Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 12 - KITAABA WAAQA

1 Guyyaani ind'ufa, ka nami sirbe akana jed'u: Ee AABBO Waaqa, anini si faarsa! Atini qara ya nati dallante, ammo amma dallansuuni tante ya siraa galte, atini garaa na jabeesita.

2 AABBO Waaqi ya na baase, anini isa d'ugeefad'e woma insodaad'u inni irree jabeenna naa kenne, naa baase.

3 Akuma bisaani eela qullooni nama d'eebuu qabu gammachiisani, akasuma gumiini Waaqaa hojja inni worra baasu gammaddi.

4 Guyyaani ind'ufa, ka biyyiti sirbite akana jettu: AABBO Waaqaa galata deebisa! Qarqaarsa isaa kad'ad'a! Waan inni tolche gosa ch'ufati odeesa! Aka maqaani isaa jaba biyyati hima!

5 AABBO Waaqa faarsa, inni yayu waan jabdu tolche. Waan kana lafa ch'ufati odeesa.

6 Nami Sioni keesa tahu ch'ufti ha lalabe, gammadaani isa faarsu! Waaqi, qulqullooni Israeli, gudda, inni gumi isaa keesa taha.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan