Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 25 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, atini Waaqa kiyya; anini si guddise maqa kanke faarsa. Atini yayu waan mama tolchite, waan duri malatte ch'ufa aka dansaa guute.

2 Atini dira balleesite ona tolchite, maneeni isaa jajabdule ch'ach'absite. Maneeni dadansaani nyaapi keenna jaarate yayu haga jiru jireenna badde.

3 Gochiti jabduuni si faarsite, dira gosa hamtu keesaleti si sodaatani.

4 Hiyyeesafi nami qarqaarsa inqamne guyya gaargala siti baqate, qarqaarsa siraa argata. Atini dao taateefi bubbe iraa d'owarte, gaadisa taateefi adu ira d'owarte. Nami hamani aka bubbe adolesa nama d'ae, akuma oola lafa gamooji nama qabata.

5 Ammo atini nyaapa keenna ya ch'allisiifte; akuma dumansi guyya owa lafa qabaneesu, akasuma atini iyyana nama hamaa qabaneesita.


Aka Waaqi jila kurfeese

6 Gaara Sioni kana irati AABBO Waaqi guddaani gosa lafa ch'ufati jila tolcha; jila sagale dadansaafi daad'i dansa.

7 Gaara kana irati inni golla dumansa, ka gosa ch'ufa gubba tau, iraa fuud'e balleesa.

8 AABBO Waaqi dua haga jiru jireenna balleese, nama ch'ufa imimaani ira haaqe, ch'eera lafa ch'ufa keesati gumi isaa qabate iraa fuud'a. Dubbi tana AABBO Waaqati jed'e!

9 Guyya suni nami ch'ufti waan jed'u, Inni Waaqa keenna! Nu isa abdanne, innileeni ya nu baase. Inni AABBO Waaqa! Nu yayu isa abdanne, amma waan inni nu baaseefi gammada qamna.


Aka Waaqi worra Moabu gaargalchu

10 AABBO Waaqi gaara Sioni qorqorata, ammo worra Moabu, akuma ch'idi d'oqe looni keesati d'id'itani, d'id'itani.

11 Worri harka ufi dirirfate aka nama bisaani daakhatu taha. Ammo Waaqi worra ch'eerse, harki worraleeni akanumati bisaani keesa lit'a.

12 Inni maneeni Moabu jajabdu girgida d'ed'eera qabdu ch'ach'abse balleese lafati jisse bulleese d'uke tolcha.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan