Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 2 - KITAABA WAAQA

1 Wonti Isayaani, ilmi Amozii waan Yudaafi Yerusalemu arge tana:

2 Takaa tana gaari Mana Waaqaa irati jaarani gaara ch'ufa ira d'eerate kubile ch'ufa bira dabra. Gochiti hedduuni aka biyye tana iti yaate,

3 waan jettu, koota, gaara AABBO Waaqaa olkorre, Mana Waaqaa Yakoboo d'anna, aka inni kara ufii nu barsiise, nu daandi isaani gula yaanu. Wonti akanatiifi dubbini AABBO Waaqaa Yerusalemu keesaa baati, Seeri isaaleeni Sioni iraa d'ufa.

4 Inni gosa woldidu wolti araarsa. Worri goraade maarasha tumate, woraana haamtu tolfata. Gochiti deebite woraanani wolinhaatu, deebiani waan lola barattani woli inhad'ani.

5 Ilmaani Yakoboo amma koota, ifsa AABBO Waaqi nuu kenne keesa yaana!


Aka kiyyiba balleesani

6 Ee Waaqa, atini gumi tante ilmaani Yakobo ya lakifte! Lafti yayu falfala ilaborutiifi ka worra Filistitiini guutamte. Biyyitileeni aada gosa d'ibii gula yaati.

7 Lafti worraa qarsifi worqiini guutamte, wonti worri olikeyate muumme inqabdu. Lafa worraa fardooleeni guute gaarini fardi hirkisu lafa ira dabra.

8 Lafti worraa worra waan harkaani boch'ani kad'atanini guutamte, worri waan harka ufiitini mid'aase yaamata.

9 Akanaani nama ch'ufa qanch'arsani ch'eersani. Ammo Waaqa atini worraa inaraaramiini!

10 Biyyiti goda d'akha keesati d'okhate, yokhaani lafa keesati boola qotani aka dallansu AABBO Waaqa dura baqatani, jabeennaafi guddinna isaa duraa bahani.

11 Guyyaani ind'ufa, ka nama kiyyibu hobaasani nama ufi saadule balleesani. Gaafasi AABBO Waaqa ch'alla guddisani.

12 Guyya suni AABBO Waaqi guddaani nama irre qabu ch'ufa diqeese, nama kiyyibe ufi saadule ch'ufa akasuma tolcha.

13 Inni hind'eesa d'ed'eera Lebanonitifi dambi lafa Bashanile balleesa.

14 Inni gaareeni d'ed'eertuufi kubileefi

15 doofi d'ed'eertuufi, girgida mana jajaba ch'ufa ch'ach'absa.

16 Inni hobolo hobolo ch'ufa ira guddotifi ta iraa mid'aadule ch'ufa bisaani keesa lit'isisa.

17-18 Kiyyiba nama ira kutani saadu nami ufi saadule iraa balleesani. Waan harkaani boch'ani kad'atani qulqullumaa lafaa d'abani, guyya suni AABBO Waaqa ch'alla guddisani.

19 Biyyiti goda d'akha keesati d'okhati yokhaani lafa keesati boola qotatti, aka dallansu AABBO Waaqaa duraa baqatani, jabeennaafi guddinna AABBO Waaqa duraa bahani, gaafa inni lafa chochoosu d'ufu.

20 Hojja guyyaani sunini d'ufu worri waan worqifi qarsi ka harkaani boch'ani kad'atani gate, tuqaafi raaree lakisani.

21 Hojja AABBO Waaqi lafa chochoosuu d'ufu, biyyiti boolafi goda d'akhaati d'okhati, aka dallansu isaa duraa baqate, jabeennaafi guddinna isaa duraa baatu.

22 Nami hafuuruma, maani keesa jira? Tanaafi maani ira gula yaatani isa d'ugeefatani?

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan