Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 13 - KITAABA WAAQA

1 Kunini d'aamsa lafa Babiloni ka AABBO Waaqi Isaya ilma Amoziti d'aame.

2 Kubi qulqulliti ira baandera d'aaba! Askartiti lalaba, harka keesani oliqaba, akheekha garsiisa, aka worri balbala dira worra gugurdaa had'u.

3 AABBO Waaqi yayu askarti jajanna filatani ga yaame, aka worri d'ufe, worra inni iti dallane had'e balleesu.

4 Iyyaana gaara iraa d'uftu ch'aqasa — qonqo gumi guddo, gosa heddu wolti baate. Waaqi abba duulaa duula ufii had'iisaa kurfeesu jira.

5 Worri lafa fago ta muumme lafati d'ufuu jira. AABBO Waaqi dallansu ufitini lafa ch'ufa balleesu d'ufa.

6 Laalefad'a, boha! Guyyaani AABBO Waaqaa yayu d'iaate, guyyaani Waaqi guddaani lafa balleesu.

7 Nama ch'ufa harki iraa bue, garaalleeni aka male laafa.

8 Nami ch'ufa mudame, aka hama laalefate d'ukubsate, akuma nad'eeni d'alaa ch'ininfattu taha. Worri ch'ufti ila sodaatiini woli ilaale, aka male woli mudamsiisa.

9 Guyyaani AABBO Waaqa d'ufuu jira — guyyaani hamani inni aka male dallanu. Lafti ch'ufti aloo taate, nama ch'ubbu ch'ufa balleesani.

10 Urjini ch'ufti ifsu lakifte, aduuleeni hojja gabaatu dukanoofte, jiileeni ifsu dida.

11 AABBO Waaqi waan jed'u, Anini baddi lafatini d'ufe, nama ch'ubbu qabu ch'ufa maro ch'ubbu isaanitifi gaargalcha. Anini kiyyiba ch'ufa d'owe, nama hamama ufi olifuud'ule gaargalcha.

12 Anini nama lafa irati diqeese, diqeenna worqi ka lafa iraatini woli fakeesa.

13 Anini gubba hargufe, laftileeni chochoote, fulla ufiti deemti, guyya anini, AABBO Waaqi guddaani, gugubad'e dallanu.

14 Keessumaani lafa Babiloni keesa jirtu lafa ufiti baqatti akuma hiddini nama had'u duraa baqattu, yokhaani aka hooliye tissitu inqamne.

15 Nama qabani ch'ufa goraadeeni ijeesani, sheeftiini hobaasani.

16 Ila worraa durati, ilmaani worraa ch'ach'arasani hobaasani, maneeni worraa saamani, nad'eeni worrale buufatani.

17 AABBO Waaqi waan jed'u, Anini gosa Medi kaase, worra Babiloni haasisa. Worri sunini qarsi iyyaalu yokhaani worqile imfed'u.

18 Worri t'iyaani kaima fit'e, ijoollele ch'ufaa nahu dida.

19 Lafti Babiloni lafa ch'ufa ira mid'aadu, mid'aaguma isii suni nami isii ch'ufti mataani d'aaba. Ammo anini, AABBO Waaqi, akuma Sodomafi Gomora balleese Babilonile balleesa!

20 Nami tokoleeni deebie lafa suni keesa intahu; Araftini tokoleeni waaro ufii achiti ind'aabatu. Tissituuni tokoleeni hori achiti intissitu.

21 Lafti sunini fulla bineensi alaa iti gale, urunguni mana iti jaaratu taati. Guchini achiti galte, reeni abba inqamne ona suni keesa buraat'i.

22 Worabeesi doofi isii jajabdu keesaa yuuse, sareeni diida maneeni isi, guuti. Guyyaani Babiloni ya gahe! Guyyaani isii ya ala hobae.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan