii kalche, nama keesani ka daba ira deebie ch'ufa baasa.

21 Anini wold'aqisa isani woliini tolfad'a; anini yayu irre tiyya isanii kenne, dubbi tiyya isani barsiise; armaa achi isani naa saalfatani, ijoolle teesaniifi d'aloota worrale barsiiftani aka haga jiru jireenna worri naa saalfatu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan