Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 34 - KITAABA WAAQA

1 Gosa ch'ufa koota, asi wolti baha, ch'aqasa. Lafa ch'ufafi nami keesa jiru ch'ufti ha arma d'ufe wo d'agayu.

2 AABBO Waaqi yayu gosa ch'ufafi duula worraleeti dallane baddi iti mure.

3 Reefa worraa inawaalani akanumati lakisani artumati ajae shame bada; gaareeni ira d'iigi worraa aka laga yaa.

4 Aduufi jiaafi urjileeni bulloofte awaara taati. Gubbaani aka woraqata wolti dachaasani wolti deebite baddi. Urjileeni akuma obeensa zabibutifi yokhaani ka oda jidde baddi.

5 AABBO Waaqi yayu goraade ufi gubbati kurfeese, isiini d'ufte Edomu woraanti, worra inni baddi iti mure kaani.

6 Goraadeeni isaa d'iigaafi gabbinnaani ka d'iigaafi gabbinna ilmoole hoolaatifi elemiyeefi korbeeyyi ta sorio qalani fakaatuni ch'uubamti. AABBO Waaqi sorio tana dira Bosra keesati qale lafa Edomu keesaleti waan guddo qala.

7 Biyyiti akuma gafarsaatifi jiboota lafa dod'oofte laftileeni d'iigaani badde, biyyeleeni d'ad'ani fiilti.

8 Tunini hojja AABBO Waaqi worra Sioni baase nyaapa isaani balleese akasiini haalo baasufi.

9 Bisaani galaana Edomu garagalani gogogani, biyyeeni isiileeni garagalte dillo taate, lafti ch'ufti aka kosi gubani gubati.

10 Isiini halkani guyya ind'aamtu, aarileeni haga jiru jireenna keesaa yaa, bara ch'ufa lafti badde akanumati ona taate, deebie miili namaa keesa inejatu.

11 Urungufi haranqeesa male waan d'ibi keesati inargani. AABBO Waaqi lafa balleese duwa tolche akanumati lakisa.

12 Lafa keesa hayyu d'abani, jari gugurdaani isa jala hojatuleeni ch'ufti bada.

13 Qoraatifi goraani maneeni hayyuutifi dira gugurda jabeesani jaarani keesati bahe sare diidatifi urunguni iti galti.

14 Bineensa alaatifi worabeesi wolti bahe, jinnileeni woli yaamte goorjami halkani achi d'ufe fulla tau barbaada.

15 Urunguni achiti mana jaarate okhokaani d'alte, baqasite ilmaani isii guddifti. Allaatileeni achiti d'altufi kormani, wolti baati.

16 Kitaaba AABBO Waaqa ka waan bineensa keesati t'aafani barbaada sooma. Bineensa kana tokole keesa ind'abdani, inni ch'ufti d'alaafi korma qaba. Nami bineensa kana wolti baase AABBO Waaqa, isumati wolti yaame.

17 Nami lafa suni bineensa ch'ufaa gargari qoode kennuufi AABBO Waaqa. Bineensi sunini bara ch'ufa achiti gala lafti sunini haga jiru jireenna ta worraa taati.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan