Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Isaya 11 - KITAABA WAAQA

1 D'alooti Yese hunda mukha murani fakaata; ammo akuma dameeni latte hunda suni iraa baatu, akasuma hayyuuni d'aloota isa keesa d'alata.

2 Lubbuuni AABBO Waaqa isa gubba teete, qaroomafi beekhaafi qalbi namaani fidani isaa kenniti. Inni fed'i AABBO Waaqa beekhe isa guddise, isa sodaate,

3 iraa gammada. Inni waan ilaani argeefi ka gurraani d'agayeeni nama inqoru.

4 Inni hiyyeesa d'ugaani qore, nama qarqaarsa inqamne kalcha. Jecha isaa gula wollaala namati murani, dubbi isaatini nama ch'ubbu fit'ani.

5 Inni gumi isaa d'ugaafi qajeelani fida.

6 Yayiifi hooliyeeni wolti galte, qeeramsaafi ilmooleeni ree woliini ch'iifti. Yabbiyeefi kubleeni nyench'aa woliini marra d'eedde, ijoolleeni didiqooni tissiti.

7 Loonifi goorjami woliini marra d'eeddani, ilmaani worraleeni nagayaani woliini ch'ich'ifti. Nyeench'ileeni akuma looni buuyo nyaata.

8 Daimi boola jawe bira tabate, ijoolleeni didiqooni harka ufii fulla bofi iti galu keesa nat'i.

9 Gaara Waaqaa qulqullo Sioni gubbati nami waan hamtu woli intolchu. Akuma baariini bisaani guutani. Akasuma laftileeni beekha AABBO Waaqatini guutamti.


Aka worri boojiani galu

10 Guyyaani ind'ufa, ka nami d'aloota Daudi hayyu tahe, akheekha gosa ch'ufaa tahu. Worri dira isaa keesati wolti bahe isa guddisa.

11 Gaafasi Aabbooni ammalle harka ufii d'eerefate, nama isaa ka lafa Ashurutifi Misiritiifi, Pathrositifi Kushitifi Elamutifi Babilonitifi Hamathitifi lafa d'aatu baariinitifi lafa bisaani baariini jiddu jirtu keesati hafe, galcha.

12 AABBO Waaqi baandera oliqabe gosa ch'ufa garsiisa, aka inni worra Israelitiifi ka Yuda ka gargari firfirsani boojiani, wolti guure, gama lafa ch'ufaa woltiini d'ufa.

13 Qot'eeni Efraimu badde, worri Yudaleeni deebie worri Efraimu qot'ise worra Israeliti nyaapa intahu.

14 Worri wold'aqe, worra Filisti, ka ila aduu jiru, had'e, worra ilaboru tau saame, worra Edomutifi ka Moabu dabsate, worri Amoni harka worra jalati bula.

15 AABBO Waaqi galaana Misiri gosse, galaana Frati bubbe owituuni gosse laga didiqa torba tolcha, aka nami miilaani taaku.

16 Ammalle worra isaa, ka worra Ashuru jalaa bahe, achiti hafe, kara balla tolchaafi, akuma duri ababoota worraa, ta lafa Misiri keesaa baate, tolche.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan