Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 35 - KITAABA WAAQA

1 Lafti gamooji gammade, lafti aloo daraarti;

2 lafti gamooji gammade iyyite sirbiti; isiini aka gaareeni Lebanoni mid'aade, aka oobru lafa karmelitifi Sharoni sagale baafti. Nami ch'ufti mid'aagumafi guddinnaafi jabeenna AABBO Waaqa arga.

3 Harka dad'abbi qabuufi miila lalaafe hollatu jabeesa, nama garaa lafeeni waan jettani, garaa jabaad'a, insodaatina,

4 Waaqi ya isani baasu d'ufe, aka nyaapa keesani balleesu.

5 Gaafasi ballaani lafa arge, duudani wo d'agaye.

6 Naafi aka hiddii buraaqe, dudaani woma indubbanneleeni gammadaani sirba. Bisaani madda lafa gamooji keesaa yaani,

7 maansi aka ibida bobau kaani haro bisaani tahe, lafti godduleeni madditi. Fulla duri sareeni diida iti galtu buuyofi ilaadufi meelati baha.

8 Kara gudda tokoti achi jira, ka kara Qulqullooma jed'aniini. Nami ch'ubbu qabu, ka kara suni suni gula deemu injiru, daalleleeni nama kara suni gula deemu iraa ingorsitu.

9 Nyeench'i tokoleeni achi injiru, bineensi hamaleeni kara suni gula indeemu, nama AABBO Waaqi baase ch'allati kara suni gula yaa.

10 Worri Waaqi baase sunini sirbe gammade Yerusalemuti gala. Worri haga jiru jireenna gammada, laalefachaafi booti worra biraa baqatti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan