Isaya 16 - KITAABA WAAQA1 Dira seela ka lafa gamooji keesaa, worri Moabu ilmaani hoola toko nama Yerusalemu mohatu gibiraa erga. 2 Worri afaani galaana Arnoniti eege, aka simpirre mana ufi keesaa gussani lafa mara. 3 Worri waan worri worra Yudatini jed'u, Waan nu taanu nuti hima akuma mukha guyya gudda gaadisa dansaa qabu nu qorqorad'a, nu gaadisa keesani jala boqonna. Nu worra baqa yau; fulla nami tokoleeni nu ingareeti nu d'ossa. 4 Lafa teesani keesa nu teesisa, nama nu balleesu fed'u duraa nu baasa. Nami nama dabsufi ka woballeesu hobae, nami lafa yakuleeni ch'ufti imbada. 5 Duuba nami d'aloota Daudi toko hayyu tahe, d'ugaafi jaalalani biyya fida. Inni waan d'uga hurrise tolche, ammalle aka nami nama indabsine qorqorata. 6 Worri Yuda waan jed'u, Nu ya d'ageenne, aka worri Moabu kiyyibu nu imbeenna, aka worri ufi olfuud'e ufi saadu, ammo wonti worri ufi saadufi injirtu. 7 Worri Moabu maro gaargala ufitifi boha. Worri ch'ufti hojja sagale dansa dira Kir-Haresethi ta duri keesati nyaate qaabatu bohe ufi jibbaata. 8 Oobru Heshbonitiifi, zabibu Sibmale imballeesani — zabibu daad'iini isii duri nama lafa mohate ch'ufa macheesite. Duri zabibuni sunini haga dira Yaseritifi haga lafa gamooji gara ilaborutifi haga galaana sooda gama suniti ejiti. 9 Ammatana anini akuma Yazeri bohu zabibu Sibmatile boha. Imimaani kiyya dira Heshbonitiifi Elealeti maro mid'aani galchani ka nama gammachiisani injirreefi jigani. 10 Nami tokoleeni ka oobru keesati gammadu injiru; nami oobru zabibu keesati iyye yokhaani sirbu injiru. Nami tokoleeni zabibu ch'ach'arase, daad'i imid'aafatu; deebiani gammadaani ilalabani. 11 Anini laalefad'e Moabu iraa bohe Kiaheresi iraa golgolaa. 12 Worri Moabu fulla woyyuma ta gaara gubbatiifi, fulla Waaqa isaani iti kad'atani d'aqe, akasiini ufi dad'absiisa, ammo qarqaarsa womatu iraa inargatani. 13 Dubbini AABBO Waaqi waan Moabu dubbate tana. 14 Amma tana AABBO Waaqi waan jed'e, ganna saditi, duroomi Moabu kunini inhobaa. Ammalle nama isii heddu kana keesa nama diqaati hafa, sunileeni nama lalaafa taha. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya