Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Huji Ergattu 7 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani Qaallichi Guddaani, Dubbini tunini d'uga? jed'e gaafate.

2 Stefanoni waan worraani jed'e, Oboleyaanifi abbooti tiyya, me ch'aqasa! Waaqi Guddaani abba keenna Abrahamuti mullate, gaafa inni Mesopotamia keesa tau, ato inni lafa Haraniti ingodaaniini.

3 Inni waan jed'eeni, Lafa tantetiifi worra kankele keesaa godaani, lafa anini sii agarsiisuti qubad'i.

4 Jennaani inni lafa Kaldayo keesaa bahe lafa Harani qubate. Eegi abbaani isaa due, inni lafa tana ta isani amma keesa tetaniti qubate.

5 Waaqi lafa suni gaafasi ejata tokole isaa inkennine, ammo Anini siifi d'aloota kanke ka hegeri d'ufuu kenna jed'e iti kakhate ato inni ijoolle ind'alfatini.

6 Waaqi waan jed'eeni, D'alooti kanke lafa nyaapaa keesa taa, achiti worra boojiani haga ganna d'ibba afuri worra gaargalchani.

7 Ammo, anini gosa suni ta worra gaargalchitu wollaala iti mure balleesa jed'e, duuba eegi suni lafa suni keesaa bahani lafa tana keesati na guddisani jed'e.

8 Duuba Waaqi aada wold'aqisa ta qabanqaba Abrahamuti kenne. Tanaafi eegi torbaani toko Abrahamuuni Isaaqo qabanqaba qabe; Isaaqoni Yakobo qabanqaba qabe, Yakoboleeni ilmaani isaa kud'ani lamaani qabanqaba qabe, ta gochiti teenna iraa horte.

9 Ilmaani suni Yusufu d'iibifate, aka inni tisse tahu lafa Misiriti gurgurte. Ammo Waaqi isa woliini tae,

10 gaargala isaa ch'ufa nagayaani keesaa baase. Yusufuni Farao hayyu Misiri dura d'umnaani, Waaqi adaba dansaafi qalbi kenneefi. Faraoni Yusufu lafa Misiritiifi worra isaaleti jaallaba tolche.

11 Eegi suni beelafi gaargali guddaani lafa Misiritiifi ta Kanaani d'ufe ababooti teennaleeni sagale d'abde.

12 Ammo Yakoboni aka mid'aani lafa Misiri keesa jirani d'ageennaani ijoolle isa, ababoota teenna, lafa suniti erge, tuni imaltu worraa ta qarati.

13 Imaltu lameeso keesa, Yusufuni oboleyaani ufii ufi beesise, Faraoleeni worra Yusufu fuula barate.

14 Jennaani Yusufuni nama erge, abba ufi Yakobofi fiit'a ufii ch'ufa, nama haga torbaatami shani yaame.

15 Jennaani Yakobofi ilmaani isaa lafa Misiri d'at'e achiti raawate.

16 Haga lafa Shekemu worra baatani achiti worra awaalani, awaala Abrahamuuni jaarole Hamori ta Shekemu ira bitate keesa.

17 Ammo guyyaani Waaqi Abrahamuti kakhate d'iaannaani, nami keenna lafa Misiri keesati heddate.

18 Eegi suni hayyuuni d'ibiini ka Yusufu imbeenne lafa Misiri fide.

19 Inni gosa teenna sobe, ababoota teenna gaargalche, ijoolle didiqo alati gata ha hobaatu jed'e.

20 Bara suni Musani d'alate, inni guddo mid'aaga, haga jia sadi mana abba ufi keesati d'ossaani guddate.

21 Alati isa gannaani, intalti Farao fud'atte aka ilme ufii isa guddifte.

22 Musani barsiisa gosa Misiri ch'ufa barate, dubbifi huji keesa nama gudda tahe.

23 Ganni isaa afurtama geennaani, inni oboleyaani ufii, ta gosa Israeli, guddo argu fed'e.

24 Oboleesa gosa isaa toko ka d'aanani arginaani inni isa qarqaare, haalo baaseefi, nama Misiri kaani d'ae ijeese.

25 Wonti akanatiifi inni waan gochiti isaa aka Waaqi harka isatiini nyaapa worraa duraa baasu beetu sehe; ammo worri imbeenne.

26 Boriyya ato worri woldidu, inni ufi agarsiise, wolti araarsu fed'e waan jed'eeni, D'iiro, isani oboleyaani, maafi woldiddani?

27 Ammo namichi fulla injirre kaani waan isaani jed'e, Eenuti hayyufi jaallaba keenna si tolche?

28 Aka nama Misiri kaani ijeefte nale ijeesu feeta?

29 Dubbi tana d'ageennaani Musani baqate, lafa Midiani jed'ani keesa tae, achiti ilmaani lama d'ale.

30 Eegi ganna afurtama, diida gaara Sinai keesati, malaikaani Aabbo Musati mullatte, gurbi bobeetu toko keesa.

31 Musani arginaani guddo mame. Inni iti d'iaate aka ilaalu, ammo qonqooni Aabbo isati d'ufte waan isaani jette.

32 Anini Waaqa ababoota teetiti, Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqoti ka Yakoboti. Jennaani Musani ilaalu sodaate holate.

33 Aabbooni waan isaani jed'e, Kopele yaafad'u, fullaani atini ejitu tunini fulla qulqullo.

34 Anini gaargala jara kiyya, ka lafa Misiri keesa jiru, yayu arge, aka worri nati waakhu d'agaye baasu d'ufe. Amma kooti, anini lafa Misiriti sii erga.

35 Namichi gumiini Israeli didde Musa. Worri waan jed'eeni, Eenuti gudda keennafi jaallaba si tolche? Nami Waaqi aka inni gudda gumi suni tahe, qarqaarsa malaika gurbi bobeetu keesa isati mullateni worraa baase isuma;

36 inni waan mamatiifi akheekha lafa Misiri keesati fulla galaana Shamutiifi ammalle ganna afurtama lafa gamooji keesaleti tolche, akasiini worra baase.

37 Namichi gumi Israelitiini, Waaqi isanuma keesa raaga aka kiyya isanii erga jed'e Musa.

38 Inni sunuma ka gaafa gumiini Israeli lafa alo keesa jiruti malaika woliini gumi suni keesa jiru. Inni ababoota teennale woliini jira gaafa malaikaani gaara Sinai gubbati isani dubbate, ammalle isumati dubbi Waaqa ta jireenna nu barsiise.

39 Ammo ababooti teenna dubbi isa ch'aqasu didde isa lakifte lafa Misiriti d'araate iti dachau feete.

40 Tanaafi worri waan Haruniini jed'e, Waaqoota nu dura yaatu nuu mid'aasi namichi Musa jed'ani ka lafa Misiri keesa nuuni d'ufe kaani gara inni jiru imbeennu.

41 Duuba artuma worri korma worqi mid'aase, sorio baaseefi waan harki worraa mid'aase suni jila tolche.

42 Duuba akasiini Waaqi worra yaala bahe, aka worri urji gubbaa kad'atu iti lakise, akuma kitaaba raagoota keesati t'aafani, Gosa Israeli, isani ganna afurtama lafa aloo keesati sorio naa inqalle.

43 Waaro waaqa Moloki jed'ani baatani, ammalle fakeenna urji waaqa keesani ka Refani jed'ani; wonti isani kad'attani suni waan harkaani boch'ani. Tanaafi anini lafa Babiloni mogaani isani baasa.

44 Ababooti teenna gaafa lafa aloo keesa jirtu, Waaro Woyyuma qabdi, ta aka Waaqi Musati hime gula mid'aasani.

45 Ababooti teenna ta eegi suni d'alate gaafa Yoshua woliini yaate lafa gosa Waaqi fulla ababoota teenna duraa gusse fud'ate, Waaro sunini d'ufte. Waarooni suni haga bara Daudi achi teete.

46 Inni Waaqa durati eeba argate, ammalle Waaqa kad'ate waan jed'eeni, Aka anini Mana Waaqa Yakoboti ijaaru na tolchi jed'e.

47 Ammo nami mana isaa ijaare Solomoni.

48 Tatule Waaqi guddaani mana harkaani mid'aasani keesa intau; aka raagi toko jed'u,

49 Aabbooni waan jed'u, Gubbaani barch'uma kiyya, laftileeni fulla anini miila kiyya d'aabad'u. Isani mana akami na ijaartani? Yokhaani fulla tami ta anini boqad'u?

50 Harka kiyyati waan kana ch'ufa mid'aaseeniti?

51 Isani guddo mata jabaattani, garaani keesani ind'ugefatu! Gurri keesani dubbi Waaqa ind'agayu! Guyya ch'ufa Lubbu Qulqullo diddani; aka ababooti teesani tolchite, isanileeni akasuma tolchitani.

52 Raaga kami ka ababooti teesani ingaargalchiini? Ammalle worri ergattu Waaqa, ta d'ufiisa Nama d'uga himu d'ufte, ijeese. Isanileeni ammatana isa gurgurtani ijeeftani.

53 Isani seera Waaqi malaika ufitiini isanii erge argattani, ammo guutu diddani!


Duisa Stefano

54 Waan kana d'ageennaani, garaani worra gubate ch'ininnatani.

55 Ammo Stefanoni Lubbu Qulqullooni guutamnaani, gara gubba sonaani olilaale, guddinna Waaqa arge, Yeso harka mirgicha ka Waaqa oleju arge

56 waan jed'e, Me ilaala, anini gubba banamtu arga, Ilma Nama harka mirgicha Waaqa oleju arga.

57 Jennaani qonqo olfud'atani ch'aarani, gurra ch'uqaalatani, isati oriani,

58 dira keesaa baasani, d'akhaani had'ani. Worri waan kana arge woya ufi fulla namicha kaima toko ka Saulo jed'ani naqani.

59 D'akhaani Stefano had'uma had'ani, ato inni Waaqa yaamate, Aabbo Yeso, lubbu tiyya fud'ad'u jed'u.

60 Jennaani inni jilbifate qonqo olfud'ate waan jed'e, Aabbo, ch'ubbu tana worrati inheregiini. Eegi waan kana jed'e due.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan