Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 42 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi waan jed'u, Hojattuuni kiyya ka anini jabeesu kuno kana, inni nama ani fohad'e, isumati na gammachiisa. Anini ya lubbu tiyyaani isa guute tanaafi gochiti ch'ufti maqa isaatini d'uga argatti.

2 Inni iyye lalabe kara keesati namati ingohu.

3 Inni ilaadu meelatu inch'absu, yokhaani ifse lipiftu ind'aamsu. Nami ch'ufti kara isaatini d'uga haguma jiru jireenna jirtu argata.

4 Inni ufi jibbaate garaa ilaafu haga lafa ch'ufa keesati d'uga jabeese guututi. Lafti fagoleeni seera isaa guddo teete eegatti.

5 Waaqi gubba uume ballise, lafafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, hafuura jireenna nama keesa tau ch'ufaa kenne, Duuba ammatana AABBO Waaqi waan hojatu isaatini jed'u,

6 Anini, AABBO Waaqi, si yaame irre sii kenne, aka akasiini lafti ch'ufti d'uga argattu. Maro tanteetifi anini gosa ch'ufa wold'aqisa woliini tolfad'e, ifsa gosa d'ibi ch'ufatini d'ufa.

7 Atini balla ila bante, nama hid'aansa dukanaa keesa tau keesaa baafta.

8 Anini AABBO, maqaani kiyya sunuma! Anini guddinna kiyya waaqa d'ibii inkennu. Faaru nani faarsani waaqoota d'araatiini infaarsani.

9 Wonti anini fage yayu guutamte. Ammatana waan haraa, ato isiini intaane, isaniti hima.


Faaru Waaqaani faarsani

10 Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!

11 Lafti gamoojitifi diri isiileeni ha Waaqa faarsani! Worri Kedarileeni ha isa faarsu! Worri dira Sela keesa tauleeni ha fiit'e gaara irati gammade sirbuti!

12 Worri lafa fago keesa tauleeni ha AABBO Waaqa faarse guddisu!

13 AABBO Waaqi aka janna had'iisa d'aqa; inni had'iisaa kurfefate guddo eegachuu jira. Inni lalabe iyye nyaapa isale dabsata.


Aka Waaqi gumi isaa qarqaaru

14 Waaqi waan jed'u, Anini ganna heddu ch'allise, gumi tiyya dubbi jalaa qabu dide. Ammo amma tana akuma niiti d'alaa ch'ininfattu waad'a.

15 Anini kubileefi gaareeni ch'ufa balleese, buuyofi mukha ch'ufa gogosa. Anini galaana lafa gamooji tolche, haro bisaani gogosa.

16 Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.

17 Nama waaqoota d'ara d'ugeefate, waan harkaani boch'aniini waaqa keenna jed'u ch'ufa, aka hama ch'eersani balleesani.


Aka worri Israeli wo barachu dide

18 AABBO Waaqi waan jed'u, worra gurra inqamne ch'aqasa! Worra ila inqamne, aka dansaa ilaala!

19 Nami aka ergattu tiyya balla injira? Nami aka ergattu tiyya duuda injira?

20 Ee worra Israeli, isani waan heddu agartani, ammo gula iyaane, isani gurra inqabdani ammo womaanu ind'ageetani.

21 AABBOONI Waaqa guddo nama baasu fed'u, tanaafi inni seerafi barsiisa isaa guddise, aka gumiini isaa beetu fed'e.

22 Ammo ammatana gumi isaa yayu saamani, boolafi mana hid'aansa keesati naqani iti ch'ufaani. Worra saamani boojiani, nama worra baasule d'abani.

23 Isani nami tokoleeni, ka waan kana ch'aqasu, jira? Armaa achi aka dansaa ch'aqaftu?

24 Eenuti worra Israeli harka nama wosaamuti keenne? Nami nu iti ch'ubbamne AABBO Waaqaniti? Nu kara isaa gula yau dinne, seera isale ch'absine.

25 Tanaafi inni gugubate nuti dallane gaargala woraana keesa nu buuse. Akuma ibida dallansuuni isaa Israeli keesati wo gubde, ammo nu waan suni inhubanne, womale iraa imbaranne.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan