Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 26 - KITAABA WAAQA

1 Guyya suni sirba kana lafa Yuda keesati sirbani: Diri keenna jaba! Waaqumati naabo isaa qorqorata!

2 Balbala isaa bana, ha gochiti Waaqa saalfate d'uga gula yaatu oliini duudu.

3 Ee AABBO Waaqa, siumati nama si d'aabate, ka heregi isaa gara ingalle, nagaya ind'umanne, kennaafi.

4 Guyya ch'ufa AABBO Waaqa d'aabad'a, isati hojja ch'ufa nu qorqorata.

5 Inni nama ufi saadu yarse, dira jajaba worri iti galu balleese, naabo isaa ch'ach'abse bulleesa.

6 Nami duri dabsani ammatana dira suni ira ejaanjate lafati d'id'iita.

7 Ee AABBO Waaqa, atini nama dansaa kara harte daandi worri gula yau qajeelchita.

8 Nu fed'i tante guunne, si d'aabanne, si male waan d'ibi infeenu,

9 Halkani anini herega kiyya ch'ufaani si yaada; gaafa atini lafafi nama keesa taule qoru d'uftu, worri gaafasi waan d'uga barata.

10 Ato atini worra ch'ubbicha naatele, worri kara d'uga imbaratu. Lafa nama d'uga keesaleti worri ch'ubbu lakisu dide guddinna kankele inargu.

11 Nyaapi, kanke aka atini worra gaargalchu feetu imbeekhu. Ee AABBO Waaqa, worra ch'eersi gaargalchi. Ha gaargala atini worraa kurfeesite argatuti. Aka atini worra kanke jaalatu worra agarsiisi.

12 Ee AABBO Waaqa, nami nagaya namaa kennu sii, wonti nu tolchinu ch'ufti, waan atini tolchite iraa baati.

13 Ee AABBO Waaqa keenna, si male nami d'ibiini ya nu mohate, ammo maqa kanke male maqa d'ibi imbeennu.

14 Amma worri sunini ya due deebie injiratu; ekheraani worraa deebite inkaatu, wonti akanatiifi atini worra gaargalchite balleesite. Nami deebie worra inqaabatu.

15 Ee AABBO Waaqa, atini ya gosa teenna daraarsite, lafa isaanile ballifte, akanaani gurra argatte.

16 Ee AABBO Waaqa, atini gumi tante gaargalchite, worri aka male laalefate siti bohe.

17 Akuma nad'eeni d'altu ch'ininfatte iyyitu, AABBO Waaqa atini akasuma nu iyyisifta.

18 Nu d'alaafi ch'ininfanna, ammo woma ind'allu. Nu lafa teennaa woma imbaane womale intolchineefi.

19 Worri keenna ka duri due injiraata, reefi worraa inkaa. Nami due awaala ufi keesa jiru ch'ufti kae gammadaani sirba. Akuma fit'eesi lafa godde jiisu, akasuma AABBO Waaqi nama duri due kaasa.


Aka Waaqi lafa qore worra boojiani galchu

20 Gumi tiyya, kaa manati gala, balbala ch'ufad'a, haga dallansuuni Waaqa iraa galtuti d'okhad'a.

21 AABBO Waaqi mana isaa ka gubbati d'ufuu jira, aka nama lafa ch'ufa maro ch'ubbu isaanitifi gaargalchu. Lafti d'iiga d'ossaani gubbati jissani imulifti, nama isi irati ijeesanile deebite ind'ossitu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan