Isaya 21 - KITAABA WAAQA1 Kunini d'aamsa waan Babiloni d'aamani. Akuma bubbeeni lafa gamooji bubbifte waan ch'ufa hartu, badiini lafa soda qabdu iraa d'ufte wo balleesiti. 2 Anini daayya keesa waan hamtu arge, wonti hamtuuni sunini, saamachafi woballeesiti. Duula Elamu kaa wo had'a! Duula Media, dira marsa, had'a! Waaqi gaargala worri Babiloni d'ufeeni inhobaasa. 3 Wonti anini daayya suni keesa arge d'agaye yayu na mudamsiifte na d'ukubsite, akuma nad'eeni d'ala ch'ininfattu. 4 Mataani lafa na mare, anini akanumati mudame holad'e. Anini qara d'ia aduu eege, ammo isiini d'umnaani mudamsu ch'alla argad'e. 5 Daayya suni keesa sagale baasani, waan mimid'aadu nami ira tau lafa afaani, nami ira tatae nyaate wo d'uga. Hojuma suni qonqooni d'ufte waan jette, Abbooti duula, wonte teesani kurfefad'a! 6 Jennaani Aabbo Waaqi waan nani jed'e, Nama wo eegu tolchi, inni ha waan arge nuti himuti. 7 Hojja inni nama farda yaabatu ka lama lamaani d'ufufi nama harreefi gaala yaabatu argu, inni ha aka dansaa ilaale mid'aafatuti. 8 Jennaani namichi lafa eegu kaani waan jed'u, Aabbo, anini halkani guyya doofi tiyya gubba eje wo laale. 9 Jennaani hojuma suni nami fardo yaabatu lama lamaani gad'ufe. Nami lafa eeguleeni iyye waan jed'u, Babiloni ya badde! Yaabadde! Wonti harkaani boch'ani ka worri kad'ate kaani ya lafa jidde ch'ach'abde. 10 Worra kiyya ka Israeli, qara akuma dargaye isani d'aanani, ammo ammatana anini odu dansa, ta anini AABBO Waaqa gudda, Waaqa Israeli ira d'agaye, isaniti hima. Waan lafa Edomu ka d'aamani 11 Kunini d'aamsa waan Edomu ka d'aamani. Nami Edomu toko na yaame waan nani jed'u, Nama lafa eegu, lafti yoomi bariiti? Halkani yoomi alaa hobaani? 12 Anini waan jed'uuni, lafti ya bariu geete, ammo aduuni inuma d'iiti, yo ammalle gaafachu feete deebii gaafad'i. Waan lafa Arafti ka d'aamani 13 Kunini d'aamsa waan lafa Arafti ka d'aamani. Isani worri Dedani, ka lafa gamooji ta Arafti qubatu, 14 nama d'eebu qabu ka isaniini bahu ch'ufa bisaani obaasa. Isani worri lafa Temaleni, nama baqate isaniini bahe sagale kennaafi. 15 Nami goraade nama ijeeftuufi, t'iya nama woraantufi, gaargala woraanaa baqachu jira. 16 Jennaani AABBO Waaqi waan naani jed'e, gannuma toko keesati jabeenni gosa Kedari inhobaa. 17 Nami janni worra Kedari nama t'iyaati, ammo worrale namuma diqaati hafa. Dubbi tana, ana, AABBO Waaqa Israeliiti jed'e. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya