Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 33 - KITAABA WAAQA

1 Nyaapa keenna ya badiini qabate! Worri yayu wo saame nama balleese, ka nami tokoleeni worra saame imballeesini. Ammo hojaani worri wo saame nama balleesu indabarti, namileeni waan worraa saame worra balleesa.

2 Ee AABBO Waaqa, nuu nahi, abdiini teenna siuma. Harka keetiini guyya ch'ufa nu qorqorad'i hojja gaargali nuti d'ufu nu baasi.

3 Yo atini dubbatte nuu kalchite, gochiti iyyana woraanaa d'ageennaani duraa baqatti.

4 Akuma awaanisi wo nyaatu, waan worraa ch'ufa saamani boojiani.

5 Guddinni Waaqaa hagami gaa! Inni waan ch'ufa imohata. Inni d'ugaafi qajeelumaani Yerusalemu guute, nama

6 isii jabeese qorqorata. Inni guyya ch'ufa gumi ufi baase, beekhumafi qarooma kennaafi. Wonti guddo worraa wo baha soda worri AABBO Waaqa sodaatu.

7 Worri nami jajanni qarqaarsa kad'ate, nami worri erge ka nagaya barbaadda yauleeni guddo bouti jira.

8 Karaani guddaani ya bade, nami imaltu gula deemuleeni injiru. Kakhu ch'absani wold'ageeti balleesani, nama tokole deebiani insaalfatani.

9 Lafti badde duwa taate, baddaani Lebanoni qanch'oorate gogodde, baleeni Sharonileeni lafa gamooji taate, Bashanifi gaara Karmeli ira mukhi baala buufata.


Aka AABBO Waaqi nyaapa ufi gorsu

10 AABBO Waaqi waan gosa ch'ufaani jed'u, Anini amma kae wo hojad'e irre tiyya garsiisa.

11 Isani mala woma keesa injirre d'aatani, wonti isani tolchitani tokoleeni woma imbaatu. Lubbuuni tiyya ibida isani balleesu fakaati.

12 Isani aka haama gubani taatani, qoraati gubate daara taate fakaatani.

13 Nami d'iofi fago jiruleeni ha irre ani woini tolche d'agaye humna tiyya hubatu.

14 Worri ch'ubbichi Sioni sodaate aka hama mudame, waan jed'u, Eenuti dandae ibida wo balleesuni wolti gala? Nu nami dandae ibida suni ira hafu injira?

15 Nama d'uga tolche qajeela dubbatu, ka hiyyeesa indabsine, ka harka isaatini gumbo imfud'anne, ka gurra isaatini waan ijeecha d'agayu, didu, ka ila isaatini waan hamtu ilaalu didu,

16 ch'allati bahe, fulla jajabdu iti d'okhatani gaara gubbati tolfate nagayaani taa. Inni sagaleefi bisaanile argata.


Waan dansa takaa tana d'ufa

17 Isani takaa hayyu miha isaa ka hayyuma dadansa naqate lafa ballo muumme inqamne fidu agartani.

18 Wonti isani duri sodaatani, nami damoosa nuraa guuru me? Nami doofi gubba eje nama eegu me? Jettani imbaddi.

19 Isani iti deebitani worra gosa d'ibi kiyyiba ka afaani isaani ind'ageenne dubbatu inagartani.

20 Sioni, dira nu keesati aada tolfannu, ilaala. Me d'iiro, Yerusalemu d'awad'a! Isiini lafa nagaya qabdu ta nami keesa qubachu male, isiini waaro haga jirtu arti inchochone ta d'isa isii imbuqimne ta yokhaani haada isiile inkunne fakaati.

21 AABBO Waaqi guddinna ufi nu garsiisa, nu galaanafi laga balla d'aatu qubanne, ammo hobolooni nyaapaa bisaani suni ira indeemtu.

22-23 Haadi hobolo suni woma keesa injiru, woya isiini deemsisani dandaani imbalisani! Nu hori nyaapa keenna boojine, horiini sunini lafa ira dabre qoodi isaa naafale ch'ufa gaha. AABBO Waaqati hayyu keenna tahe nu fide nu qorqorata.

24 Ammalle nami lafa teenna keesa tau deebie fayya d'aba inhimatu, ch'ubbu worrale ch'ufa inaraaramanifi.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan